MATA DUREE QOʼANNAA 23
FAARFANNAA 2 Maqaan Kee Yihowaa Dha
Maqaan Yihowaa Nuuf Hammam Barbaachisaadha?
“Yihowaan akkana jedha: ‘Isin dhugaa baatota koo ti’.”—ISA. 43:10.
YAADA IJOO
Mata dureen kun maqaa Yihowaa qulqulleessuu fi himatarraa walaba gochuurratti gaʼee akkamii akka qabnu ibsa.
1-2. Maqaan Yihowaa Yesuusiif baayʼee barbaachisaa akka taʼe akkamitti beekna?
MAQAAN Yihowaa Yesuusiif wanta hundumaa caalaa barbaachisaadha. Yesuus eenyuyyuu caalaa maqaa Yihowaa beeksiseera. Mata duree darberratti Yesuus maqaa Yihowaa qulqulleessuu fi daandiinsaa hundi sirrii akka taʼe mirkaneessuuf hamma duʼaatti amanamaa akka taʼe baranneerra. (Mar. 14:36; Ibr. 10:7-9) Yesuus dhuma Bulchiinsa Barkumeettis maqaa Yihowaa qulqulleessuuf aangoosaa hunda dabarsee kennuuf fedhii qaba. (1 Qor. 15:26-28) Jaalalli maqaa Waaqayyootiif qabus hariiroo inni Abbaasaa wajjin qabu ilaalchisee wanta baayʼee nu barsiisa. Qaama maqaan kun bakka buʼu baayʼee akka jaallatu mirkaneessa.
2 Yesuus gara lafaa kan dhufe maqaa Abbaa isaatiini. (Yoh. 5:43; 12:13) Duuka buutotasaatti maqaa Abbaasaa beeksiseera. (Yoh. 17:6, 26) Maqaa Yihowaatiin barsiiseera, akkasumas maqaasaatiin dinqiiwwan raawwateera. (Yoh. 10:25) Yihowaan ‘maqaa isaatiif jedhee’ barattootasaa akka eegus kadhateera. (Yoh. 17:11) Maarree, maqaan Yihowaa Yesuusiif hamma kana barbaachisaa erga taʼee, namni tokko maqaa Abbaasaa utuu hin beekin ykn utuu itti hin fayyadamin duuka buutuu Kiristoos akka taʼe dubbachuu dandaʼaa?
3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?
3 Nutis Kiristiyaanota faana Yesuus hordofuuf carraaqnu waan taaneef maqaa Abbaasaatiif iddoo guddaa kennina. (1 Phe. 2:21) Mata duree kana keessatti maqaan Yihowaa namoota ‘misiraachoo Mootummichaa’ lallaban adda baasee kan beeksisu akkamitti akka taʼe ilaalla. (Mat. 24:14) Maqaan Yihowaa nuuf dhuunfaatti hammam barbaachisaa akka taʼes ni mariʼanna.
“SABA MAQAA ISAATIIF TAʼU”
4. (a) Yesuus gara samiitti deebiʼuusaa dura barattootasaatiif hojii akkamii kenne? (b) Hojii kana ilaalchisee gaaffii akkamiitu kaʼa?
4 Yesuus gara samii deemuusaa yeroo muraasa dura barattootasaatiin akkana jedheera: “Yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu; Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu.” (HoE. 1:8) Kanaafuu, misiraachichi Israaʼelii alattis ni lallabama jechuudha. Yeroo booda namoonni saboota hundumaa keessaa dhufan duuka buutota Yesuus taʼuuf carraa ni argatu. (Mat. 28:19, 20) Haa taʼu malee Yesuus, “Dhugaa baatota koo ni taatu” jedheera. Maarree, barattoonni haaraan kun maqaa Yihowaa beekuun isaan barbaachisa moo dhugaa baatota Yesuus qofa taʼu? Wantoonni Hojii Ergamootaa boqonnaa 15 irratti ibsaman gaafii kanaaf deebii argachuuf nu gargaaru.
5. Ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem keessa turan namoonni hundi maqaa Yihowaa beekuun akka isaan barbaachisu kan argisiisan akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
5 Dhaloota Kiristoos Booda bara 49tti ergamoonnii fi jaarsoliin namoonni dhaqna hin qabanne Kiristiyaanota taʼuuf maal gochuun akka isaan barbaachisu mariʼachuuf Yerusaalem keessatti walitti qabamanii turan. Xumura marii isaaniirratti obboleessa Yesuus kan taʼe Yaaqoob akkana jedhe: “Waaqayyo saba maqaa isaatiif taʼu saboota kaan keessaa fudhachuuf, yeroo jalqabaatiif akkamitti xiyyeeffannaa isaa gara isaaniitti akka naannesse [Pheexiros] akka gaariitti ibseera.” Asirratti Yaaqoob waaʼee maqaa eenyuu dubbachaa ture? Itti fufee kitaaba Amoosirraa caqasuudhaan akkana jedheera: “Kanas kanan godhu, namoonni hafan namoota saboota hundumaa keessaa dhufan, jechuunis warra maqaa kootiin waamamanii wajjin taʼanii garaa guutuudhaan Yihowaa akka barbaaddataniifi, jechuudhaan Yihowaan . . . dubbateera.” (HoE. 15:14-18) Barattoonni haaraan kun waaʼee Yihowaa barachuu qofa utuu hin taʼin ‘maqaa isaatiinis ni waamamu.’ Kana jechuun maqaa Waaqayyoo warra kaanitti ni beeksisu, maqaa kanaanis adda baafamanii beekamu jechuudha.
Walgaʼii qaama olaanaa jaarraa jalqabaarratti dhiironni amanamoon walgaʼicharratti argaman Kiristiyaanonni saba maqaa Waaqayyootiif taʼan taʼuu akka qaban ifatti hubatanii turan (Keeyyata 5 ilaali)
6-7. (a) Yesuus gara lafaa kan dhufe maaliifi? (b) Sababii barbaachisaan Yesuus gara lafaa itti dhufe kan biraan maalidha?
6 Maqaan Yesuus jedhu hiiknisaa “Yihowaan Fayyisaadha” jechuudha; Yihowaan namoota isaa fi Ilmasaarratti amantii qaban hunda fayyisuuf Yesuusitti fayyadameera. Yesuus gara lafaa kan dhufe lubbuusaa ilmaan namootaatiif kennuufi. (Mat. 20:28) Furicha kaffaluudhaan ilmaan namootaa akka fayyanii fi jireenya barabaraa akka argatan karaa baneera.—Yoh. 3:16.
7 Garuu ilmaan namootaa fayyuun kan isaan barbaachise maaliifi? Wanta iddoo biqiltuu Eedan keessatti taʼeen kan kaʼedha. Mata duree darberratti akkuma ibsame namoota jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaan Yihowaarratti finciluudhaan carraa barabaraaf jiraachuu dhabaniiru. (Uma. 3:6, 24) Haa taʼu malee, ilmaan namootaa cubbamoota taʼan fayyina argachuusaanii caalaa wanti iddoo guddaa qabu tokko jira. Maqaan Yihowaa arrabsamee ture. (Uma. 3:4, 5) Kanaafuu, fayyinni sanyiiwwan Addaamii fi Hewaan dhimma iddoo guddaa qabu tokko, jechuunis qulqulleeffamuu maqaa Yihowaa wajjin wal qabata. Yesuus Yihowaa waan bakka buʼee fi wanta inni isarraa eegu hunda guutummaatti waan raawwateef maqaa Yihowaa qulqulleessuurratti shoora olaanaa taphateera.
Namni tokko maqaa Abbaa Yesuus utuu hin beekin ykn utuu itti hin fayyadamin duuka buutuu Kiristoos akka taʼe dubbachuu dandaʼaa?
8. Namoonni Yesuusitti amanan hundi maal beekuu qabu?
8 Yihudootas taʼan namoonni Yihudoota hin taane warri Yesuusitti amanan hundi Maddi fayyinasaanii Abbaa Yesuus, jechuunis Yihowaa akka taʼe beekuu qabu. (Yoh. 17:3) Akkuma Yesuus isaanis maqaa Yihowaatiin waamamu. Maqaan kun qulqulleeffamuunsaa barbaachisaa akka taʼes hubachuu qabu. Fayyinnisaanii kanarratti kan hundaaʼedha. (HoE. 2:21, 22) Kanaafuu, duuka buutonni Yesuus amanamoon hundi waaʼee Yihowaas taʼe waaʼee Yesuus barachuu qabu. Yesuus kadhannaasaa Yohaannis boqonnaa 17 irratti galmeeffame akkana jechuudhaan kan xumure kanaafi: “Jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka taʼuu fi anis isaanii wajjin tokkummaa akkan qabaadhuuf, maqaa kee isaanitti beeksiseera; gara fuulduraattis nan beeksisa.”—Yoh. 17:26.
“ISIN DHUGAA BAATOTA KOO TI”
9. Maqaan Yihowaa nuuf barbaachisaa akka taʼe argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Duuka buutonni Yesuus warri dhugaan hundi qulqulleeffamuu maqaa Yihowaatiif iddoo guddaa kennuu qabu. (Mat. 6:9, 10) Maqaan Yihowaa waan hundumaa caalaa barbaachisaa akka taʼetti ilaaluu qabu. Kanas hojiidhaan argisiisuu qabu. Haa taʼu malee, maqaa Yihowaa qulqulleessuurratti gaʼee qabaachuu kan dandeenyu ykn wanti Seexanni waaʼee Yihowaa dubbate soba taʼuusaa mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti?
10. Isaayyaas boqonnaa 42 hanga 44 irratti dhimma mana murtiitti dhihaate akkamiitu ibsame? (Isaayyaas 43:9; 44:7-9) (Fakkichas ilaali.)
10 Isaayyaas boqonnaa 42 hanga 44 irratti maqaa Yihowaa qulqulleessuurratti gaʼee akkamii akka qabnu ibsameera. Boqonnaawwan kana keessatti dhimmi ‘Waaqni dhugaan eenyu?’ jedhu akka fakkeenyaatti mana murtiitti akka dhihaate ibsameera. Yihowaan warri waaqa ofiin jedhan hundi waaqa dhugaa taʼuusaanii akka mirkaneessan carraa isaaniif kenneera. Ragaa baatonni dhihaatanii wanta waaqoliin kun jedhaniif dhugaa akka baʼanis affeereera. Garuu eenyuyyuu ragaa baʼuu hin dandeenye.—Isaayyaas 43:9; 44:7-9 dubbisi.
Dhimmi mana murtii fakkeenyaan ibsametti dhihaate karaa hedduudhaan nu ilaallata (Keeyyata 10-11 ilaali)
11. Isaayyaas 43:10-12 irratti akka ibsametti Yihowaan sabasaatiin maal jedhe?
11 Isaayyaas 43:10-12 dubbisi. Yihowaan sabasaatiin, “Isin dhugaa baatota koo ti . . . ani Waaqa dha” jedheera. Yihowaan asirratti gaaffii, “Ana malee Waaqni kan biraan jiraa?” jedhuuf deebii akka kennan gaafachaa jira. (Isa. 44:8) Kanaafuu, nuti gaaffii kanaaf deebii kennuuf mirga arganneerra. Waaqni dhugaan Yihowaa qofa akka taʼe dubbii fi gocha keenyaan ragaa baana. Maqaansaa maqaa hundumaarra ni caala. Seexanni dhiibbaa akkamiiyyuu yoo nurraan gaʼe Yihowaa akka jaallannuu fi isaaf amanamoo akka taane akkaataa jireenyaa keenyaatiin argisiisna. Akka kanaan maqaasaa qulqulleessuurratti gumaacha goona.
12. Raajiin Isaayyaas 40:3, 5 irratti argamu kan raawwatame akkamitti?
12 Maqaa Yihowaa yeroo deeggarru fakkeenya Yesuus Kiristoos hordofna. Kana malees, Isaayyaas namni tokko ‘daandii Yihowaa akka qopheessu’ raajii dubbateera. (Isa. 40:3) Raajiin kun kan raawwatame akkamitti? Yohaannis Cuuphaan Yesuus isa maqaa Yihowaatiin dhufee fi maqaa Yihowaatiin dubbateef karaa qopheesseera. (Mat. 3:3; Mar. 1:2-4; Luq. 3:3-6) Raajiin kun itti fufee, “Ulfinni Yihowaa ni mulʼata” jedha. (Isa. 40:5) Kun kan taʼe akkamitti? Yesuus yeroo lafarra turetti Yihowaa guutummaatti waan bakka buʼeef, haallisaa akkuma waan Yihowaan gara lafaa dhufeeti jechuun ni dandaʼama.—Yoh. 12:45.
13. Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Nutis akkuma Yesuus dhugaa baatota Yihowaati. Maqaa Yihowaatiin waamamna, wantoota dinqisiisoo inni raawwates namoota argannu hundumaatti ni himna. Kana karaa buʼa qabeessa taʼeen raawwachuuf garuu gaʼee Yesuus maqaa Yihowaa qulqulleessuurratti qabus beeksisuu qabna. (HoE. 1:8) Yesuus Dhugaa Baatuu Yihowaa hundarra caaludha, nutimmoo fakkeenyasaa hordofna. (Mul. 1:5) Garuu maqaan Yihowaa tokkoon tokkoon keenyaaf hammam barbaachisaadha?
MAQAAN YIHOWAA NUUF HAMMAM BARBAACHISAADHA?
14. Faarfannaa 105:3 irratti akka ibsametti maqaa Yihowaa ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼama?
14 Maqaa Yihowaatiin ni boonna. (Faarfannaa 105:3 dubbisi.) Yihowaan maqaasaatiin yeroo boonnu baayʼee nutti gammada. (Er. 9:23, 24; 1 Qor. 1:31; 2 Qor. 10:17) Maqaasaatiif ulfina kennuunii fi isa deeggaruun mirga guddaa akka taʼetti ilaalla. Namoota nu wajjin hojjetan, nu wajjin baratan, olloota keenyaa fi warra kaanitti Dhugaa Baatota Yihowaa akka taane himuun nu qaanessuu hin qabu. Diyaabilos waaʼee maqaa Yihowaa warra kaanitti himuu akka dhaabnu barbaada. (Er. 11:21; Mul. 12:17) Seexannii fi raajonnisaa warri sobduun namoonni maqaa Yihowaa akka irraanfatan gochuu barbaadu. (Er. 23:26, 27) Jaalalli maqaa Yihowaatiif qabnu garuu “guyyaa guutuu” maqaasaatti gammaduuf nu kakaasa.—Far. 5:11; 89:16.
15. Maqaa Yihowaa waammachuu jechuun maal jechuudha?
15 Maqaa Yihowaa waammachuu keenya itti fufna. (Yoe. 2:32; Rom. 10:13, 14) Maqaa Yihowaa waammachuun maqaasaa beekuu fi itti fayyadamuu caalaa wanta dabalatu qaba. Waaqayyo eenyummaa mataasaa akka qabu beekuu, isatti amanamuu, akkasumas gargaarsaa fi qajeelfamasaa argachuuf carraaquu dabalata. (Far. 20:7; 99:6; 116:4; 145:18) Kana malees, waaʼee maqaasaa fi amalootasaa warra kaaniif labsuudhaan namoonni Yihowaa biratti fudhatama argachuuf yaada geeddaratanii tarkaanfii akka fudhatan jajjabeessina.—Isa. 12:4; HoE. 2:21, 38.
16. Seexanni sobduu taʼuusaa mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Maqaa Yihowaatiif jennee rakkina nurra gaʼu dandamachuuf fedhii qabna. (Yaq. 5:10, 11) Rakkina keessatti Yihowaadhaaf amanamoo taanee yeroo itti fufnu Seexanni sobduu taʼuusaa mirkaneessina. Bara Iyyoobitti Seexanni namoota Yihowaa tajaajilan ilaalchisee, “Namni lubbuu isaatiif jedhee wanta qabu hundumaa ni kenna” jechuudhaan himata dhiheesseera. (Iyo. 2:4) Seexanni namoonni Yihowaa kan tajaajilan yeroo isaaniif mijatutti qofa akka taʼee fi rakkinni yoo isaanirra gaʼe Yihowaa akka dhiisan dubbateera. Iyyoob inni nama amanamaa taʼe himanni kun soba akka taʼe mirkaneesseera. Nutis Seexanni rakkina akkamiiyyuu yoo nurraan gaʼe Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuudhaan himanni kun soba akka taʼe mirkaneessuuf mirga arganneerra. Yihowaan maqaasaatiif jedhee akka nu eegu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Yoh. 17:11.
17. Pheexiros Tokkoffaa 2:12 irratti akka ibsametti karaan maqaa Yihowaatiif ulfina kennuu itti dandeenyu kan biraan maalidha?
17 Maqaa Yihowaa ni kabajna. (Fak. 30:9; Er. 7:8-11) Yihowaa waan bakka buunuu fi maqaasaatiin waan waamamnuuf wanti goonu maqaansaa akka jajamu ykn akka arrabsamu gochuu dandaʼa. (1 Pheexiros 2:12 dubbisi.) Kanaafuu, dubbii fi gocha keenyaan Yihowaa jajachuuf wanta dandeenyu hunda gochuu barbaanna. Akka kanaan mudaa kan qabnu taanus maqaa Yihowaatiif ulfina fiduu dandeenya.
18. Karaan maqaan Yihowaa nuuf barbaachisaa akka taʼe argisiisuu itti dandeenyu kan biraan maalidha? (Miiljalees ilaali.)
18 Maqaa keenya caalaa maqaan Yihowaa nu yaaddessa. (Far. 138:2) Kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Sababiinsaas jaalala maqaa Yihowaatiif qabnuun kan kaʼe namoonni waaʼee keenya wanta gadhee dubbachuu dandaʼu.a Yesuus maqaa Yihowaatiif ulfina kennuuf jecha akka yakkamaatti itti murtaaʼee duʼa nama salphisu duʼuuf fedhii qaba ture. ‘Salphina isarra gaʼe waan tuffateef’ wanti namoonni waaʼeesaa yaadan isa hin jeeqne ykn garmalee isa hin yaaddessine. (Ibr. 12:2-4) Fedhii Waaqayyoo raawwachuurratti xiyyeeffateera.—Mat. 26:39.
19. Maqaa Yihowaa ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Maaliif?
19 Maqaa Yihowaatti ni boonna; Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamnee waamamuun keenyas ulfina akka taʼe nutti dhagaʼama. Kanaan kan kaʼes salphina nurra gaʼu kamiyyuu dandamachuuf fedhii qabna. Maqaan Yihowaa maqaa keenya caalaa baayʼee barbaachisaadha. Kanaafuu, Seexanni rakkina akkamiiyyuu yoo nurraan gaʼe maqaa Yihowaa jajachuu keenya itti fufuuf haa kutannu. Kana gochuudhaan akkuma Yesuus Kiristoos maqaan Yihowaa nuuf wanta kamirrayyuu caalaa barbaachisaa akka taʼe argisiisna.
FAARFANNAA 10 Waaqa Keenya Yihowaa Jajadhaa!
a Iyyoob inni nama amanamaa taʼellee yeroo michoonnisaa sadan maqaasaa balleessanitti jeeqamee ture. Jalqabarratti ijoolleesaa fi qabeenyasaa yeroo dhabetti “Iyyoob cubbuu hin hojjenne yookiin dogoggora raawwateera jedhee Waaqayyoon hin yakkine.” (Iyo. 1:22; 2:10) Haa taʼu malee, Iyyoob dogoggora raawwatteetta jedhamee yeroo himatamu “utuu itti hin yaadin” dubbateera. Maqaa Waaqayyootiif falmuu mannaa, maqaasaatiif falmuuf dursa kenneera.—Iyo. 6:3; 13:4, 5; 32:2; 34:5.