MUDDEE 8-14
ISAAYYAAS 6-8
Faarfannaa 75 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. “Kunoo Ani Jira! Ana Ergi!”
(Daq. 10)
Isaayyaas raajii Waaqayyoo taʼuuf mamii tokko malee fedhiidhaan of dhiheesseera (Isa 6:8; w17.04 29 key. 5)
Hojiin Isaayyaasiif kenname ulfaataa ture (Isa 6:9, 10; w09 3/15 29 key. 5)
Namoonni hedduun akkuma Isaayyaasiin hin dhageenye Yesuusiinis hin dhageenye (Mat 13:13-15; w14 12/15 6 key. 2)
KANA IRRATTI XIINXALI: Yihowaa tajaajiluuf fedhiidhaan of dhiheessuurratti fooyyaʼiinsa gochuu kanan dandaʼu akkamitti?
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Isa 8:1-4—Hiriyoonni gaaʼelaa fakkeenya Isaayyaasii fi haadha manaasaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (w21.11 16 key. 9, 10)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Isa 8:1-13 (th qoʼannaa 5)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Kutaa dabalataa A birooshura Namoota Jaalladhu jedhamuurraa dhugaa tokko itti himi. (lmd barumsa 4 qabxii 5)
5. Hordofii Gargaari
(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 9 qabxii 3)
6. Hordofii Gargaari
(Daq. 5) MANAA GARA MANAA. Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu itti argisiisi. (lmd barumsa 9 qabxii 5)
Faarfannaa 83
7. Tajaajilli Manaa Gara Manaa Mallattoo Ittiin Beekamnudha
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaatti lallabuusaaniitiin beekamu; kanas kan godhan fakkeenya Yesuusii fi Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofuudhaani.—Luq 10:5; HoE 5:42.
Yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 turetti garuu manaa gara manaatti lallabuu keenya dhaabnee turre. Yeroo sanatti karaa alidilee taʼeen, akkasumas xalayaa fi bilbilatti fayyadamne misiraachicha lallabaa turre. Malawwan tajaajilaa gaggaarii taʼan kanatti caalaatti baruuf carraa argachuu keenyatti gammanneerra! Taʼus ammayyuu, malli misiraachicha babalʼisuuf itti fayyadamnu inni guddaan lallaba manaa gara manaati. Isinoo dhaabbataadhaan manaa gara manaatti tajaajiluu ni dandeessuu?
Tajaajilli manaa gara manaa wantoota armaan gadii gochuuf kan nu gargaaru akkamitti?
Naannoo tajaajilaa keenya akka gaariitti waliin gaʼuuf
Dandeettii barsiisuu keenya fooyyeffachuuf, akkasumas ija jabina, loogiirraa fagaachuu fi fedhii ofii aarsaa gochuu dabalatee amaloota gaggaarii horachuuf
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf
VIIDIYOO Haala Qilleensaa Garaagaraa Keessatti Lallabuu jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Labsitoota wangeelaa fedhii ofii aarsaa godhanii fi Odolawwan Faarootti argamanirraa maal barattan?
8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 42-43