LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Adoolessa ful. 20-25
  • Iccitii Waan Qabanitti Gammadanii Jiraachuu Baratteettaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Iccitii Waan Qabanitti Gammadanii Jiraachuu Baratteettaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTA QABDUUF GALATEEFFADHU
  • KAN GAD OF QABDU TAʼI
  • ABDII KEERRATTI XIINXALI
  • “WARRI ISA SODAATAN HOMTUU ISAANITTI HIN HIRʼATU”
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Yihowaan “Waaqa Jiraataa” Akka Taʼe Yaadadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Dhugaa Adda Baafachuu ni Dandeessaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Adoolessa ful. 20-25

MATA DUREE QOʼANNAA 31

FAARFANNAA 111 Sababa Itti Gammannu

Iccitii Waan Qabanitti Gammadanii Jiraachuu Baratteettaa?

“Ani haala akkamii iyyuu keessatti, wantan qabutti gammadee jiraachuu baradheera.”—FILP. 4:11.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti galateeffachuun, gad of qabuun, akkasumas abdii keenyarratti xiinxaluun keenya wanta qabnutti gammannee jiraachuu barachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Wanta qabanitti gammadanii jiraachuu jechuun maal jechuudha? Maal jechuummoo miti?

WANTA qabdutti gammaddee jiraachaa jirtaa? Namni wanta qabutti gammadee jiraatu tokko eebba yeroo ammaa qaburratti xiyyeeffachuudhaan gammachuu fi nagaadhaan jiraata. Wanta hin qabneen kan kaʼe, garmalee hin aaru ykn hin gaddu. Haa taʼu malee, wanta qabnutti gammannee jiraanna jechuun, jireenya keenya fooyyessuuf hin carraaqnu jechuu miti. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko tajaajilasaa balʼifachuuf carraaquunsaa barbaachisaadha. (Rom. 12:1; 1 Xim. 3:1) Taʼus, mirga tajaajilaa tokko yeroo eegetti yoo argachuu baate gammachuusaa hin dhabu.

2. Wanta qabanitti gammadanii jiraachuu dhiisuun balaa kan qabu maaliifi?

2 Wanta qabanitti gammadanii jiraachuu dhiisuun balaa cimaa qabaachuu dandaʼa. Namoonni matumaa wanta qabanitti gammadanii hin jiraanne, wantoota dirqama isaan hin barbaachisne argachuuf jecha saʼaatii dheeraa hojjechuu dandaʼu. Kan nama gaddisiisu Kiristiyaanonni tokko tokko maallaqaa fi wantoota kan biroo baayʼee hawwan hataniiru. Tarii garaasaaniitti, ‘Wanti kun naaf mala,’ ‘Yeroo dheeraa eegaa tureera’ ykn ‘Maallaqicha boodan deebisee kaffala’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Taʼus, wanta akkamiiyyuu hatuun Yihowaa ni gaddisiisa, akkasumas maqaasaa salphisa. (Fak. 30:9) Warri kaanimmoo mirga tajaajilaa tokko waan hin arganneef baayʼee aaranii guutummaatti Yihowaa tajaajiluu dhiisaniiru. (Gal. 6:9) Tajaajilaan Yihowaa of murteesse tokko wanta akkasii akkamitti yaaduu dandaʼa? Tarii namni tokko rakkinni akkasii kan isa mudatu wanta qabutti gammadee jiraachuu waan dhaabeef taʼuu dandaʼa.

3. Filiphisiyus 4:11 fi 12​rraa barumsa nama jajjabeessu akkamii argachuu dandeenya?

3 Hundi keenyayyuu wanta qabnutti gammannee jiraachuu barachuu ni dandeenya. Phaawulos ergamaan, “Haala akkamii iyyuu keessatti, wantan qabutti gammadee jiraachuu baradheera” jedhee barreesseera. (Filiphisiyus 4:11, 12 dubbisi.) Phaawulos kana kan barreesse yeroo mana hidhaa keessa turettidha. Taʼus gammachuusaa hin dhabne. Iccitii wanta qabanitti gammadanii jiraachuu barateera. Wanta qabnutti gammannee jiraachuun nutti ulfaachaa jira yoo taʼe, wanti Phaawulos dubbatee fi muuxannoonsaa wanta qabnutti gammannee jiraachuu barachuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Haa taʼu malee, wanta qabnutti gammannee jiraachuun salphaadha jennee yaaduu hin qabnu. Kanaa mannaa, wanta qabnutti gammannee jiraachuu barachuu qabna. Akkamitti? Mee amaloota iccitii wanta qabanitti gammadanii jiraachuu barachuuf nu gargaaran haa ilaallu.

WANTA QABDUUF GALATEEFFADHU

4. Galateeffachuun wanta qabnutti gammannee jiraachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (1 Tasalonqee 5:18)

4 Amala galateeffachuu qabna taanaan wanta qabnutti gammannee jiraachuu ni dandeenya. (1 Tasalonqee 5:18 dubbisi.) Fakkeenyaaf, wantoota jireenyaaf nu barbaachisan argachuu keenyatti ni galateeffanna yoo taʼe, waaʼee wantoota barbaannuu garuummoo hin qabnee garmalee hin dhiphannu. Mirga tajaajilaa yeroo ammaatti qabnuuf Yihowaa kan galateeffannu yoo taʼe, mirga kan biraa argachuurratti garmalee xiyyeeffachuu mannaa, hojii yeroo ammaatti nuuf kenname garaa guutuudhaan raawwachuurratti xiyyeeffanna. Kitaabni Qulqulluun kadhannaa yeroo dhiheessinu Yihowaa akka galateeffannu kan nu jajjabeessu kanaafi! Amala galateeffannaa qabaachuun keenya, ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ nuuf argamsiisa.—Filp. 4:6, 7.

5. Israaʼelonni galateeffachuuf sababiiwwan akkamii qabu turan? (Fakkichas ilaali.)

5 Mee wanta Israaʼelota mudate haa ilaallu. Nyaata biyya Gibxiitti nyaachaa turan waan dhabaniif al hedduu Yihowaarratti gungumanii turan. (Lak. 11:4-6) Dhugaadha, lafa onaa keessa jiraachuun salphaa hin turre. Maarree, wanta qabanitti gammadanii jiraachuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa ture? Wanta Yihowaan sana dura isaaniif godherratti xiinxaluudhaan galateeffachuu qabu turan. Biyya Gibxii keessa garbummaadhaan jiraachaa yeroo turanitti, Yihowaan namoota isaan garboomfatanitti dhaʼicha kudhan fidee ture. Israaʼelonni erga bilisa baʼanii booda, meetii, warqii fi uffata ‘warra Gibxii saamaniiru.’ (Bau. 12:35, 36) Israaʼelonni raayyaa Faraʼoonii fi Galaana Diimaa gidduudhaa karaa itti baʼan yeroo dhabanitti, Yihowaan dinqiidhaan bishaanicha gargar hireera. Lafa onaa keessa deemaa yeroo turanittimmoo guyyaa guyyaadhaan mannaa isaan sooreera. Maarree, Israaʼelonni waaʼee nyaataa kan gunguman maaliifi? Israaʼelonni wanta qabanitti gammadanii jiraachuu kan dadhaban, nyaata isaan barbaachisu waan dhabaniif utuu hin taʼin, wanta qabaniif miira galateeffannaa waan dhabaniif ture.

Israaʼelonni tokko tokko mannaa ilaalchisee Museerratti gungumaa jiru; warri kaanimmoo mannaa walitti qabachaa fi isaan ilaalaa jiru.

Israaʼelonni wanta qabanitti gammaduu kan dadhaban maaliifi? (Keeyyata 5 ilaali)


6. Karaawwan amala galateeffannaa horachuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

6 Maarree amala galateeffannaa horachuu kan dandeenyu akkamitti? Tokkoffaa, wantoota gaggaarii qabdurratti yaaduuf guyyaa guyyaadhaan yeroo ramadi. Tariimmoo wantoota galateeffachuuf si kakaasan lama ykn sadii barreeffachuu dandeessa. (Faru. 3:22, 23) Lammaffaa, galateeffannaa kee ibsi. Wanta warri kaan siif godhaniif dursa fudhadhuutii galateeffadhu. Hunda caalaammoo yeroo hundumaa Yihowaa galateeffadhu. (Far. 75:1) Sadaffaa, namoota wanta qabaniif galateeffatan michuu godhadhu. Akkuma wanta qabanitti gammaduu dhiisuu, miirri galateeffannaas namarraa namatti darba. (Kes. 1:26-28; 2 Xim. 3:1, 2, 5) Galateeffannaa keenya ibsuurratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, carraan rakkina nu mudatee fi wanta hin qabnetti gadduuf qabnu ni xiqqaata.

7. Obboleettiin Aachii jedhamtu amala galateeffannaa kan horatte akkamitti? Kunoo buʼaa akkamii ishiidhaaf argamsiise?

7 Mee Aachii ishii Indooneezyiyaa keessa jiraattu wanta mudate haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Yeroo weerara dhibee Kooviid-19​tti haalan keessa ture, haala obboloota kootii wajjin wal bira qabuu jalqabeen ture. Kanaan kan kaʼes, wantan qabutti gammadee jiraachuun natti ulfaatee ture.” (Gal. 6:4) Aachiin jijjiirama akka gootu maaltu ishii gargaareree? Akkana jetteetti: “Eebban guyyaa guyyaadhaan argadhurratti yaaduu fi wantoota gaggaarii kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuu kootiin kan kaʼe argadherratti xiinxaluun jalqabe. Achiis wantootan argadhe hundaaf Yihowaan galateeffadhe. Kanaan kan kaʼes, wantan qabutti gammaduu dandaʼeera.” Haala keessa jirtuun gammachuu dhabaa jirta yoo taʼe, miira galateeffannaa qabaachuuf tarkaanfii akkasii maaliif hin fudhattu?

KAN GAD OF QABDU TAʼI

8. Baaruk haalli akkamii isa mudatee ture?

8 Barreessaa Ermiyaas raajichaa kan taʼe Baaruk yeroo muraasaaf rakkina keessa galee ture. Baaruk hojii ulfaataan isaaf kennamee ture; Ermiyaas saba hin galateeffanneef ergaa cimaa yeroo labsutti isa deggaruu qaba ture. Yeroo taʼe tokkotti garuu xiyyeeffannaan isaa hihiramee ture. Wanta Yihowaan akka inni raawwatu barbaadurratti xiyyeeffachuu mannaa, waaʼee ofiisaa fi wanta gochuu barbaadurratti garmalee akka xiyyeeffate haalasaarraa hubachuu ni dandeenya. Kanaafuu, Yihowaan karaa Ermiyaas, Baarukiin, “Ofii keetiif wantoota guguddaa barbaadaa jirta. Wantoota akkanaa barbaaduu kee dhiisi” jedheera. (Er. 45:3-5) Jecha biraatiin, “Haala amma keessa jirtutti gammadii jiraadhu” isaan jechaa ture. Baaruk sirreeffama isaaf kenname fudhatee michummaa Yihowaa wajjin qabu eeggatee itti fufeera.

9. Akka 1 Qorontos 4:6 fi 7​rratti ibsametti, amalli gad of qabuu ilaalcha akkamii qabaachuuf nu gargaara? (Fakkiiwwanis ilaali.)

9 Yeroo tokko tokko Kiristiyaanni tokko mirga tokko argachuu akka qabu isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Tarii dandeettii uumamaa kan qabu, jabaatee kan hojjetu ykn muuxannoo kan qabu, tariimmoo sadan isaayyuu kan qabu taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, mirgi inni barbaadu kun warra kaaniif kennamuu dandaʼa. Haalli kun yoo isa mufachiise maaltu isa gargaaruu dandaʼa? Yaada Phaawulos ergamaan barreessee fi 1 Qorontos 4:6, 7​rratti argamurratti xiinxaluu dandaʼa. (Dubbisi.) Mirga tajaajilaa qabnuu fi dandeettii uumamaa qabnu kamiyyuu kan arganne Yihowaarraati. Yihowaan wantoota kana kan nuuf kenne warra kaanirra waan caalluuf miti. Kanaa mannaa Yihowaan wantoota kana kan nuuf kenne gaarummaasaa isa guddaadhaan kan kaʼedha.—Rom. 12:3, 6; Efe. 2:8, 9.

Fakkiiwwan garaagaraa: Obbolootaa fi obboleettota mirga tajaajilaa garaagaraa argatan. 1. Obboleessi tokko ujummoo bishaanii gamoo tiʼookraasii sirriitti hojjechaa jiraachuusaa ilaalaa jira. 2. Obboleettiin tokko walgaʼii aanaa afaan mallattootiin geggeeffamurratti gaafannoon godhamaafii jira. 3. Obboleessi tokko gumiirrattin haasaa dhiheessaa jira.

Dandeettii qabnu kamiyyuu Yihowaa biraa arganne (Keeyyata 9 ilaali)b


10. Amala gad of qabuu horachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Fakkeenya Yesuusirratti gad fageenyaan yaaduudhaan amala gad of qabuu horachuu dandeenya. Mee galgala Yesuus miila ergamootasaa dhiqetti wanta raawwatame haa ilaallu. Yohaannis ergamaan, “Yesuus [1] Abbaan wanta hunda harka isaatti dabarsee akka kenne, [2] inni Waaqayyo biraa akka dhufee fi [3] gara Waaqayyoo akka dhaqu waan beekeef, . . miila barattoota isaa dhiquu . . jalqabe” jedhee barreesseera. (Yoh. 13:3-5) Yesuus ergamoonnisaa miilasaa akka dhiqan gaafachuu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, yeroo lafarra turetti, qabeenya hedduu qabaachuu fi jireenya qananii jiraachuun akka isaaf malu matumaa isatti dhagaʼamee hin beeku. (Luq. 9:58) Yesuus gad of qaba ture; wanta qabuttis gammadee jiraateera. Yesuus fakkeenya hundarra caalu nuuf taʼeera.—Yoh. 13:15.

11. Amalli gad of qabuu Deenis wanta qabutti gammadee akka jiraatu kan isa gargaare akkamitti?

11 Deenis inni Neezarlaandi jiraatu, gad of qabuurratti fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii godhee ture; taʼus kana gochuun isaaf salphaa hin turre. Akkas jedheera: “Yeroo tokko tokko namni tokko mirga tajaajilaa ani barbaadu yeroo argatu keessa kootti nan aaran ture. Yeroo miirri akkasii natti dhagaʼamu mata dureewwan waaʼee gad of qabuu ibsanirratti qorannaan godha. Appilikeeshinii JW Library® irratti, caqasoota waaʼee gad of qabuu ibsan tokko tokko dafee argachuu fi irra deebiʼee dubbisuu akkan dandaʼuuf mallattoo irratti godhadheera. Akkasumas haasaawwan waaʼee gad of qabuu ibsan tokko tokko bilbila koorratti buufadheera; yeroo baayʼees nan dhaggeeffadha.a Hojii hojjennu kamiifiyyuu galateeffamuu kan qabu nu utuu hin taʼin, Yihowaa akka taʼe baradheera. Yihowaan hojiisaa keessatti tokkoon tokkoon keenyaaf gaʼee akka qabaannu nuuf heyyameera; hojicha kan milkeessu garuu isadha.” Haala amma keessa jirtutti gammadaa akka hin jirre yoo sitti dhagaʼame, amala gad of qabuu horachuuf carraaqqii godhi. Kana gochuun kee michummaa Yihowaa wajjin qabdu siif cimsa, akkasumas wanta qabdutti gammaddee jiraachuuf si gargaara.—Yaq. 4:6, 8.

ABDII KEERRATTI XIINXALI

12. Abdii Yihowaan nuuf kenne isa kamtu wanta qabnutti gammannee jiraachuuf nu gargaara? (Isaayyaas 65:21-25)

12 Abdii dinqisiisaa Yihowaan nuuf kennerratti xiinxaluun keenya wanta qabnutti gammannee jiraachuuf nu gargaara. Kitaaba Isaayyaas keessatti Yihowaan rakkoowwan nurra gaʼaa jiran akka beeku ibseera; rakkoowwan kana hunda balleessuufis waadaa galeera. (Isaayyaas 65:21-25 dubbisi.) Mana mijataa taʼe keessa akka jiraannu waadaa nuu galeera. Hojii gammachiisaa taʼe ni qabaanna, nyaata madaalamaa fi miʼaawaa taʼe ni qabaanna. Sana booda nurras taʼe ijoollee keenyarra balaan ni gaʼa jennee matumaa hin yaaddofnu. (Isa. 32:17, 18; His. 34:25) Gara fuulduraatti jireenya dinqisiisaa fi amansiisaa taʼetu nu eeggata.

13. Abdii keenyarratti xiyyeeffachuu kan qabnu haalawwan akkamii keessattidha?

13 Amma yeroo kamiyyuu caalaa abdii keenyarratti xiyyeeffachuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, “guyyoota dhumaa” keessa waan jiraannuu fi hundi keenyayyuu rakkoowwan dandamachuuf baayʼee ulfaatoo taʼan waan nu mudataniifi. (2 Xim. 3:1) Yihowaan qajeelfama, jabinaa fi deggarsa nuuf kennuudhaan, guyyaa guyyaadhaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaara. (Far. 145:14) Kana malees, abdiin keenya yeroo rakkisaa taʼe keessatti jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara. Tarii maatii keetiif wantoota jireenyaaf barbaachisan guutuuf walʼaansoo gochaa jirta taʼa. Kana jechuun garuu yeroo hundumaa walʼaansoo gochaa jiraatta jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti! Yihowaan wanta si barbaachisu siif kennuuf waadaa galeera; jannata keessattimmoo wanta baayʼee siif godha. (Far. 9:18; 72:12-14) Tarii dhukkubbii cimaa, dhiphina ykn dhibee fayyaa kan biraa qabda taʼa. Haa taʼu malee, barabaraaf akkasumatti dhiphachaa jiraatta jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti dhukkubnii fi duuti ni bada. (Mul. 21:3, 4) Abdiin kun wanta yeroo ammaa nu mudatutti gadduu dhiisnee, wanta qabnutti gammannee jiraachuuf nu gargaara. Utuma jalʼinni haqaa nurra gaʼuu, nama jaallannu duʼaan dhabnee jirruu, dhibee fayyaa qabnuu ykn rakkoowwan kan biroon nurra gaʼaa jiranii wanta qabnutti gammannee jiraachuu ni dandeenya. Maaliif? Sababiin isaas, haalli amma keessa jirru hammamiyyuu ulfaataa yoo taʼe, “rakkinni nu irra gaʼu yeroo muraasaaf [akka] turuu” fi addunyaa haaraa keessatti furmaata dhaabbataa akka argatu beekna.—2 Qor. 4:17, 18.

14. Abdii keenya cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Abdiin wanta qabnutti gammannee jiraachuuf baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, abdii keenya cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma namni tokko wanta fageenyarra jiru ilaaluuf fuulleen ijaa isa barbaachisuu dandaʼu, nutis jannanni fuulduratti dhufu ifatti akka nutti mulʼatuuf abdii keenya cimsachuuf tarkaanfii tokko tokko fudhachuu qabna. Rakkinni maallaqaa garmalee yommuu nu yaaddessu gara fuulduraatti maallaqni, liqiinii fi wal caalmaan dinagdee yommuu badutti jireenyi keenya maal akka fakkaatu yaaduu dandeenya. Mirga tokko waan hin arganneef dhiphachaa jirra taanaan, cubbuurraa guutummaatti bilisa erga baanee fi waggoota kuma hedduudhaaf Yihowaa erga tajaajillee booda, wantoota akkasiitiif dhiphachuun barbaachisaa akka hin taane yaaduu dandeenya. (1 Xim. 6:19) Jalqabarratti wantoota nu dhiphisanirratti xiyyeeffachuu dhiisnee waaʼee gara fuulduraa yaaduun nutti ulfaachuu dandaʼa taʼa. Yeroo booda garuu abdii Yihowaan nuuf kennerratti xiinxaluun salphaa nuuf taʼuu dandaʼa.

15. Yaada Kiristaan dubbatterraa maal baratte?

15 Kiristaan ishiin haadha manaa Deenis isa olitti ibsamee taate, abdii ishiirratti xiyyeeffachuun ishii akkamitti akka ishii gargaare haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Dhukkuba maashaalee cimaa yeroo baayʼee wiilcheriidhaan akkan deemuu fi yeroo baayʼee akkan ciisu na taasisuun qabameen jira. Yeroo hundumaa dhukkubbiin natti dhagaʼama. Dhiheenya kana doktarri koo fayyuuf abdii akkan hin qabne natti hime. Anis, ‘Inni yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii akkan qabu hin beeku’ jedheen yaade. Ani abdii koorrattan xiyyeeffadha, kunimmoo nagaa sammuu naaf argamsiisa. Yeroo harʼaa addunyaa kana keessatti rakkina hedduu dandamachuun na barbaachisa; addunyaa haaraa keessatti garuu jireenya gammachiisaan jiraadha!”

“WARRI ISA SODAATAN HOMTUU ISAANITTI HIN HIRʼATU”

16. Daawit Mootichi “Warri [Yihowaa] sodaatan homtuu isaanitti hin hirʼatu” jedhee kan barreesse maaliif taʼuu dandaʼa?

16 Wanta qabnutti gammannee kan jiraannu taanus rakkinni nu mudachuu dandaʼa. Daawit Mootichi yoo xinnaate ijoollee sadii duʼaan dhabeera. Daawit dogoggoraan himatameera, ganameera, akkasumas Saaʼol Mootichi waggoota hedduudhaaf isa ajjeesuuf yaaleera. Taʼus, utuma rakkinni hedduun isarra gaʼuu, Yihowaa ilaalchisee, “Warri isa sodaatan homtuu isaanitti hin hirʼatu” jedheera. (Far. 34:9, 10) Akkas jechuu kan dandaʼe maaliifi? Sababiin isaas, tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, jireenyi keenya rakkinarraa bilisa taʼa jennee eeguu baannus, wanta nu barbaachisu akka argannu mirkanaaʼoodha. (Far. 145:16) Akkasumas Yihowaan rakkina nu mudatu hundumaa keessatti akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Eeyyee, wanta qabnutti gammannee jiraachuu ni dandeenya.

17. Iccitii wanta qabanitti gammadanii jiraachuu barachuuf kan murteessite maaliifi?

17 Yihowaan wanta qabdutti gammaddee akka jiraattu barbaada. (Far. 131:1, 2) Kanaafuu iccitii wanta qabanitti gammadanii jiraachuu barachuuf carraaqqii godhi. Amala gad of qabuu fi galateeffachuu horachuuf jabaattee yoo hojjette, akkasumas abdii kee yoo cimsatte atis akkuma faarfatichaa, ‘Eeyyee, ani gammadeera’ jechuu ni dandeessa.—Far. 16:5, 6.

WANTOONNI ARMAAN GADII WANTA QABDUTTI GAMMADDEE JIRAACHUUF KAN SI GARGAARAN AKKAMITTI?

  • Amala galateeffannaa horachuun

  • Gad of qabuun

  • Abdii keerratti xiinxaluun

FAARFANNAA 118 “Amantii Keenya Nuu Guddisi”

a Fakkeenyaaf, Waaqeffannaa Ganamaa Yihowaan Warra Gad Of Qaban ni Kunuunsa jedhuu fi Gad Of Qabuu moo Of Tuuluu? jedhu jw.org irraa ilaali.

b IBSA FAKKII: Obboleessi tokko gamoo tiʼookraasii tokko suphaa jira, obboleettii afaan mallattoo baratte tokkoof walgaʼii aanaarratti gaafannoon godhamaa jira, obboleessi tokko haasaa sabaa dhiheessaa jira.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi