Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Adoolessaa–Fulbaanaa
“Dhugaatii alkoolii fudhachuu ilaalchisee dhaabbileen amantii yaadawwan wal faallessan kennu. Waaqayyo nama dhugaatii alkoolii dhuguuf ilaalcha akkamii qaba jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun Yesus yeroo tokko bishaan gara wayiniitti akka jijjiire kan dubbatu ta’us, yaada armaan gadiis qabateera. [Fakkeenya 23:20a dubbisiif.] Barruun kun yaada dhugaatii alkooliitiif ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaaru qabateera.”
Dammaqaa! Onkoloolessa
“Namoonni tokko tokko Waaqayyo qaama hin qabu jedhanii yaadu. Namoonni kaanimmoo Waaqayyo qaama miira qabu akka ta’e itti dhaga’ama. Atoo ilaalcha akkamii qabda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Mee wanta caqasni kun jedhu qalbeeffadhu. [1 Phexros 5:6, 7 dubbisi.] Matadureen fuula 29rra jiru gaaffii, Dhuguma Waaqayyo qaama qabaa? jedhuuf Macaafa Qulqulluurraa deebii kenna.”
Masaraa Eegumsaa Adoolessaa–Fulbaanaa
“Namoonni baay’een yommuu du’an gara samii dhaqna jedhanii abdatu. Atoo abdiin akkasii dhugaa sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Badhaasa namoonni gaarii hedduun argatan ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ilaali. [Faarfannaa 37:29 dubbisiif.] Barruun kun namoonni gara samii dhaqan eenyufaa akka ta’aniifi wanta isaan achitti hojjetan ibsa.”
Dammaqaa! Sadaasa
“Namoonni Waaqayyotti hin amanne tokko tokko, wantoota gadhee maqaa Waaqayyootiin raawwataman caqasuudhaan, amantiin utuu biyya lafarraa badee gaariidha jedhanii yaadu. Atoo yaanni kun sirriidha jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Sababiin amantiin sobaa rakkina itti geessisu inni tokko asirratti ibsameera. [1 Ximotewos 4:3 4 dubbisiif.] Barruun kun, sababii ragaan namoonni Waaqayyotti hin amanne dhiheessan dogoggora ta’uusaa ibsu tokko tokko qabateera.”