LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 2 ful. 10-12
  • Addunyaa Haaraa Keessa Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addunyaa Haaraa Keessa Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Addunyaan Darbaa Jira.’—1 YOHAANNIS 2:17.
  • “Namni fedhii Waaqayyoo raawwatu . . . bara baraaf jiraata.”
  • WAAQAYYOON ‘BEEKUUDHAAN’ BADIISA ADDUNYAATTI DHUFU IRRAA OOLI
  • Waaqayyo Jannata keessa akka jiraannu kan barbaadu taʼuu isaa baranna.
  • Rakkinni kan nu irra gaʼu maaliif akka taʼe baranna.
  • Waaqayyo nu gargaaruuf maal akka godhe baranna.
  • Wanta Waaqayyo nuuf godhe akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.
  • KITAABA QULQULLUU ISA DUBBII WAAQAYYOO TAʼE GUYYAA GUYYAADHAAN DUBBISI
  • GARGAARSA ARGACHUUF WAAQAYYOON KADHADHU
  • Waaqayyo Kanaan Dura Maal Raawwate?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Bara Baraaf Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu Dandeessa
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Yesus kan Dhiphatee fi kan Duʼe Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 2 ful. 10-12

Addunyaa Haaraa Keessa Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Mata dureewwan darban irratti Waaqayyo namoota hamoo taʼanii fi rakkina isaan geessisan hunda yeroo dhihootti akka balleessu baranneerra. Kun akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Abdiin kun Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe keessatti waan ibsameefi.

‘Addunyaan Darbaa Jira.’—1 YOHAANNIS 2:17.

Caqasni Kitaaba Qulqulluu armaan olii waadaa armaan gadii waan qabateef namoonni oolan akka jiran mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

“Namni fedhii Waaqayyoo raawwatu . . . bara baraaf jiraata.”

Kanaafuu, badiisa irraa ooluu kan dandaʼu nama fedhii Waaqayyoo raawwatu dha. Fedhiin isaa maal akka taʼe beekuuf garuu, jalqaba waaʼee Waaqayyoo barachuu qabna.

WAAQAYYOON ‘BEEKUUDHAAN’ BADIISA ADDUNYAATTI DHUFU IRRAA OOLI

Fakkiiwwan garaa garaa : 1. Narsiin baayʼee dhiphattee fi dadhabde takka hospitaala keessa lafa irra teessee jirti. 2. Kaaffee keessa teessee dubartiin ishii wajjin hojjettu takka gammachuudhaan barruu tokko yeroo dubbistu ilaalaa jirti. 3. Dubartiin ishii wajjin hojjettu caqasa Kitaaba Qulqulluu erga ishiidhaaf dubbistee booda kaardii teessoo jw.org kenniteef.

Yesuus, “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkicha . . . beekuu qabu” jedheera. (Yohaannis 17:3) Badiisa irraa oollee bara baraaf jiraachuuf, Waaqayyoon ‘beekuun’ keenya barbaachisaa dha. Kun immoo Waaqayyo jiraachuu isaa amanuu ykn waaʼee isaa wantoota muraasa beekuu caalaa wanta dabalatu qaba. Isatti michoomuu qabna. Michummaan nama tokkoo wajjin qabnu akka cimu yoo barbaanne, nama sanaa wajjin yeroo dabarsuu qabna. Michummaan Waaqayyoo wajjin qabnus akkasuma. Mee wantoota michummaa Waaqayyoo wajjin qabnu cimsachuuf nu gargaaran tokko tokko Kitaaba Qulqulluu irraa haa ilaallu.

Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu Irraa Barannu

Narsiin sun mana ishiitti weebsaayitii jw.org ilaalaa jirti.

Waaqayyo Jannata keessa akka jiraannu kan barbaadu taʼuu isaa baranna.

Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin erga uumee booda, iddoo biqiltuu bareedaa Eedan jedhamu keessa isaan kaaʼe. Isaan cubbuu hin qaban turan, akkasumas Waaqayyo jireenya gammachiisaa akka jiraataniif wanta isaan barbaachisu hunda isaaniif kennee ture. Bara baraaf jiraachuus ni dandaʼu turan. Utuu michuu Waaqayyoo taʼanii itti fufaniiru taʼee hin duʼan turan. Garuu ajaja salphaa Waaqayyo isaaniif kenneef ajajamuu didan.

Rakkinni kan nu irra gaʼu maaliif akka taʼe baranna.

Nama jalqabaa kan taʼe Addaam Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan innis taʼe sanyiin isaa jireenya bara baraa akka dhaban godheera. Kitaabni Qulqulluun, “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu . . . duuti namoota hundumaa waliin gaʼe” jedha. (Roomaa 5:12) Akkuma namni tokko warra isaa irraa dhukkuba sanyiidhaan daddarbu dhaaluu dandaʼu, nuti ijoolleen Addaam hundis cubbuu isa irraa dhaalleerra. Kanaafuu, ni dulloomna, akkasumas ni duuna.

Waaqayyo nu gargaaruuf maal akka godhe baranna.

Kitaabni Qulqulluun, “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera” jedha. (Yohaannis 3:16) Waaqayyo, Yesuus nuuf jecha lubbuu isaa aarsaa akka godhuuf gara lafaatti isa ergeera. Gocha jaalalaa kana ilaalchisee maanguddoon Hindii umuriin isaanii waggaa 86 taʼee fi Paraabaakaar jedhaman, “Kun Yihowaana jaalala guddaa akka naaf qabu argisiisa. Jaalalli isaa kun abdii jireenya bara baraa naaf argamsiiseera” jedhaniiru.

Wanta Waaqayyo nuuf godhe akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.

Kitaabni Qulqulluun, ‘ajajawwan isaa eeguudhaan’ wanta Waaqayyo nuuf godhe akka dinqisiifannu argisiisuu akka dandeenyu dubbata. (1 Yohaannis 2:3) Waaqni keenya Yihowaan jaalalaan kakaʼee yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiiseera. (Isaayyaas 48:17, 18, miiljalee) Waaqayyo rakkinni akka nu irra gaʼu hin barbaadu. Qajeelfama isaa kan hordofnu yoo taʼe yeroo ammatti jireenya gammachiisaa, gara fuulduraatti immoo jireenya bara baraa akka argannu waadaa nuuf galeera.

KITAABA QULQULLUU ISA DUBBII WAAQAYYOO TAʼE GUYYAA GUYYAADHAAN DUBBISI

Narsiin sun boqonnaa laaqanaa ishiitti Kitaaba Qulqulluu erga dubbistee booda gara samii ilaalaa jirti.

Waaqayyo akka si gargaaru kadhachuu fi fedhii isaa raawwachuudhaan badiisa addunyaatti dhufu irraa ooluu dandeessa

Jiraachuuf guyyaa guyyaadhaan nyaachuun nu barbaachisa. Yesuus garuu, “Namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu” jedheera.—Maatewos 4:4.

Yeroo harʼaatti dubbii Yihowaa beekuu kan dandeenyu Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaani. Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan wanta Waaqayyo kana dura raawwate, yeroo ammatti raawwachaa jiruu fi gara fuulduraatti raawwatu beekuu dandeessa.

GARGAARSA ARGACHUUF WAAQAYYOON KADHADHU

Qajeelfama Waaqayyoo hordofuu kan barbaaddu taʼus, wanta inni dogoggora akka taʼe dubbate dhiisuun yoo sitti ulfaate hoo? Yeroo akkasiitti caalaatti Waaqayyoon beekuun kee si fayyada.

Haala dubartii Sakuuraa jedhamtuu fi jireenya naamusaan ala taʼe jiraachaa turtee haa ilaallu. Yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdetti ajaja Waaqayyo, “Halalummaa irra baqadhaa!” jechuudhaan kenne baratte. (1 Qorontos 6:18) Sakuuraan Waaqayyo jabina akka ishiif kennu erga kadhattee booda gocha gadhee kana dhiisuu dandeesseetti. Garuu amma iyyuu miira ishii qoruu wajjin waldhaansoo gooti. “Yaanni halalummaa yommuu gara sammuu kootti dhufu, kophaa koo mooʼuu akkan hin dandeenye waanan beekuuf, wanta hundumaa kadhannaadhaan Yihowaattan hima. Kadhannaan Yihowaatti dhihaachuuf na gargaareera” jetteetti. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanis akkuma Sakuuraa Waaqayyoon beekuu dandaʼaniiru. Innis humna jireenya isaanii keessatti jijjiirama gochuu fi jireenya isa gammachiisu jiraachuuf isaan gargaaru isaaniif kennaa jira.—Filiphisiyus 4:13.

Caalaatti Waaqayyoon beekaa yommuu deemtu caalaatti akka michuu jaallatamaatti “Waaqayyo biratti . . . beekamta.” (Galaatiyaa 4:9; Faarfannaa 25:14) Kun immoo badiisa irraa ooluudhaan addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraachuuf si gargaara. Garuu addunyaa haaraan sun maal fakkaata? Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi