LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 3 ful. 4-5
  • Dhugaa Jiru Baradhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Jiru Baradhaa
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Rakkina Jiru
  • Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu
  • Dhugaa Jiru Beekuun Akkamitti Nu Gargaara?
  • Wanta Gochuu Dandeessu
  • Jibba Halaalaa—Si Qabeeraa?
    Dammaqaa!—2020
  • Rakkina Addunyaa Maraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Halaalatti Nama Jibbuun Kan Hafu Yoomi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Jaalala Argisiisaa
    Dammaqaa!—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 3 ful. 4-5
Namoonni lama dubartii tokko warshaa konkolaataatti qacaruuf gaafannoo gochaafii jiru. Dubartiin kun kan dhiphatte fakkaatti.

Dhugaa Jiru Baradhaa

Rakkina Jiru

Jibbi halaalaa yeroo baayʼee odeeffannoo dogoggoraa irratti hundaaʼa. Mee fakkeenyota armaan gadii ilaali:

  • Hojjechiiftonni tokko tokko dubartoonni hojii ogummaa, jabina ykn yaaduu gaafatuuf gaʼumsa akka hin qabne dogoggoraan amanu.

  • Bara giddu galeessaatti Awurooppaatti, Yihudoonni boolla bishaanitti summii naqu akkasumas dhukkuba babalʼisu jedhamanii sobaan himatamu turan. Yeroo bulchiinsa Naaziittis Yihudoonni sobaan himataniiru. Yeroo kanatti garuu dinagdee Jarman irratti rakkina uumaniiru jedhamanii himataman. Yeroo lamaanitti iyyuu Yihudoonni jibbi halaalaa kan isaan irra gaʼe siʼa taʼu, jibba kana keessaa tokko tokko hamma harʼaatti itti fufaniiru.

  • Namoonni baayʼeen namni hirʼina qaamaa qabu hundi ni gadda ykn ni aara jedhanii dogoggoraan yaadu.

Namoonni yaadawwan dogoggoraa akkasii amanan wantoota jibba halaalaa qaban isaaniif deggeran barbaadu. Akkasumas namni yaada isaanii irratti walii hin galle kam iyyuu wallaalaa akka taʼetti ilaalu.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu

“Beekumsa utuu hin qabaatin hawwa duwwaa qabaachuun gaarii miti”—FAKKEENYA 19:2.

Maal jechuu dha? Dhugaa jiru hin beeknu taanaan murtoo dogoggoraa goona. Ragaa jiru utuu hin taʼin, oduu qabatamaa hin taane kan amannu yoo taʼe, namoota dogoggoraan hubachuu dandeenya.

Kitaabni Qulqulluun Jibba Halaalaa ni Jajjabeessaa?

Namoonni tokko tokko Kitaabni Qulqulluun jibba halaalaa ni jajjabeessa jedhu. Garuu Kitaabni Qulqulluun dhugumaan maal jedha?

  • Namoonni hundi madda tokko irraa argaman: Waaqayyo, “namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume.”—Hojii Ergamootaa 17:26.

  • Waaqayyo hin loogu: ‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.’—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

  • Waaqayyo keessa namaa malee bifa namaa irratti hin xiyyeeffatu: “Namni fuula ilaala, ani Waaqayyo garuu garaan ilaala”—1Saamuʼel 16:7.a

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.

Dhugaa Jiru Beekuun Akkamitti Nu Gargaara?

Waaʼee namootaa dhugaa jiru ni beekna yoo taʼe, carraan yaada sobaa baramaa namoonni waaʼee isaanii dubbatan amanuuf qabnu xiqqaa taʼa. Waaʼee saba tokkoo wanti nutti himame dhugaa akka hin taane yommuu hubannu, waaʼee isaanii wanta dhageenyu dafnee hin amannu.

Seenaa Dhugaa: Jooviikaa (Baalkaan)

Jooviikaa inni mata dureewwan walitti aanan kana keessatti olitti ibsame, namoonni biyya isaa waaʼee saba xinnoo tokko oduu fi sagantaa televijiinii irratti wanta dogoggoraa yommuu dubbatan dhagaʼaa guddate. “Jibba halaalaatiin guutamee waanan tureef, saba kana baayʼeen jibba ture” jedheera. “Miirri natti dhagaʼamu kunis sirrii akka taʼen yaada ture.”

“Taʼus, yeroon raayyaa waraanaa keessa turetti, loltoota saba xinnoo kana keessaa dhufanii wajjin jiraachuu fi hojjechuun alatti filannoo hin qabun ture. Yeroo boodas, waaʼee isaanii wanta dabalataa hedduun baradhe. Afaan isaanii barachuu fi sirba isaanii dhaggeeffachuu illee nan jalqabe. Isaanii wajjin taʼuun na gammachiisuu jalqabe, ilaalchi ani isaaniif qabus ni jijjiirame. Taʼus, ilaalchi dogoggoraa ani qabu natti deebiʼuu akka dandaʼu beeka. Kanaaf, oduuwwan waaʼee namoota kanaa yaada gadhee babalʼisan dhaggeeffachuu nan dhaabe. Kana malees, fiilmiiwwan ykn qoosaawwan beekamoo waaʼee isaanii dubbataman ilaaluu nan dhiise. Miirri jibba halaalaa gara aarii fi jibba cimaatti akka guddatu beeka.”

Wanta Gochuu Dandeessu

  • Sabni tokko amala gaarii hin taane akka qabu ni dubbatama taʼa. Taʼus, dhuunfaatti namoonni saba sana keessa jiran hedduun amala akkasii akka hin qabne yaadadhu.

  • Waaʼee warra kaanii odeeffannoon qabdu muraasa akka taʼe amanii fudhadhu.

  • Madda amanamaa irraa dhugaa jiru argachuuf yaali.

Jibba injifataniiru

Fakkii: 1. Namoonni lama waliin haasaʼaa deemu. 2. Michoota waliin jiran keessaa inni seeqaa jira.

Namni Arabaa fi namni Yihudii tokko jibba halaalaa akka moʼan maaltu gargaare?

Viidiyoo Jaalalli Amanamaan Jibba Kan Moʼu Yoomi? jedhu ilaali. Mata duree viidiyichaa jw.org irraa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi