LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb19 Onkoloolessa ful. 5
  • Amala Qulqulluu fi Ulfina Guddaa Argisiisuun Dhugaa Akka Fudhatan Taasisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amala Qulqulluu fi Ulfina Guddaa Argisiisuun Dhugaa Akka Fudhatan Taasisa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hiriyaa Gaaʼelaakee Kabaji
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Gaaʼela Gaarii Qabaachuuf Gargaarsa Waaqayyoo Gaafadhaa
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Walii Keessaniif Amanamaa
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Firoota Keessanii Wajjin Nagaadhaan Jiraachuu
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
mwb19 Onkoloolessa ful. 5

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Amala Qulqulluu fi Ulfina Guddaa Argisiisuun Dhugaa Akka Fudhatan Taasisa

Haadhotiin manaa Kiristiyaanota taʼan amala gaarii argisiisuun isaanii yeroo baayʼee abbootiin manaa isaanii dhugaa akka fudhatan taasisa. Haa taʼu malee, kun waggoota hedduudhaaf rakkina hedduu dandaʼuu gaafata taʼa. (1Ph 2:21-23; 3:1, 2) Balleessaa kee malee rakkinni si irra gaʼaa jira yoo taʼe wanta hamaa isa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi. (Rom 12:21) Fakkeenyi keessan inni gaariin wanta dubbattan caalaa dhiibbaa gaarii isaan irratti gochuu dandaʼa.

Wantoota tokko tokko karaa hiriyaan gaaʼelaa keessan ilaaluun ilaaluuf carraaqqii godhaa. (Flp 2:3, 4) Miira isaanii hubadhaa, gara laafina isaanitti argisiisaa, akkasumas karaa ulfina qabuun itti gaafatamummaa keessan raawwachuuf wanta isiniif dandaʼamu hunda godhaa. Xiyyeeffannaadhaan kan dhaggeeffattan taʼaa. (Yaq 1:19) Obsa qabaadhaa, hiriyaa gaaʼelaa keessan akka jaallattan isaaniif mirkaneessaa. Hiriyaan gaaʼelaa keessan akkuma keessan gaarummaa fi ulfina kan isinitti hin argisiisne taʼu illee, Yihowaan amanamummaa keessan akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu.—1Ph 2:19, 20.

VIIDIYOO YIHOWAAN ITTI GAAFATAMUMMAA KEENYA AKKA BAANU NU JABEESSA JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Girees Liin yeroo heerumtetti jireenyi ishii maal fakkaata ture?

  • Wanti dhugaan Kitaaba Qulqulluu akka ishii hawwatu taasise maali dha?

  • Obboleettiin teenya Liin erga cuuphamtee booda haala rakkisaa ishii mudate kan dandamatte akkamitti?

  • Obboleettiin teenya Liin abbaa manaa ishii ilaalchisee kadhannaa akkamii dhiheessite?

  • Obboleettiin teenya Liin amala qulqulluu fi ulfina guddaa argisiisuun ishii eebba akkamii ishiidhaaf argamsiiseera?

Obboleettiin takka Girees Lii wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa jirti; Girees karaa dhiphaa tokko irra teessee booʼaa jirti; Gireesii fi ijoolleen ishii mana nyaataa isaaniitii baʼanii gara walgaʼii deemaa jiru; Gireesii fi maatii ishii

Amala qulqulluu qabaachuunii fi ulfina guddaa argisiisuun humna guddaa qaba!

Amala qulqulluu qabaachuunii fi ulfina guddaa argisiisuun hiriyaan gaaʼelaa keessan kan cuuphame taʼus, itti gaafatamummaa karaa hafuuraa qabu raawwachuu irratti dursa utuu hin fudhatin yeroo hafuttis gargaaruu dandaʼa. Viidiyoo “Dubbii Malee” Hiriyaa Gaaʼelaa Keessan Jajjabeessaa jedhu ilaali.

Obboleettiin takka abbaa manaa ishii qabbanaaʼe ilaalaa jirti
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi