BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 9-11
‘Namni Lafa Irraa Guutummaatti Afaan Tokkicha Qaba Ture’
Yihowaan Baabelitti ilmaan namoota ajajamoo hin taane afaan isaanii waliin makuudhaan akka bibittinaaʼan godheera. Yeroo ammaatti Yihowaan tuuta uummata guddaa sabaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan walitti qabuudhaan “harka wal qabatanii akka isa tajaajilaniif, Maqaa Yihowaas akka waammataniif” “qooqa qulqulluu tokko” isaaniif kenneera. (Sef 3:9 NW; Mul 7:9) ‘Qooqni qulqulluu’ taʼe kun dhugaa waaʼee Yihowaa fi kaayyoowwan isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuudha.
Afaan haaraa barachuun jechoota haaraa taʼan yaadachuu caalaa wanta dabalatu qaba. Karaa haaraa taʼeen yaaduun nu barbaachisa. Haaluma wal fakkaatun afaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu, jechuunis afaan isa qulqulluu taʼe yommuu barannus sammuun keenya ni jijjiirama. (Rom 12:2) Barumsi itti fufiinsa qabu kun saba Waaqayyoo gidduutti tokkummaan akka jiraatu godha.—1Qo 1:10.