LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 1/1 ful. 25
  • Waan Qabanitti Gammadanii Jiraachuun Ni Dandaʼamaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waan Qabanitti Gammadanii Jiraachuun Ni Dandaʼamaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Iccitii Waan Qabanitti Gammadanii Jiraachuu Baratteettaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Michootakee Ogummaadhaan Filadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Wanta Qabdutti Gammadii Jiraadhu
    Dammaqaa!—2025
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2010
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 1/1 ful. 25

Waan Qabanitti Gammadanii Jiraachuun Ni Dandaʼamaa?

“Waan qabanitti gammaduun hiyyeessa sooressa godha; waan qabanitti gammaduu dhiisuun sooressa hiyyeessa godha.” —Beenjaamiin Firaankiliin.

MAMMAAKSA olitti caqasame kanaa wajjin haala walsimuun, namoonni baayʼeen gammachuun gabaadhaa bitamuu akka hin dandeenye hubataniiru. Biyya lafaa, qabeenya baayʼee, milkaaʼina guddaa ykn jireenya namoonni kaan jiraatan jiraachuu hawwuu jajjabeessu keessatti, gammachuu garaadhaa madde argachuun rakkisaa taʼuunsaa kan nama dinqisiisu miti! Wantoota armaan gaditti caqasaman keessaa dhiibbaa sirratti gochaa kan jiru jiraa?

• Namoonni beeksisa daldalaa qopheessan gammachuu argachuu kan dandeessu wantoota baayʼee yoo bitatte qofa akka taʼe si amansiisuuf yaalu.

• Dorgommiiwwan mana barumsaatti ykn bakka hojiitti mulʼatan, ati bakka guddaa kan qabaattu wanta warri kaan godhan hunda yoo goote qofa akka taʼe akka yaaddu si jajjabeessu.

• Namoonni wanta ati isaanii gootuuf dinqisiifannaa hin qaban.

• Michoonnikee wanta isaan qabanitti akka hinaaftu si godhu.

• Jireenya ilaalchisee gaaffiiwwan buʼuuraa ati qabdu deebii hin arganne.

Haalawwan rakkisaan akkasii utuu namarra gaʼanii, gammachuu argachuun ni dandaʼamaa? Phaawulos ergamaan, waan qabanitti ‘gammaduun’ akka dandaʼamu ibseera. Yeroo tokko tokko wantoota baayʼee, yeroo kaanimmoo wantoota muraasa qabaachuudhaan jiraateera. Michoonnisaa isa dinqisiifataniyyuu, warri kaan isatti qoosaniiru. Taʼus, ‘waan hundumaatti gammaduu akka bare’ dubbateera.—Filiphisiiyus 4:11, 12, hiika bara 1899.

Namoonni waan qabanitti gammadanii jiraachuuf tarkaanfii fudhatanii hin beekne, gammachuu akkasii kana hin beekan; haataʼu malee akkuma Phaawulos jedhe kana barachuun ni dandaʼama. Kanatti aansuudhaan tarkaanfiiwwan Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsamaniifi gammachuu argachuuf gargaaran shan akka qortu si afeerra.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi