LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 3 ful. 8-9
  • Wanta Saayintistoonni hin Beekne

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Saayintistoonni hin Beekne
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hayyuun Imbiriyooloojii Amantii Isaa Ibse
    Dammaqaa!—2016
  • Jireenyi kan Jalqabe Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Ijoolleen Keessan Uumaa Irratti Amantii Cimaa Akka Qabaatan Gargaaraa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Ragaa Jiru Qori
    Dammaqaa!—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 3 ful. 8-9
Barsiisaan saayinsii tokko barattoota isaa muraasaa wajjin haasaʼaa jira.

Wanta Saayintistoonni hin Beekne

Saayintistoonni wanta hawaa keessa jiru hundumaa waan qoratan fakkaata. Taʼus, gaaffiiwwan barbaachisoo taʼan hedduudhaaf deebii kennuu hin dandaʼan.

Saayintistoonni hawaanii fi jireenyi akkamitti akka jalqabe beekuu? Hin beekan. Namoonni tokko tokko dameen saayinsii kosmoolojii jedhamu hawaan akkamitti akka jalqabe ibsuu akka dandaʼu dubbatu. Kollejjii Daartimaawuzitti piroofeesara qorannoo hawaa kan taʼan Maarseeloo Giliisar Waaqayyo jiraachuu isaatti hin amanan; taʼus, “Hawaan akkamitti akka jalqabe ibsuu hin dandeenyu” jedhaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun, mata dureen barruu Science News jedhamu irratti baʼe, madda jireenyaa ilaalchisee akkana jedheera: “Lafa irratti jireenyi kan jalqabe akkamitti akka taʼe beekuun hin dandaʼamu. Qorannoon jiʼooloojii hedduun akka argisiisutti, hambaaleen wanta jalqaba lafa irratti raawwatamaa ture beekuuf nu gargaaran erga badanii baayʼee turaniiru.” Yaadawwan kun saayinsiin gaaffii, ‘Hawaanii fi jireenyi akkamitti jalqabe?’ jedhuuf deebii kennuu akka hin dandeenye argisiisu.

Haa taʼu malee, ‘Qaamni jireenya lafa irratti argamu uume jira erga taʼee, qaamni kun eenyu?’ jettee yaadda taʼa. Tarii immoo akkana jettee gaafatta taʼa: ‘Uumaan ogeessii fi jaalala qabeessi jira erga taʼee, ilmaan namootaa warri uumamawwan isaa taʼan akka dhiphatan kan heyyame maaliifi? Amantaawwan wal faallessan hedduun akka jiraatan kan heyyame maaliifi? Namoonni akka isa waaqeffatan dubbatan hammina hedduu akka raawwatan kan heyyame hoo maaliifi?’

Saayinsiin gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuu hin dandaʼu. Kana jechuun garuu deebii quubsaa argachuu hin dandeessu jechuu miti. Namoonni hedduun gaaffiiwwan kanaaf Kitaaba Qulqulluu irraa deebii quubsaa argataniiru.

Saayintistoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf yeroo ramadan tokko tokko Uumaatti kan amanan maaliif akka taʼe beekuuf jw.org/om ilaali. Viidiyoo walitti aansee baʼuu fi Waaʼee Madda Jireenyaa jedhu barbaadi.

Saayinsii Fi Kitaabni Qulqulluun Isaan Amansiiseera

Joorjii Nikalaaviyich Kooyidan, hayyuu keemistirii

“Hojiin koo yeroo baayʼee molekiyuloota walitti qabuu dabalata. Tarkaanfii akkamii akka fudhattu dursitee karoora baafachuu qabda. Tarkaanfii tokko irra illee yoo darbite molekiyuloonni sun bibittinnaaʼuu dandaʼu. Hojiin koo wal xaxaa taʼus, adeemsa keemikaalaa kumaan lakkaaʼamuu fi molekiyuloota keemikaalaa wal xaxoo taʼan uumuuf, seelota lubbu qabeeyyii keessatti raawwatamuu wajjin yeroo wal bira qabamu baayʼee salphaa dha. Kun immoo ogeessi keemistirii hundumaa irra caalu jechuunis, Uumaan jiraachuu qaba jedhee akkan amanu na taasise.

“Yommuun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabu, kitaabichi kitaabota kaan irraa adda akka taʼen hubadhe. Kitaabni Qulqulluun barreeffamee kan xumurame waggaa 2,000 dura taʼus gorsi inni qabatee jiru yeroo harʼaattis ni fayyada. Walitti buʼiinsa maatii keessatti, bakka hojiittii fi olloota gidduutti uumamu akkamitti furuun akka dandaʼamu gorsa gaarii kenna. Kunis, gorsa gaarii akkasii kennuu kan dandaʼu qaama hundumaa ol taʼe dha jedhee akkan amanu na taasiseera.”

Yan-der Shiwu, hayyuu imbiriyooloojii

“Micireen tokko guddachaa yeroo deemu, seelonni gara narviiwwaniitti, maashaaleetti, lafeewwanitti, gara dhiigaa fi tishuuwwan kaanitti jijjiiramuudhaan nama tokko argamsiisuuf seelonni hundi waltaʼiinsaan hojjechuu qabu. Seeliiwwan kun akkamitti miciree akka taʼan amma iyyuu guutummaatti hin beekamu. Kanaafuu, qaamni jireenya uume jira jedhanii amanuun sirrii dha jedheen amana.

“Ibsi Faarfannaa 139:15, 16 irratti micireen tokko gadameessa haadhaa keessatti akkamitti akka guddatu kenname argannoo saayintistoonni yeroo dhihoo bira gaʼanii wajjin wal sima. Barreessaan kun Uumaan yoo isatti mulʼise malee waggoota hedduu dura ibsa sirrii akkasii akkamitti kennuu dandaʼa?”

Viidiyoo Roosiyoo Pikaadoo Hereeroo: Barsiistuun Keemistirii Waaʼee Amantii Ishii Ibsite jedhamu ilaali. Mata duree viidiyoo kanaa jw.org irraa barbaadi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi