LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 1/14 ful. 14-15
  • Akka Gaaritti Dhaggeeffachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akka Gaaritti Dhaggeeffachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
  • Dammaqaa!—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HAALA RAKKISAA
  • Hiriyaa Gaaʼelaakee Kabaji
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Akkaataa Rakkina Furuun Itti Dandaʼamu
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Yeroo Hiriyaa Gaa’elaatiif Gargaarsi Addaa Itti Barbaachisu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Walii Keessaniif Amanamaa
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2014
g 1/14 ful. 14-15
[Fakkii fuula 14⁠rra jiru]

MAATIIDHAAF | GAAʼELA

Akka Gaaritti Dhaggeeffachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

HAALA RAKKISAA

[Fakkii fuula 14⁠rra jiru]

Hiriyaan gaaʼelaakee, “Na dhaggeeffachaa hin jirtu!” siin jetti. Ati garuu akka ishee dhaggeeffachaa turte sitti dhagaʼama. Haataʼu malee, wanta isheen jette sirritti hin dhaggeeffanne. Kanaaf, wal falmuu jalqabdan.

Rakkina kana hambisuu ni dandeessa. Jalqaba, akka dhaggeeffatte sitti dhagaʼamullee, wanta hiriyaan gaaʼelaakee dubbatte utuu hin hubatin kan hafte maaliif akka taʼe hubachuu qabda.

SABABIINSAA MAALIDHA?

Yaannikee hihhirameera, akkasumas dadhabdeetta. Ijoolleen iyyaa jiru, sagaleen televijiinii ol kaʼeera, akkasumas, rakkina iddoo hojiitti si mudate tokkorratti yaadaa jirta taʼa. Tarii hiriyaan gaaʼelaakee harʼa galgala keessummaan mana keessan akka dhufu sitti himti taʼa. Yeroo kanatti mataakee raasuudhaan, “Tole, tole!” jettaan. Haataʼu malee, wanta isheen jette sirriitti dhaggeeffatteettaa? Hin dhaggeeffanneen taʼa.

Yaada kan biraa tilmaamta. Haala kanaan yaada namaa baruuf yaaluun miidhaa qaba. Yaada hiriyaa gaaʼelaakee haala kanaan baruuf yoo yaalii goote, yaada isheen dubbatte duuba wanti dhokataa taʼe akka jiru tilmaamta taʼa. Fakkeenyaaf, hiriyaan gaaʼelaakee, “Torban kana saʼaatii hedduu hojiirratti dabarsiteetta” siin jetti. Achiis akkasheen si ceephaʼaa jirtu tilmaamuudhaan, “Kun balleessaakoo miti! Waan ati qarshii hin qusanneef, saʼaatii dabalataa hojjechuun qaba” jettaan. Hiriyaan gaaʼelaakee garuu kana kan dubbatte dhuma torbaniirratti akka waliin bashannantan yaaddee waan taʼeef, iyyuudhaan, “Ani si komachuuf jedhee miti!” siin jetti.

Yaada furmaataa kennuuf ariifatta. Marsiin,a “Al tokko tokko miirumakoo ibasuufan dubbadha. Maayik garuu, wantan gochuu qabu natti himuuf ariifata. Ani kanan barbaade yaada furmaataa akka naa kennu utuu hin taʼin, wanta natti dhagaʼame akka naa hubatu qofadha” jetteetti. Rakkinnisaa maalidha? Inni yaannisaa kan xiyyeeffate furmaatarrattidha. Kanaaf, wanta Marsiin dubbatte guutummaatti hin hubanne taʼa.

Sababiin rakkina sanaa maaliiyyuu yoo taʼe, akka gaaritti dhaggeeffachuu kan dandeessu akkamitti?

MAAL GOCHUU DANDEESSA?

Xiyyeeffannaa kenniif. Hiriyaan gaaʼelaakee dhimma barbaachisaa taʼe sitti himuuf jetti; atoo ishee dhaggeeffachuuf qophaaʼaadhaa? Miti taʼa. Yaannikee wanta kan biraatiin qabameera taanaan, dhaggeeffachaa akka jirtu hin fakkeessin. Dandaʼamnaan, wanta hojjechaa jirtu dhiisiitii hiriyaa gaaʼelaa keetiif xiyyeeffannaa kenni ykn hanga hojiikee xumurtutti obsaan akka si eegdu ishee gaafadhu.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Yaaqoob 1:19.

Dabareedhaan haasaʼaa. Situ dhaggeeffachaa jira yoo taʼe, ennaa dubbattu gidduutti ishee hin kutin ykn ishee hin mormin. Atis dabaree itti dubbatu qabda. Ammaaf garuu calluma jedhi dhaggeeffadhu.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 18:13.

Gaaffii gaaffadhu. Kana gochuunkee, wanta hiriyaan gaaʼelaakee dubbachaa jirtu akka gaaritti hubachuuf si gargaara. Marsiin, isheen olitti caqasamte, “Maayik ennaa gaaffii na gaafatu baayʼee natti tola. Kun, wantan dubbachaa jiruuf xiyyeeffannaa akka kenne akka natti dhagaʼamu godha” jetteetti.

Wanta dubbatame qofa utuu hin taʼin, ergaasaas hubadhu. Ergaa sochii qaamaa, ijaafi sagaleedhaan darbuuf xiyyeeffannaa kenni. Yaanni, “Gaaridha” jedhu, akkaataa itti dubbatamerratti hundaaʼee hiika, “Gaarii miti” jedhu qabaachuu dandaʼa. Yaanni, “Ati sirumaa na gargaaruu hin barbaaddu” jedhu tarii, “Iddoo guddaa akka naaf hin kennine natti dhagaʼama” jechuuf kan dubbatame taʼuu dandaʼa. Yaada akkasii dubbachuu baattullee, ergaa isheen dabarsuu barbaadde haalasaarraa hubachuuf yaali. Hiikasaarratti utuu hin taʼin wanta dubbatamerratti qofa xiyyeeffatta taanaan, falmiin gidduu keessanitti uumamuu dandaʼa.

Dhaggeeffachuukee itti fufi. Wanti dhaggeeffachaa jirtu sitti toluu baatullee, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu ykn dhiistee hin deemin. Fakkeenyaaf, hiriyaan gaaʼelaakee yoo si ceephaate maal goota? Girigooriin inni gaaʼela keessa waggaa 60 ture gorsa akkas jedhu kenna: “Ishee dhaggeeffachuukee itti fufi. Wanta hiriyaan gaaʼelaakee dubbachaa jirtu garaadhaa dhaggeeffadhu. Kana gochuun bilchina kan gaafatu taʼus kan nama kiisudha.”​—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 18:15.

Hiriyaa gaaʼelaa keetiif garaadhaa yaadi. Akka gaaritti dhaggeeffachuun, karaa jaalalli itti ibsamudha. Wanta hiriyaan gaaʼelaakee dubbattu garaadhaa dhaggeeffachuuf fedhii kan qabdu taanaan, ishee dhaggeeffachuun si hin rakkisu. Akkas gochuun gorsa Macaafa Qulqulluu isa, ‘Waan warra kaanitti tolus ilaalaa malee, waan isinitti tolu duwwaa hin ilaalinaa!’ jedhu hojiirra oolchuuf si gargaara.​—Filiphisiiyus 2:4.

a Maqaawwan mataduree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.

CAQASOOTA IJOO TAʼAN

  • ‘Dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, taʼuun isinirra jira!’​—Yaaqoob 1:19.

  • “Namni dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mulʼisa.”​—Fakkeenya 18:13.

  • “Gurri nama ogeessaas beekumsa in barbaada.”​—Fakkeenya 18:15.

DUBBACHAA JIRTA YOO TAʼE

Hiriyaan gaaʼelaakee kutaa kan biraa keessa utuu jirtuu ykn hojiidhaan qabamtee utuu jirtuu dubbachuuf jetta taanaan, wanta ati dubbachuuf jettu si dhaggeeffachuu dandeessii? Sirritti si dhaggeeffachuu akka dandeessuuf, xiyyeeffannaashee argachuun ykn yeroo mijataa taʼe eeguunkee gaarii taʼuu dandaʼa.​—1 Phexros 3:8.

Fakkeenya Macaafa Qulqulluurratti argamu hubadhu: Yesus gad of deebisuu ilaalchisee yaada barbaachisaa taʼe dubbachuu ennaa barbaadetti yeruma sana hin dubbanne. Kanaa mannaa, haallisaa dhaggeeffachuuf mijataa hamma taʼutti eegeera. Sana booda ergamootasaa waamee wanta dubbachuu barbaadu itti hime.​—Maarqos 9:33-35; 12:41-44.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi