AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Ija Jabina Ilaalchisee Uumama Irraa Maal Baranna?
Yihowaan fakkeenya dhiirotaa fi dubartoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanitti fayyadamuudhaan amalawwan isaa akka argisiisnu nu barsiisa. Haa taʼu malee, wantoonni inni uumes barumsawwan barbaachisoo taʼan nu barsiisu. (Iyo 12:7, 8) Leencota, fardeen, moongusota, haamingibardootaa fi arboota irraa waaʼee ija jabinaa barumsa akkamii arganna?
VIIDIYOO UUMAMA IRRAA IJA JABINA BARADHAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Leenconni dhaltuun ilmoolee isaanii eeguuf ija jabina kan argisiisan akkamitti?
Fardeen waraana irratti ija jabeeyyii akka taʼan kan leenjifaman akkamitti?
Moongusonni bofa summii qabu kan hin sodaannee maaliifi?
Haamingibardoonni xixinnoon ija jabina kan argisiisan akkamitti?
Arboonni, arboota homaa isaanii keessa jiran kaan ija jabinaan balaa irraa kan eegan akkamitti?
Bineeldonni kun waaʼee ija jabinaa maal isin barsiisan?