BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 QORONTOS 4-6
“Abdii hin Kutannu”
Maatiiwwan gamoo dulloomee jiguu gaʼe tokko keessa jiraatan lama akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Maatiin inni tokko baayʼee abdii kutateera. Kan nama dinqisiisu, maatiin inni kaan immoo gammachuu qaba. Maaliif? Maatiin inni lammaffaan dhiheenyatti mana haaraa bareedaa taʼetti galuuf jedha.
“Uumamni hundi hanga ammaatti walii wajjin aadaa fi cinqamaa” kan jiru taʼus, tajaajiltoonni Waaqayyoo abdii isaan jajjabeessu qabu. (Rom 8:22) Rakkina waggoota hedduudhaaf nu dhiphisaa ture dabalatee, rakkinni yeroo ammaatti nu irra gaʼaa jiru, jireenya bara baraa addunyaa haaraa keessatti argannuu wajjin yeroo wal bira qabamee ilaalamu “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” dha. Eebba Mootummichi gara fuulduraatti fidu irratti xiyyeeffachuun keenya gammachuu guddaa akka argannuu fi abdii akka hin kutanne nu gargaara.