BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 18-19
“Abbaan Firdii Guutummaa Biyya Lafaa” Sodoomii fi Gomoraa Balleesse
Tarkaanfii Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa irratti fudhate irraa maal baranna?
Yihowaan hamminni callisee akka itti fufu hin godhu
Namoonni fedha Waaqayyoo hordofanii fi raawwatan murtoo dhiheenyatti godhamu irraa oolu.—Luq 17:28-30
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Gochi addaggummaa addunyaa kanaa na dhiphisaa jiraa?’ (2Ph 2:7) ‘Jireenya koo keessatti fedhii Yihowaa raawwachuun wanta baayʼee barbaachisaa akka taʼe argisiisaan jiraa?’