YAADA QOʼANNAADHAAF TAʼU
Qabxiilee Ijoo Irra Deebiʼi
Wanta reefu qoʼatte yaadachuun sitti ulfaataa? Hundi keenyayyuu darbee darbee haalli akkasii nu mudata. Maarree, maaltu nu gargaara? Qabxiilee ijoo irra deebiʼuudha.
Yeroo qoʼattu, gidduutti dhaabbadhuutii yaadawwan barbaachisoo taʼanirratti yaadi. Phaawulos ergamaan, “Yaadni ijoo wanta dubbachaa jirruu kana dha” jechuudhaan namoonni xalayaasaa qoʼatan takka dhaabbatanii akka irratti yaadan jajjabeesseera. (Ibr. 8:1) Karaa kanaan, maal jechuu akka barbaadee fi wanti dubbate kan wal qabatu akkamitti akka taʼe akka hubatan isaan gargaareera.
Xumura qoʼannaa keerratti qabxiilee ijoo wanta qoʼatteerratti xiinxaluuf yeroo muraasa, tarii gara daqiiqaa kudhanii ramaduu dandeessa. Qabxiilee ijoo yaadachuun yoo sitti ulfaate, yaadachuu akka dandeessuuf mata dureewwan xixiqqaa fi keeyyatoota keessaa himoota jalqabaa irra deebiʼii ilaali. Barumsa haaraa yoo argatte, jecha mataa keetiin ibsuuf yaali. Qabxiilee ijoo irra deebiʼuun kee, wanta qoʼatte yaadachuuf qofa utuu hin taʼin, wanti baratte jireenya kee wajjin akkamitti akka wal qabatu hubachuufis si gargaara.