LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 2 ful. 7-9
  • Addunyaan kun Yoom Balleeffama? Yesuus Maal Jedhe?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addunyaan kun Yoom Balleeffama? Yesuus Maal Jedhe?
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTA YESUUS BADIISA ADDUNYAA ILAALCHISEE DUBBATE LAMA ILAALI:
  • “Egaa, isin guyyichas taʼe saʼaaticha waan hin beekneef dammaqaa eegaa.”—MAATEWOS 25:13.
  • “Guyyaan murteeffame sun yoom akka taʼe waan hin beekneef, yeroo hunda xiyyeeffannaadhaan hordofaa, dammaqinaanis eegaa.”—MAARQOS 13:33.
  • MALLATTOO
  • “GUYYOOTA DHUMAA”
  • YEROON LAFTI JANNATA ITTI TAATU DHIHAATEERA!
  • Kan Jiraannu “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessadhaa?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Dhumni Addunyaa Dhihaateeraa?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessa Akka Jirru Akkamitti Beekuu Dandeenya?
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Dhuma Biyya Lafaa​—Sodaa, Hawwiifi Abdii Kutachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Dabalataan Ilaaluuf
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 2 ful. 7-9
Yesuus mallattoo guyyoota dhumaa ergamoota isaatti himaa jira.

Addunyaan kun Yoom Balleeffama? Yesuus Maal Jedhe?

Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle Kitaabni Qulqulluun waaʼee badiisa addunyaa yeroo dubbatu lafti ykn ilmaan namootaa akka balleeffaman dubbachuu isaa miti. Kanaa mannaa, sirni mancaʼaan yeroo ammaa jiruu fi warri isa deggeran hundi akka balleeffaman argisiisa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun sirni hamaan kun yoom akka balleeffamu ni dubbataa?

WANTA YESUUS BADIISA ADDUNYAA ILAALCHISEE DUBBATE LAMA ILAALI:

“Egaa, isin guyyichas taʼe saʼaaticha waan hin beekneef dammaqaa eegaa.”—MAATEWOS 25:13.

“Guyyaan murteeffame sun yoom akka taʼe waan hin beekneef, yeroo hunda xiyyeeffannaadhaan hordofaa, dammaqinaanis eegaa.”—MAARQOS 13:33.

Kanaafuu, namni lafa irra jiru kam iyyuu dhumni sirna kanaa yoom akka dhufu hin beeku. Haa taʼu malee, Waaqayyo “guyyaa . . . fi saʼaatii” sirni kun itti balleeffamu murteesseera. (Maatewos 24:36) Kana jechuun badiisni addunyaa dhihaachuu isaa beekuu hin dandeenyu jechuu dhaa? Akkas jechuu miti. Yesuus taʼeewwan badiisni addunyaa dhihaachuu isaa argisiisan maalfaa akka taʼan barattoota isaatti himeera.

MALLATTOO

Taʼeewwan kun mallattoo “dhuma sirna kanaa” ti. Yesuus, “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa; akkasumas hanqinni nyaataa fi kirkirri lafaa bakka garaa garaatti ni taʼa” jedheera. (Maatewos 24:3, 7) Kana malees, Yesuus “golfaan,” jechuunis dhukkubni daddarbaan akka jiraatu dubbateera. (Luqaas 21:11) Taʼeewwan Yesuus raajiidhaan dubbate yeroo raawwataman argaa jirtaa?

Waraanonni badiisa guddaa geessisan, beelli, kirkirri lafaa fi dhukkuboonni ciccimoon yeroo harʼaatti namoota irratti miidhaa geessisaa jiru. Fakkeenyaaf, bara 2004⁠tti, kirkirri lafaa cimaan Garba Hindii keessatti kaʼe obomboleettiin namoota gara 225,000 taʼan galaafate akka uumamu godheera. Weerarri dhibee Kooviid 19 waggaa sadi keessatti addunyaa maratti namoota gara miliyoona 6.9 taʼan galaafateera. Yesuus taʼeewwan kun dhumni sirna kanaa dhihaachuu isaa kan argisiisan akka taʼan dubbateera.

“GUYYOOTA DHUMAA”

Kitaabni Qulqulluun yeroo dhumni dhufuu isaa dura jiru “guyyoota dhumaa” jedhee waama. (2 Pheexiros 3:3, 4) Ximotewos Lammaffaan 3:1-5 guyyoota dhumaatti ilmaan namootaa karaa naamusaa akka mancaʼan dubbata. (Saanduqa, “Wantoota Badiisa Addunyaa Dura Taʼan” jedhu ilaali.) Namoonni yeroo harʼaa jiran ofittoo, sassatoo, gara jabeeyyii fi jaalala kan hin qabne taʼuu isaanii hubatteettaa? Kunis ragaa badiisni addunyaa baayʼee dhihaachuu isaa argisiisu dha.

Guyyoonni dhumaa hammam dheeratu? Kitaabni Qulqulluun guyyoonni dhumaa ‘yeroo gabaabaadhaaf’ qofa akka turan dubbata. Achiis Waaqayyo “warra lafa mancaasan” ni balleessa.—Mulʼata 11:15-18; 12:12.

Waraana

Loltoonni lama dahoo jala dhokatanii dhukaasaa jiru.
  • Bara 2007 hanga 2017tti, lakkoofsi namoota waraanaa fi shororkeessummaadhaan duʼanii dhibbeentaa 118n dabaleera

Dhukkuba

Namichi dhukkubsate tokko hospitaala keessa ciisee jira.
  • Dhukkuboonni namoota ajjeesuudhaan beekaman muraasni dhukkuba onnee, istirookii, dhukkuba sombaa, dhibeewwan daaʼimman reefu dhalatan mudatan, dhukkuba garaa kaasaa, kaansarii fi daranyoo sombaa ti

Beela

Intalli beelofte takka saanii golboo qabatteetti.
  • Bara 2021tti uummata addunyaa keessaa namoonni dhibbeentaa 9.8 taʼan beelaʼaniiru, akkasumas ijoollee umurii waggaa shanii gadii sadi keessaa tokko hanqina nyaataatiin dararama

Hojii Lallabaa Addunyaa Maraa

Dhugaa Baatonni Yihowaa lama gaarii barreeffamaa bira dhaabbatanii namicha tokko haasofsiisaa jiru.
  • Labsitoonni gaʼumsa qabanii (Dhugaa Baatonni Yihowaa) fi miliyoona 8.6 ol taʼan biyyoota 240 keessatti afaanota 1,000 oliin barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan raabsaa jiru

YEROON LAFTI JANNATA ITTI TAATU DHIHAATEERA!

Waaqayyo guyyaa fi saʼaatii sirna hamaa kana itti balleessu murteesseera. (Maatewos 24:36) Wanti nama gammachiisu kan biraan immoo, Waaqayyo ‘namni tokko illee akka badu hin barbaadu.’ (2 Pheexiros 3:9) Ilmaan namootaa ulaagaalee isaa wajjin wal simanii akka jiraataniif carraa isaaniif kenneera. Maaliif? Badiisa addunyaa kanatti dhufu irraa oollee addunyaa haaraa lafti jannata itti taatu keessa akka jiraannu waan barbaaduufi.

Waaqayyo namoonni addunyaa haaraa Mootummaan isaa fidu keessa jiraachuuf gaʼumsa akka qabaataniif, addunyaa maratti sagantaa barumsaa isaan gargaaru qopheesseera. Yesuus misiraachoon waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbatu “guutummaa lafaa irratti” akka lallabamu dubbateera. (Maatewos 24:14) Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman abdii Kitaaba Qulqulluu keessa jiru lallabuu fi namoota barsiisuudhaan saʼaatii biliyoonaan lakkaaʼamu dabarsu. Yesuus dhumni dhufuu isaa dura duulli lallabaa kun addunyaa maratti akka geggeeffamu dubbateera.

Bulchiinsi ilmaan namootaa baduuf jedha. Kan nama gammachiisu garuu, badiisa addunyaa kanatti dhufu irraa ooltee lafa jannata taatuu fi Waaqayyo abdachiise irra jiraachuu ni dandeessa. Mata dureen itti aanu addunyaa sana keessa jiraachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsa.

WANTOOTA BADIISA ADDUNYAA DURA TAʼAN

“Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe [ni dhufa]. Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, arrabsitoota, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, gantoota, mata jabeeyyii, boonuudhaan kan of bokoksan, Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu; Waaqa kan sodaatan fakkaatu, humna isaa garuu ni ganu.”—2 XIMOTEWOS 3:1-5.

Raajiin Yesuus “guyyoota dhumaa” ilaalchisee dubbate abdii nuu kenna

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi