Bineensi Mataa Torba Qabuu fi Mulʼata Boqonnaa 13 Irratti Ibsame Maal Argisiisa?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Bineensi mataa torba qabuu fi Mulʼata 13:1 irratti ibsame sirna siyaasaa addunyaa maraa bakka buʼa.
Bineensi kun aangoo, humnaa fi teessoo qabaachuunsaa dhaabbata siyaasaa akka taʼe argisiisa.—Mulʼata 13:2.
Bineensi kun “gosa, uummata, qooqaa fi saba hundumaa” waan bulchuuf, mootummaa biyya tokkoo caalaa wanta argisiisu qaba.—Mulʼata 13:7.
Bineensi kun bifa qeerransaa, miila amaaketaa, afaan leencaa fi gaanfota kudhan dabalatee, bifawwan bineensota arfan raajii Daaniʼel 7:2-8 irratti ibsamanii qaba. Bineensonni raajii Daaniʼel keessatti ibsaman kan argisiisan mootota ykn mootummoota walitti aansuudhaan bulchan muraasadha. (Daaniʼel 7:17, 23) Bineensi Mulʼata boqonnaa 13 irratti ibsame garuu walumaa galatti dhaabbata siyaasaa hunda argisiisa.
Bineensi kun “galaanicha,” jechuunis hawaasa ilmaan namootaa isa jeeqamuu fi madda mootummoota ilmaan namootaa taʼe keessaa baʼa.—Mulʼata 13:1; Isaayyaas 17:12, 13.
Kitaabni Qulqulluun lakkoofsi ykn maqaan bineensichaa 666 jedhu “lakkoofsa namaa” akka taʼe dubbata. (Mulʼata 13:17, 18) Yaanni kun bineensi Mulʼata boqonnaa 13 irratti ibsame dhaabbata hafuuraa ykn jinnii utuu hin taʼin, dhaabbata ilmaan namootaa akka taʼe argisiisa.
Mootummoonni kan walii galan wantoota murasarratti taʼus, kutannoon isaan Mootummaa Waaqayyootiif bitamuu mannaa aangoo isaanii qabatanii ittii fufuuf godhan tokko isaan godha. (Faarfannaa 2:2) Yeroo Armaagedoonitti waltaʼiinsa uumuudhaan raayyaa waraanaa Waaqayyoo isa Yesuus Kiristoosiin geggeeffamu ni lolu; dhumarrattis waraana kanaan ni balleeffamu.—Mulʼata 16:14, 16; 19:19, 20.
“Gaanfa kudhanii fi mataa torba”
Kitaaba Qulqulluu keessatti lakkoofsonni tokko tokko ergaa dabarsan qabu. Fakkeenyaaf, lakkoofsi kudhanii fi torba guutuu taʼuu argisiisu. Wanti ‘gaanfi kudhanii fi mataan torba’ bineensi Mulʼata boqonnaa 13 irratti ibsame hiika akkamii akka qabu hubachuuf nu gargaaru inni guddaan, “bifa fakkeenyaa bineensichaa” isa boodarra Mulʼatarratti bineensa diimaa mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu akka taʼe ibsamedha. (Mulʼata 13:1, 14, 15; 17:3) Kitaabni Qulqulluun mataan torban bineensa diimaa kanaa “mootota” ykn mootummoota “torba” akka argisiisu dubbata.—Mulʼata 17:9, 10.
Haaluma wal fakkaatuun, mataawwan torban bineensa Mulʼata 13:1 irratti ibsamee mootummoota torba argisiisu; mootummoonni kun, humnoota siyaasaa guguddoo seenaa ilmaan namootaa keessatti olaantummaa qabanii fi saba Waaqayyoo adda durummaadhaan cunqursaa turanidha; isaanis Gibxii, Asoor, Baabilon, Meedoo Faarsi, Giriik, Roomaa fi Angiloo Ameerikaadha. Gaanfonni kurnan xinnaas taʼe guddaa bulchiinsota of dandaʼan hunda argisiisu xumura jedhurra yoo geenye, tokkoon tokkoon gaanfotaarra gonfoon jiraachuun isaammoo, bulchiinsonni kun mootummaa addunyaa barasaaniitti olaantummaa qabu wajjin yeroo wal fakkaataatti akka bulchan argisiisa jechuudha.