LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 74
  • Jaʼa Jaatamii Jaʼa Jechuun Maal Jechuu Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jaʼa Jaatamii Jaʼa Jechuun Maal Jechuu Dha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaabni Mulʼataa Diinota Waaqayyootiif Hiika Maalii Qaba?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Bineensota Nama Sodaachisan hin Sodaatinaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 74
Bineensa mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu kan lakkoofsi ykn maqaan isaa 666 jedhamu.

Jaʼa Jaatamii Jaʼa Jechuun Maal Jechuu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Akka kitaabni xumuraa Kitaaba Qulqulluu jedhutti, 666 lakkoofsa ykn maqaa bineensa galaana keessaa baʼe tokkoo ti; bineensichi gaanfa kudhanii fi mataa torba qaba. (Mulʼata 13:1, 17, 18) Bineensi kun mallattoo sirna siyaasaa addunyaa, isa “gosoota, namoota, qooqawwanii fi saboota hunda irratti” bulchu argisiisa. (Mulʼata 13:7) Maqaan 666 jedhu, sirna siyaasaa ija Waaqayyoo duratti mudaa guddaa qabu kan argisiisu dha. Akkas kan jennu maaliifi?

Lakkoofsichi maqaa qofa miti. Maqaan Waaqayyo baasu hiika kan qabu dha. Fakkeenyaaf, Waaqayyo nama Abraam isa hiikni maqaa isaa “Abbaan Ulfina Argate” jedhu qabu, Abrahaamitti kan jijjiire “abbaa saba baayʼee” akka taʼu yommuu waadaa isaaf galetti ture; Abrahaam jechuun “Abbaa Saba Baayʼee” jechuu dha. (Uumama 17:5) Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo bineensichaaf maqaa 666 kan moggaase amala inni qabu argisiisuufi dha.

Lakkoofsi jaʼa mudaa ykn hirʼina qabaachuu argisiisa. Yeroo baayʼee lakkoofsonni, Kitaaba Qulqulluu keessatti wanta tokko argisiisuuf tajaajilu. Lakkoofsi torba guutuu taʼuu ykn mudaa kan hin qabne taʼuu argisiisa. Lakkoofsi jaʼa immoo, torba irraa tokko kan hirʼatu waan taʼeef, ija Waaqayyoo duratti guutuu taʼuu dhiisuu ykn hirʼina qabaachuu argisiisa; akkasumas lakkoofsi kun dinoota Waaqayyo wajjin haala wal qabateen itti hojjetameera.—1 Seenaa 20:6; Daaniʼel 3:1.

Wanta tokko siʼa sadii irra deddeebiʼuun caalaatti addeessuuf gargaara. Kitaabni Qulqulluun yeroo tokko tokko dhimma tokko caalaatti addeessuuf siʼa sadii caqasa. (Mulʼata 4:8; 8:13) Kanaaf, maqaan 666 jedhu Waaqayyo sirna siyaasaa ilmaan namootaa mudaa guddaa kan qaban akka taʼanitti akka isaan ilaalu cimsee ibsa. Sirni siyaasaa ilmaan namootaa nagaa fi tasgabbii itti fufiinsa qabu argamsiisuu hin dandeenye; wantoota kana argamsiisu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa dha.

Mallattoo bineensichaa

Kitaabni Qulqulluun, namoonni hamma isa waaqeffatanitti “dinqisiifannaadhaan” waan isa duukaa buʼaniif, “mallattoo bineensichaa” akka fudhatan ibsa. (Mulʼata 13:3, 4; 16:2) Kanas biyya isaanii, mallattoo isaanii ykn humna loltoota isaaniitiif kabaja waaqeffannaa wajjin walgitu kennuudhaan argisiisu. Insaayikilooppiidiyaan waaʼee amantii dubbatu tokko, “Bara keenyatti miirri sabboonummaa gosa amantii addunyaa kana toʼatu taʼeera” jedheera.a

Mallattoon bineensichaa harka mirgaa ykn adda nama tokkoo irratti godhamuu kan dandaʼu akkamitti? (Mulʼata 13:16) Waaqayyo ajaja saba Israaʼeliif kenne ilaalchisee, “Milikkitaaf akka siif taʼuttis harka keetti hidhadhu, akka seenaattis ija kee lamaan gidduutti [ykn adda kee irratti] rarraafadhu!” isaaniin jedheera. (Keessa Deebii 11:18) Kana jechuun, Israaʼeloonni kallattiidhaan harka isaanii fi adda isaanii irratti mallattoo godhatu jechuu miti; kanaa mannaa gochi isaanii fi yaanni isaanii dubbii Waaqayyootiin akka geggeeffamu godhu jechuu dha. Haaluma wal fakkaatuun, kallattiidhaan mallattoo lakkoofsa 666 dhagna isaanii irratti tumatu jechuu utuu hin taʼin, mallattoon bineensichaa fakkeenyaan ibsame, jechuunis sirni siyaasaa kun jireenya isaanii akka toʼatu heyyamuu isaanii kan argisiisu dha. Namoonni mallattoo bineensichaa godhatan immoo mormitoota Waaqayyoo of godhu.—Mulʼata 14:9, 10; 19:19-21.

a Kitaaba Nationalism in a Global Era, fuula 134 fi Nationalism and the Mind: Essays on Modern Culture, fuula 94 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi