BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 6-8
‘Inni Akkuma Kana ni Raawwate’
Nohii fi maatiin isaa markaba guddaa taʼe sana ijaaruuf meeshaalee fi mala ammayyaa taʼe utuu hin qabaatin hojii hedduu isaan hojjetan mee yaadan ilaalaa.
Markabichi baayʼee guddaa ture—Dheerinni isaa meetira 133, balʼinni isaa meetira 73 fi hojjaan isaa meetira 13 ture
Muka muruu, qiqqirixuu fi iddoo barbaadamutti geessuu qabu turan
Markaba guddaa taʼe kana guutummaa isaa alaanis taʼe keessaan leelee (reenjii) dibuu qabu turan
Nyaata isaaniis taʼan bineeldonni waggaa tokkoof nyaatan kuusuun isaan barbaachisa ture
Hojii kana xumuruun gara waggaa 40 hanga 50 fudhata ture
Wanti Yihowaan akka hojjennu nu gaafate ulfaataa akka taʼe yommuu nutti dhagaʼamutti seenaan kun kan nu jajjabeessu akkamitti?