QAALAʼIINSA JIREENYAA DANDAMACHUU
Wanta Qabdutti Gammadii Jiraadhu
Namoonni wanti qaban akka isaan gaʼutti yaadan jireenya isaanitti ni gammadu. Haallisaanii yommuu jijjiiramummoo akka humna isaanitti jiraachuuf, akkaataa jireenyaa isaanirratti sirreeffama barbaachisu ni godhu.
BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
Ogeettiin xiinsammuu Jeesiikaa Koolar jedhamtu namoonni wanta qabanitti gammadanii jiraatan yeroo baayʼee ilaalcha gaarii akka qaban dubbatteetti. Namoonni akkasii warra kaanitti baayʼee akka hin hinaafnes hubatteetti. Kanaafuu, namoonni wanta qabanitti gammadanii jiraatan yeroo baayʼee gammadoo taʼuunsaanii fi baayʼee kan hin dhiphanne taʼuunsaanii nama hin ajaaʼibu. Sirumayyuu, namoonni baayʼee gammadoo taʼan tokko tokko qabeenya baayʼee hin qaban. Keessumaa namoonni wantoota maallaqni bituu hin dandeenyeef, jechuunis gammachuu maatii fi michootaa wajjin yeroo dabarsuudhaan argamuuf iddoo guddaa kennan baayʼee gammadoodha.
WANTA GOCHUU DANDEESSU
Warra kaanii wajjin walbira of hin qabin. Jireenya kee kan nama jireenya qananii jiraatuu wajjin kan walbira qabdu yoo taʼe gammachuu dhabuu, darbees hinaafuullee ni dandeessa. Namoonni miʼoota gatii guddaa baasu qaban sooreyyii akka taʼan sitti dhagaʼamuu dandaʼa taʼa. Haataʼu malee, tokko tokko qabeenya kana kan argatan liqiidhaani. Nikoolii ishiin Seneegaal keessa jiraattu akkas jetteetti: “Gammachuu argachuuf wantoota hedduu qabaachuun koo dirqama miti. Wantan qabutti kanan gammadu yoo taʼe, yeroo warri kaan na caalaa qabaatanittillee gammachuu koo hin dhabu.”
Akkas gochuuf yaali: Beeksisawwanii fi wantoota miidiyaalee hawaasaarratti baʼan warra qabeenyaa fi jireenya namoota sooreyyii argisiisan ilaaluurraa of qusadhu.
Kan galateeffattu taʼi. Namoonni galateeffatan yeroo baayʼee wanta qabanitti gammadanii jiraatu, akkasumas wanti dabalataa akka isaan barbaachisu ykn akka isaaniif malu isaanitti hin dhagaʼamu. Robertoon inni Heeyitii keessa jiraatu akkas jedheera: “Yeroo fudhadhee gaarummaa namoonni anaa fi maatii kootti argisiisanirratti nan yaada. Achiis wanta isaan naaf godhan baayʼee akkan dinqisiifadhu isaanitti nan hima. Ilmi koo inni waggaa saddeet taʼes wanta argate hundumaaf akka galateeffatu isa nan barsiisa.”
Akkas gochuuf yaali: Guyyaa guyyaadhaan wanta galateeffachuuf si kakaasu barreeffadhu. Wanti galateeffachuuf si kakaasu kun fayyaa gaarii, maatii walitti dhihaatuu fi michoota dhugaa qabaachuu ykn bareedina yommuu aduun lixxu mulʼatu arguu kee taʼuu dandaʼa.
Yeroo tokko tokko hundi keenya wanta qabnutti gammaduun nutti ulfaata. Taʼus gama kanaan carraaqqii gochuun keenya nu kiisa! Wanti qabnu akka nu gaʼutti yaanna yoo taʼe gammachuu qabaanna; kunimmoo wanta maallaqni bituu dandaʼu miti.