LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Caamsaa ful. 20-25
  • Maqaan Yihowaa Yesuusiif Hammam Barbaachisaadha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maqaan Yihowaa Yesuusiif Hammam Barbaachisaadha?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “MAQAA KEE ISAANITTI BEEKSISEERA”
  • “MAQAA KEE ISA ATI ANAAF KENNITE”
  • “YAA ABBAA, MAQAA KEETIIF ULFINA KENNI”
  • “LUBBUU KOO DABARSEE NAN KENNA”
  • “ANI HOJII AKKAN HOJJEDHU ANAAF KENNITE [XUMUREERA]”
  • Maqaan Yihowaa Nuuf Hammam Barbaachisaadha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • “Maqaa Yihowaa Jajadhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Furicharraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • ‘Eenyuun Akka Tajaajiltan Filadhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Caamsaa ful. 20-25

MATA DUREE QOʼANNAA 22

FAARFANNAA 15 Ilma Yihowaa Isa Angafa Jajadhaa!

Maqaan Yihowaa Yesuusiif Hammam Barbaachisaadha?

“Maqaa kee isaanitti beeksiseera; gara fuulduraattis nan beeksisa.”—YOH. 17:26.

YAADA IJOO

Yesuus maqaa Yihowaa kan beeksise, kan qulqulleessee fi himatarraa bilisa kan godhe akkamitti akka taʼe ilaalla.

1-2. (a) Yesuus halkan ajjeefamuusaa dura turetti maal godhe? (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa ilaalla?

YEROONSAA Kamisa galgala DH.K.B. Niisaan 14, 33 ture. Yesuus dabarfamee kennamuuf, itti murteeffamuuf, dararamuu fi ajjeefamuuf jedha ture. Kutaa fooqiirra jiru tokko keessatti ergamootasaa amanamoo wajjin irbaata addaa nyaatee xumureera. Irbaata sana booda yeroo xumuraatiif yaada nama jajjabeessu ergamootasaa kanaaf hire. Achiis, kutaa fooqiirraa sana keessaa baʼuusaanii dura Yesuus kadhannaa baayʼee barbaachisaa taʼe tokko dhiheesse. Kadhannaa kana kan barreesse Yohaannis ergamaa yeroo taʼu, Yohaannis boqonnaa 17​rratti argama.

2 Kadhannaan Yesuus wanta yeroo sanatti isa yaaddessaa ture ilaalchisee maal nu hubachiisa? Kadhannaan kun yeroo inni lafarratti tajaajilaa ture hundatti wanti inni iddoo guddaa kennuuf maal akka taʼe kan argisiisu hoo akkamitti? Mee deebii gaaffiiwwan kanaa haa ilaallu.

“MAQAA KEE ISAANITTI BEEKSISEERA”

3. Yesuus waaʼee maqaa Yihowaa maal jedhee ture? Yeroo akkas jedhu hoo maal jechuusaati? (Yohaannis 17:6, 26)

3 Yesuus kadhannaasaarratti, “Maqaa kee isaanitti beeksiseera” jedheera. Maqaa Yihowaa barattootasaatti akka beeksise siʼa lama dubbateera. (Yohaannis 17:6, 26 dubbisi.) Yesuus yeroo akkas jedhu maal jechuusaati? Maqaa isaan kanaan dura hin beekne akka isaanitti hime dubbachuusaa turee? Barattoonni Yesuus Yihudoota waan turaniif maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu beeku turan. Maqaan kun Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti gara al kuma torbaa argama. Kanaafuu, Yesuus maqaa Yihowaa isa dhuunfaa akka isaanitti beeksise dubbachaa hin turre; kanaa mannaa, qaama maqaan kun bakka buʼu akka isaanitti beeksise dubbachuusaa ture. Kaayyoosaa, hojiisaa fi amalawwansaa karaa eenyuyyuu sana dura godhee hin beekneen isaanitti beeksisuudhaan barattoonnisaa Yihowaa caalaatti akka beekan isaan gargaareera.

4-5. (a) Maqaa nama tokkoo beekuu jechuun maal jechuu akka taʼe fakkeenyaan ibsi. (b) Barattoonni Yesuus maqaa Yihowaa caalaatti kan beekan akkamitti ture?

4 Mee kana fakkeenyaan ibsuuf, gumii keessan keessa obboleessi Deevid jedhamu jira haa jennu; obboleessi kun jaarsa gumii fi doktaradha. Obboleessa kana waggoota hedduudhaaf beekta. Gaaf tokko garuu yaaliin fayyaa hatattamaa si barbaachise. Achiis gara hospitaala obboleessi kun hojjetuu daftee dhaqxe; innis ogummaasaatti fayyadamee lubbuu kee siif oolche. Amma obboleessa kana isa kanaan duraa caalaa jaallatta. Maqaasaa yeroo dhageessu wanta inni siif godhe yaadatta. Amma Deevid jaarsa gumii akka taʼetti qofa utuu hin taʼin doktara lubbuu kee siif oolche akka taʼetti isa ilaalta.

5 Haaluma wal fakkaatuun barattoonni Yesuusis maqaa Yihowaa durumaanuu beeku turan. Haa taʼu malee, Yesuus Yihowaa caalaatti akka beekan waan isaan gargaareef, sana booda maqaan kun isaaniif iddoo guddaa qaba. Akkas kan jennu maaliifi? Yesuus dubbii fi gochasaatiin eenyummaa Abbaasaa guutummaatti waan calaqqisiiseefi. Kanaafuu, ergamoonni barumsa Yesuus dhaggeeffachuu fi akkaataa inni itti namoota qabu ilaaluudhaan Yihowaa caalaatti ‘beekuu’ dandaʼaniiru.—Yoh. 14:9; 17:3.

“MAQAA KEE ISA ATI ANAAF KENNITE”

6. Yihowaan maqaasaa Yesuusiif kan kenne akkamitti? (Yohaannis 17:11, 12)

6 Yesuus, “Maqaa kee isa anaaf kennite sanaaf jedhiitii isaan eegi” jedhee barattootasaatiif kadhateera. (Yohaannis 17:11, 12 dubbisi.) Kana jechuun Yesuus sana booda Yihowaa jedhamee waamama ture jechuudhaa? Lakki. Yesuus kadhannaa isaarratti maqaa Yihowaa jedhu “maqaa kee” akka jedhe hubadhu. Kanaafuu maqaan Yihowaa jedhamu maqaa Yesuus ittiin waamamu hin taane. Maarree Yesuus maqaan Waaqayyoo akka isaaf kenname yommuu dubbatu maal jechuu isaa ture? Tokkoffaa, Yesuus bakka buʼaa fi Dubbii Himaa Yihowaa ture. Maqaa Abbaa isaatiin dhufeera, akkasumas maqaasaatiin hojiiwwan dinqisiisoo hedduu raawwateera. (Yoh. 5:43; 10:25) Lammaffaa, hiikni maqaa Yesuus “Yihowaan Fayyisaadha” jechuudha. Eeyyee maqaan Waaqayyoo maqaa Yesuusii wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba.

7. Yesuus maqaa Yihowaa bakka buʼee kan dubbate akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

7 Fakkeenyaaf, ambaasaaddarri tokko pireezidaantii tokko bakka buʼee maqaasaatiin dubbachuu dandaʼa. Kanaafuu, wanti ambaasaaddarri tokko dubbatu hammuma wanti pireezidaantichi dubbatuu fudhatama qaba. Haaluma wal fakkaatuun, Yesuusis Yihowaa bakka buʼee maqaasaatiin namootatti dubbateera.—Mat. 21:9; Luq. 13:35.

8. Yesuus gara lafaa dhufuusaa dura Yihowaan maqaansaa “isa irra” akka jiru kan dubbate maaliifi? (Baʼuu 23:20, 21)

8 Yesuus ilmaan Waaqayyoo warra hafuuraa fi namootaaf odeeffannoo fi qajeelfama dabarsuudhaan Dubbii Himaa Yihowaa taʼee waan hojjeteef Dubbicha jedhameera. (Yoh. 1:1-3) Maleekaan Yihowaan yeroo Israaʼelonni Gibxii keessaa baʼanitti akka isaan geggeessuuf erge Yesuus taʼuu hin oolu. Yihowaan Israaʼelonni maleekaa kanaaf akka ajajaman yommuu isaanitti himu, “Sababiin isaas maqaan koo isa irra jira” jedheera.a (Baʼuu 23:20, 21 dubbisi.) Yesuus Yihowaa waan bakka buʼuuf, akkasumas isa deggeruu fi maqaasaa qulqulleessuurratti gaʼee guddaa waan qabuuf maqaan Yihowaa “isa irra” jira.

“YAA ABBAA, MAQAA KEETIIF ULFINA KENNI”

9. Maqaan Yihowaa Yesuusiif hammam barbaachisaa ture? Ibsi.

9 Akkuma olitti ilaalle Yesuus gara lafaa dhufuusaa durayyuu maqaa Yihowaatiif waan hundumaa caalaa iddoo guddaa kenna ture. Kana malees, yeroo lafarra turetti waan hojjete hundumaarratti maqaan Yihowaa isaaf hangam barbaachisaa akka taʼe argisiiseera. Tajaajilasaa xumuruu jala yeroo gaʼetti, “Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni” jedheera. Yeruma sana Abbaansaa samiirraa sagalee guddaadhaan, “Ani maqaa kootiif ulfina kenneera; ammas ulfina nan kennaaf” jedhee deebiseera.—Yoh. 12:28.

10-11. (a) Yesuus maqaa Yihowaatiif ulfina kan kenne akkamitti? (Fakkichas ilaali.) (b) Maqaan Yihowaa qulqulleeffamuu fi himatarraa walaba taʼuun kan isa barbaachisu maaliifi?

10 Yesuusis maqaa Abbaasaatiif ulfina kenneera. Akkamitti? Karaan inni itti kana godhe tokko amaloota Abbaasaa fi wantoota inni raawwate warra kaanitti mulʼisuudhaan ture. Haa taʼu malee, maqaa Yihowaatiif ulfina kennuuf wanta dabalataas godheera. Maqaan Yihowaa qulqullaaʼuu fi himatarraa walaba taʼuun isa barbaachisa ture.b Yesuus kadhannaa fakkeenya taʼu duuka buutotasaa yeroo barsiisetti kun hangam barbaachisaa akka taʼe argisiiseera. “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu” jedheera.—Mat. 6:9.

11 Maqaan Yihowaa qulqulleeffamuu fi himatarraa walaba taʼuun kan isa barbaachisu maaliifi? Sababiinsaas, Seexanni iddoo biqiltuu Eedan keessatti maqaa Yihowaa salphiseera, akkasumas balleesseera. Seexanni Yihowaan akka sobee fi wanta gaarii taʼe Addaamii fi Hewaaniin akka dhowwate dubbateera. (Uma. 3:1-5) Seexanni akkas yommuu jedhu akkaataan Yihowaan wanta tokko itti raawwatu sirrii miti jechuusaati. Himanni sobaa Seexanni dhiheesse kun haleellaa kallattiidhaan maqaa Yihowaarratti banamedha. Boodas bara Iyyoobitti Seexanni namoonni Yihowaa kan tajaajilan isarraa faayidaa waan argataniif qofadha jedhee falmeera. Kana malees, maqa balleessituun kun namni dhugumaan Yihowaa jaallachuudhaan rakkina keessatti isa tajaajiluu dandaʼu hin jiru jechuudhaan himata dhiheesseera. (Iyo. 1:9-11; 2:4) Yihowaa fi Seexana keessaa kan sobe eenyu akka taʼe mirkaneessuuf yeroon ni barbaachisa ture.

Yesuus namoota hedduu gaararratti walitti qabamaniif haasaa dhiheessaa jira.

Yesuus maqaa Waaqayyoo qulqulleessuun barbaachisaa akka taʼe duuka buutotasaa barsiiseera (Keeyyata 10 ilaali)


“LUBBUU KOO DABARSEE NAN KENNA”

12. Yesuus jaalala maqaa Yihowaatiif qabuun kakaʼee maal gochuuf fedhii qaba ture?

12 Yesuus Yihowaa waan jaallatuuf maqaasaa qulqulleessuu fi himatarraa walaba gochuuf wanta isaaf dandaʼame hunda gochuuf fedhii qaba ture. “Lubbuu koo dabarsee nan kenna” jedheera. (Yoh. 10:17, 18) Eeyyee maqaa Yihowaatiif duʼuufillee fedhii qaba ture.c Addaamii fi Hewaan namoonni jalqabaa warri mudaa hin qabne Yihowaaf ajajamuu diduudhaan Seexana cinaa dhaabbataniiru. Yesuus garuu kanarraa haala adda taʼeen fedhiidhaan gara lafaa dhufee jaalala Yihowaaf qabu mirkaneesseera. Yesuus dubbii fi gochasaatiin waan hundumaarratti Yihowaaf ajajamuudhaan kana godheera. (Ibr. 4:15; 5:7-10) Jireenyasaa keessatti hamma mukarratti fannifamee duʼutti amanamummaasaa eeggateera. (Ibr. 12:2) Kana gochuudhaan jaalala Yihowaa fi maqaasaatiif qabu argisiiseera.

13. Yesuus Seexanni sobduu akka taʼe mirkaneessuuf gaʼee addaa qaba kan jennu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

13 Yesuus akkaataa jireenyasaatiin, kan sobe Yihowaa utuu hin taʼin Seexana akka taʼe mirkaneesseera. (Yoh. 8:44) Yesuus eenyuyyuu caalaa Yihowaa akka gaariitti beeka. Himata Seexanni dubbate keessaa wanti dhugaa taʼe utuu jira taʼee, Yesuus ni beeka ture. Haa taʼu malee, Yesuus maqaa Yihowaatiif falmuuf kutatee ture. Yesuus yeroo Yihowaan isa dhiisettillee Abbaasaa isa jaalala qabeessa ganuu mannaa duʼuuf fedhii qaba ture.—Mat. 27:46.d

Yesuus muka dhiphinaarratti fannifamee jira.

Wanti Yesuus raawwate hundi Yihowaa utuu hin taʼin Seexanni sobduu taʼuusaa guutummaatti mirkaneesseera! (Keeyyata 13 ilaali)


“ANI HOJII AKKAN HOJJEDHU ANAAF KENNITE [XUMUREERA]”

14. Yihowaan amanamummaa Yesuus argisiiseef kan isa kiise akkamitti?

14 Yesuus kadhannaa galgala duʼuusaa dura turetti dhiheesserratti, “Ani hojii akkan hojjedhu anaaf kennite [xumureera]” jedheera. Yihowaan amanamummaasaatiif akka isa badhaasu mirkanaaʼaa ture. (Yoh. 17:4, 5) Yesuus Abbaasaatti amanamuunsaa sirrii ture. Yihowaan awwaala keessatti akka hafu hin heyyamne. (HoE. 2:23, 24) Duʼaa isa kaasuudhaan samii keessatti iddoo olaanaa isaaf kenneera. (Filp. 2:8, 9) Yeroo boodas Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchuu jalqabeera. Mootummaan kun maal raawwata? Yesuus kanas kadhannaa fakkeenya taʼurratti, “Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin [Yihowaa] akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu” jechuudhaan ibseera.—Mat. 6:10.

15. Yesuus kan biraa maal raawwata?

15 Yesuus dhiheenyatti diinota Waaqayyoorratti waraana banuudhaan Armaagedoonitti hamoota ni balleessa. (Mul. 16:14, 16; 19:11-16) Sana booda Seexana “qilee” keessa, iddoo inni homaa gochuu hin dandeenyetti isa darbata. (Mul. 20:1-3) Sana booda waggaa kumaaf bulchuudhaan nagaan lafarratti akka dhufu godha, akkasumas namoonni mudaa kan hin qabne akka taʼan gargaara. Warra duʼan duʼaa kaasa. Guutummaa lafaa jannata godha, akka kanaan kaayyoon Yihowaa ni raawwatama!—Mul. 21:1-4.

16. Dhuma Bulchiinsa Barkumeetti maaltu raawwatama?

16 Dhuma Bulchiinsa Barkumeetti maaltu akka raawwatamu eegna? Namoonni cubbuu fi mudaarraa bilisa taʼu. Ilmaan namootaa furicharratti hundaaʼanii cubbuusaaniif dhiifama gaafachuun isaan hin barbaachisu; araarsaan ykn sirni lubummaas isaan hin barbaachisu. “Diina isa dhumaa kan taʼe duuti [Addaamirraa dhaalle] ni balleeffama.” Awwaalli duwwaa taʼa. Warri duʼan gara jireenyaatti deebiʼu. Namoonni lafarra jiraatan hundi mudaa kan hin qabne taʼu.—1 Qor. 15:25, 26.

17-18. (a) Dhuma Bulchiinsa Barkumeetti maaltu taʼa? (b) Yesuus dhuma bulchiinsasaarratti maal godha? (1 Qorontos 15:24, 28) (Fakkichas ilaali.)

17 Dhuma Bulchiinsa Barkumeetti wanti raawwatamu kan biraan maalidha? Yeroo sanatti wanta baayʼee adda taʼe tokkotu raawwatama. Falmiin qulqullummaa maqaa Yihowaa ilaalchisee kaʼe furmaata argata. Akkamitti? Iddoo biqiltuu Eedan keessatti Seexanni Yihowaan akka sobuu fi bulchiinsisaa jaalalarratti kan hundaaʼe akka hin taane dubbatee ture. Yeroo sanaa kaasee maqaansaa namoota isa kabajanii fi ulfina isaaf kennaniin irra deddeebiʼee qulqulleeffamaa tureera. Kanaafuu, dhuma Bulchiinsa Barkumeetti maqaan Yihowaa guutummaatti himatarraa walaba taʼa. Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa taʼuunsaa guutummaatti ni mirkanaaʼa.

18 Bulchiinsa waggaa kumaa booda wanti Seexanni waaʼee Yihowaa dubbate hundi soba taʼuunsaa guutummaatti mirkanaaʼa. Yesuus dhuma bulchiinsasaarratti maal godha? Yeroo sanatti akkuma Seexanaa Yihowaarratti ni fincilaa? Lakki! (1 Qorontos 15:24, 28 dubbisi.) Yesuus Mootummicha Abbaasaatti dabarsee kenna. Innis bulchiinsa Yihowaatiif bitama. Eeyyee, Yesuus Seexanarraa haala adda taʼeen jaalala Yihowaaf qabuun kakaʼee wanta hundumaa dabarsee isatti kennuuf fedhii qaba.

Yesuus samii keessatti gonfoo mootiisaa Yihowaadhaaf deebisee kennaa jira.

Yesuus dhuma Bulchiinsa Barkumeetti fedhiidhaan Mootummicha dabarsee Yihowaatti kenna (Keeyyata 18 ilaali)


19. Maqaan Yihowaa Yesuusiif hammam barbaachisaa ture?

19 Yihowaan maqaasaa Yesuusiif kennuunsaa nama hin ajaaʼibsiisu! Yesuus eenyummaa Abbaasaa guutummaatti calaqqisiiseera. Maarree maqaan Yihowaa Yesuusiif hammam barbaachisaadha? Maqaan Yihowaa Yesuusiif wanta kamiyyuu caalaa barbaachisaadha. Maqaa kanaaf duʼuuf fedhii qaba ture. Dhuma Bulchiinsa Barkumeettis waan hundumaa dabarsee isatti kennuuf fedhii qaba. Nutoo fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Deebii gaaffii kanaa mata duree itti aanurratti mariʼanna.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Yesuus maqaa Yihowaa barattootasaatti kan beeksise akkamitti?

  • Maqaan Yihowaa Yesuusiif kan kenname akkamitti ture?

  • Yesuus maqaa Yihowaatiif jecha maal gochuuf fedhii qaba? Maaliif?

FAARFANNAA 16 Ilma Isaa Dibameef Yaahiin Jajadhaa

a Yeroo tokko tokko maleekonnis Yihowaa bakka buʼanii maqaasaatiin ergaa dabarsaniiru. Kitaaba Qulqulluu keessatti darbee darbee maleekaan tokko Yihowaa kan jedhame ykn Yihowaa akka taʼetti kan ibsame kanaafi. (Uma. 18:1-33) Kitaabni Qulqulluun iddoo tokkotti Museen Seericha kan fudhate Yihowaa harkaa akka taʼe kan ibsu taʼus, iddoo biraatti Yihowaan Seericha kan kenne maleekaa tokkotti fayyadamee akka taʼe ibsa.—Lew. 27:34; HoE. 7:38, 53; Gal. 3:19; Ibr. 2:2-4.

b IBSA JECHAA: “Qulqulleessuu” jechuun ulfina kennuufii, qulqulluu akka taʼetti ilaaluu ykn kabaja guddaa qabaachuufii jechuudha.

c Duuti Yesuus ilmaan namootaa jireenya barabaraa akka argataniif karaa baneera.

d “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa, Ebla 2021, ful. 30-31​rratti argamu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi