LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be ful. 66-ful. 70 key. 3
  • Akka Itti Deebii Deebistu Baradhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akka Itti Deebii Deebistu Baradhu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ilaalcha Nama Gaaffii Gaafatee Hubadhu
  • Ilaalcha Namichi Macaafa Qulqulluudhaaf Qabu
  • ‘Yeroo Hundumaa Gaarummaa Argisiisaa’
  • Murtoowwan Dhuunfaafi Dhimmawwan Yaada Garaatiif Dhiifaman
  • Gumiirratti Yaada Kennuu
  • Deebii Gaarii Deebisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Deebii Deebisuu Kan Qabdu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Walgaʼiiwwan Gumiirratti Wal Jajjabeessaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Gumii keessatti Yihowaa jajadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be ful. 66-ful. 70 key. 3

Akka Itti Deebii Deebistu Baradhu

GAAFFIIWWAN tokko tokko dhagaa bishaan keessaa fiixeensaa qofti ol baʼee argamuu wajjin wal fakkaatu. Hundeensaa inni balʼaan bishaan keessa dhokatee jira. Haaluma wal fakkaatuun wanti bakki guddaan kennamuuf gaafficha utuu hin taʼin kaʼumsa gaaffii sanaati.

Akka itti deebii deebistu beekta taanaan, namni gaaffii kana gaafate deebiisaa beekuuf hawwii qabaatullee, dhimma kana hangam ibsuu akka qabduufi kallattii kamiin ibsuu akka qabdu hubachuun si hin rakkisu. (Yoh. 16:12) Akkuma Yesus bartootasaatiif ibse, yeroo tokko tokko namni tokko wanta isa hin ilaallanne ykn odeeffannoo isa hin fayyanne gaafachuu dandaʼa.—HoE. 1:6, 7.

Caaffanni Qulqullaaʼoon, “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaaʼaa haa taʼu; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun taʼu beekaa!” jechuudhaan nu gorsu. (Qol. 4:6) Kanaaf, deebii kennuu keenya dura maal akka dubbannu qofa utuu hin taʼin, akkamitti akka dubbannus yaaduu qabna.

Ilaalcha Nama Gaaffii Gaafatee Hubadhu

Saduqoonni dubartii yeroo baayʼee heerumte tokko waaʼee duʼaa kaʼuushee ilaalchisee gaaffii gaafachuudhaan Yesusiin kiyyootti galchuu barbaadanii turan. Yesus garuu namoonni sun duʼaa kaʼuutti akka hin amanne beeka ture. Kanaaf, ilaalcha dogoggoraa gaaffii sana akka gaafatan sababii taʼerratti hundaaʼuudhaan deebii isaanii kenne. Yesus Caaffata Qulqullaaʼoorraa seenaa isaan beekan tokko caqasuudhaan akka gaariitti erga isaanii ibsee booda, karaa isaan hin eegneen Waaqayyo namoota duʼan akka kaasu ragaa ifa taʼe dhiheessuudhaan deebii isaanii kenneera. Deebiinsaa mormitootasaa waan dinqisiiseef, sana booda gaaffii garabiraa isa gaafachuu sodaatan.—Luq. 20:27-40.

Atis akka itti deebii deebistu barachuuf, ilaalchaafi wanta namicha yaaddesse dursitee hubachuun si barbaachisa. Fakkeenyaaf, namni wajjin barattu ykn wajjin hojjettu Ayyaana Qillee maaliif akka hin kabajne si gaafata taʼa. Gaaffii kana kan kaase maaliifi? Dhuguma sababiisaa beekuu barbaadeetimoo, yeroo gaarii dabarsuun akka sii heyyamamuufi sii hin heyyamamne beekuu barbaadeeti? Gaaffii kana maaliif akka kaase gaafachuun si barbaachisa taʼa. Achiis gaaffiisaarratti hundaaʼuudhaan deebii kenniif. Qajeelfama Macaafa Qulqulluu hordofuun keenya, dhiphinaafi rakkina ayyaanicha kabajuun nurraan gaʼurraa walaba akka nu godhu carraa kanatti fayyadamtee ibsuufii dandeessa.

Fakkeenyaaf, barattoota dura dhaabattee waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa akka dubbattu gaafatamte haa jennu. Dubbiikee erga xumurtee booda barattoonni gaaffii si gaafachuu dandaʼu. Gaaffiiwwan kun garaa qulqulluudhaan kan dhihaatan yoo taʼe, kallattiidhaan deebii kennuun gaariidha. Gaaffiin dhihaate jibba haawaasa naannichaa kan calaqqisu yoo taʼe garuu, deebii kennuukee dura dhimma kana ilaalchisee ilaalcha namoonni hedduun qaban sirreessuuf yaada gabaabaa kennuufi Dhugaa Baatonni Yihowaa seera Macaafa Qulqulluu hordofuu kan filatan maaliif akka taʼe ibsuu dandeessa. Si qoruudhaaf gaaffii akkasii yoo si gaafatanillee, yeroo baayʼee gaaffiiwwan akkasii kan gaafatan dhimmi kun waan isaan yaaddesseef taʼuu dandaʼa jedhanii yaaduun gaariidha. Yeroo kanatti deebiin ati kennitu, dhaggeeffattoonni ilaalcha balʼaa akka qabaatan gochuuf, odeeffannoo sirrii akka argatan gargaaruufi amantiin keenya Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuusaa ibsuuf carraa argatta.

Namni qacaree si hojjechiisu tokko, walgaʼii koonyaarratti argamuuf heyyama yoo si dhowwate maal goota? Jalqaba iddoosaa of kaaʼii dhimmicha hubachuuf yaali. Yeroo garabiraa saʼaatii dabalataa hojjechuu akka dandeessu itti himuunkee tarii gaarii taʼaa? Barumsi walgaʼii koonyaarratti dhihaatu amanamoo akka taanu kan nu gargaaru taʼuusaa ibsuunkee gaarii taʼinnaa? Iddoosaa of keessee akka yaaddu yoo hubate, innis wanta ati bakka guddaa kennituuf kana hubachuudhaan tole siin jechuu dandaʼa taʼa. Wanta sirrii hin taane akka raawwattu yoo si gaafatehoo? Caaffata Qulqullaaʼoorraa caqasuudhaan ejjennookee ibsuun gaʼaadha. Haataʼu malee, namni harʼa isaaf jedhee sobeefi hate, yeroo garabiraa isa sobuufi isa jalaa hatuu akka dandaʼu itti himuun gaarii taʼinnaa?

Barataa yoo taatemmoo, mana barumsaa keessatti sochiiwwan deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabne tokko tokkorratti hirmaachuu hin barbaaddu taʼa. Barsiisaankee ilaalchakee kan hin deggerre taʼus, naamusa kutichaa eegsisuuf itti gaafatamummaa akka qabu yaadadhu. Rakkoowwan si mudachuu dandaʼan (1) wanta isa yaaddessu tilmaama keessa galchuu, (2) ejjennookee karaa ulfina qabuun ibsuu, akkasumas (3) Yihowaa gammachiisuuf ejjennoo cimaa qabaachuudha. Buʼaa gaarii argachuuf, wanta itti amantu ilaalchisee deebii salphaafi ifa taʼe kennuudhaan alattis wanti si barbaachisu jiraachuu dandaʼa. (Fak. 15:28) Ijoollee yoo taate, abbaan ykn haatikee deebii akkamii akka kennitu si qopheessuudhaan akka si gargaaran beekamaadha.

Yeroo tokko tokko, himata sobaa namni aangoo qabu sirratti dhiheesse dogoggora taʼuusaa mirkaneessuun si barbaachisa taʼa. Ajajaan poolisii, namni aangoo qabu ykn abbaan seeraa tokko, seera tokko tokko kabajuu, siyaasa keessa galuurraa of qusachuu ykn ayyaanota sabboonummaarratti hirmaachuu ilaalchisee ejjennookee akka ibsitu si gaafachuu dandaʼa. Yeroo kanatti akkamitti deebii kennuu qabda? Macaafni Qulqulluun, “arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis” deebii akka kenninu nu gorsa. (1 Phe. 3:16) Kana malees, dhimmi kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? jedhii of gaafadhu; dhimmi kun kan isaan yaaddesses maaliif akka taʼe hubachuukee karaa ulfina qabuun ibsi. Isa boodahoo? Akkuma Phaawulos mirgasaa kabachiisuuf seera warra Roomaa caqase, atis seera mirgakee sii kabachiisu caqasuu dandeessa. (HoE. 22:25-29) Tariimmoo, dhimma kana ilaalchisee ejjennoo Kiristiyaanonni durii ykn Dhugaa Baatonni Yihowaa qaban ibsuunkee ilaalcha abbaa taayitaa sanaa balʼisuu dandaʼa. Yookiinimmoo namni tokko Waaqayyoof abboomamuunsaa, seera barbaachisaa namoonni baasaniif akka ajajamu kan isa godhu taʼuusaa ibsuu dandeessa. (Rom. 13:1-14) Yeroo akkasiitti ejjennookee ilaalchisee Caaffata Qulqullaaʼoorraa ragaan dhiheessitu fudhatama argachuu dandaʼa.

Ilaalcha Namichi Macaafa Qulqulluudhaaf Qabu

Gaaffii dhihaateef yommuu deebii kennuu yaaddu, ilaalcha namichi Macaafa Qulqulluudhaaf qabu tilmaama keessa galchuun si barbaachisa. Yesus gaaffii Saduqoonni duʼaa kaʼuu ilaalchisee gaafataniif yommuu deebii kennu akkas godheera. Yesus, Saduqoonni macaafota Museen barreesse qofatti akka amanan waan beekuuf, macaafota kana keessaa ragaa kan isaanii dhiheesse siʼa taʼu, deebii kennuusaa duras, “Museen iyyuu . . . warri duʼan akka duʼaa kaʼan mulʼiseera” jechuudhaan dubbateera. (Luq. 20:37) Atis nama si dhaggeeffatu gargaaruuf, kutaa Macaafa Qulqulluu inni itti amanuufi beekurraa caqasuunkee gaarii taʼuu dandaʼa.

Namni si dhaggeeffatu, wanta Macaafni Qulqulluun jedhutti hin amanu yoo taʼehoo? Phaawulos ergamaan haasaa Aariyophaagositti dhiheesseefi Hojii Ergamootaa 17:22-31⁠rratti argamurratti maal akka godhe qalbeeffadhu. Macaafa Qulqulluu kallattiidhaan utuu hin caqasin dhugaa achirratti argamu isaanitti himeera. Atis yeroo barbaachisutti akkas gochuu dandeessa. Naannoo tokko tokkotti kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa caqasuukee dura nama sanaa wajjin yeroo dheeraadhaaf mariʼachuu si barbaachisa taʼa. Jalqabarratti yommuu Macaafa Qulqulluurraa caqastu Dubbii Waaqayyoo taʼuusaa jabeessitee dubbachuu mannaa, sababiiwwan caqasa kana qoruun barbaachisaa itti taʼe tokko tokko dubbachuunkee qofti gaarii taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee galmikee, waaʼee kaayyoo Waaqayyoo dhugaa baʼuufi namni si dhaggeeffachaa jiru wanta Macaafni Qulqulluun jedhu akka hubatu gargaaruu taʼuu qaba. Macaafni Qulqulluun yaada nuti kenninu caalaa namoota amansiisuu dandaʼa.—Ibr. 4:12.

‘Yeroo Hundumaa Gaarummaa Argisiisaa’

Akkuma Yihowaan Waaqa gaarii taʼe, tajaajiltoonnisaas haasaansaanii ‘yeroo hundumaa gaarummaa kan argisiisuufi akka soogiddaa miyaaʼaa’ akka taʼu gorfamuunsaanii sirriidha! (Qol. 4:6, NW; Bau. 34:6, NW) Kana gochuu akka hin qabne yeroo nutti dhagaʼamuttillee, gaarummaadhaan dubbachuu qabna jechuudha. Haasaan keenya kan namatti tolu malee, kan nama gaddisiisu taʼuu hin qabu.

Namoonni hedduun dhiphina guddaa keessa waan jiraniif, yeroo hunda dubbii gurratti hin tolle dhagaʼu. Namoota akkasii yommuu haasofsiisnu nu arrabsuu dandaʼu. Yeroo akkasiitti deebii akkamii isaanii kennuu qabna? Macaafni Qulqulluun, “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa” jedha. Deebiin akkasii, namni nu mormu ilaalchasaa akka jijjiiru gochuu dandaʼa. (Fak. 15:1; 25:15) Namoonni yeroo hunda dubbii gurratti hin tolle dhagaʼan, amala gaarii itti argisiisnuufi deebii qajeelaa isaanii kenninutti gammaduudhaan misiraachoo isaanitti himnu fudhachuu dandaʼu.

Namoota dhugaadhaaf kabaja hin qabnee wajjin wal falmuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, namoota waaʼee dhugaa dhagaʼuuf fedhii qabaniif Macaafa Qulqulluurraa ragaa dhiheessuu barbaanna. Haalli akkamiiyyuu yoo nu mudate, deebiin keenya gaarummaafi abdii Waaqayyoo isa gati jabeessa taʼetti akka amannu kan argisiisu taʼuu akka qabu yaadachuu qabna.—1 Tas. 1:5.

Murtoowwan Dhuunfaafi Dhimmawwan Yaada Garaatiif Dhiifaman

Barataan Macaafa Qulqulluu ykn namni hidhata amantii keenya taʼe dhimma tokko ilaalchisee maal gochuu akka qabu yoo si gaafate deebii akkamii kennuufii qabda? Tarii ati maal akka murteessitu beekta taʼa. Haataʼu malee, namni hundi ofiisaatiif murtoo gochuu qaba. (Gal. 6:5) Phaawulos ergamaan namoonni inni lallabeef, “amantiidhaan akka abboomaman” jajjabeesseera. (Rom. 16:26) Nuyis fakkeenya kana hordofuu qabna. Namni nama Macaafa Qulqulluu isa qayyabsiisu ykn nama garabiraa gammachiisuuf murtoo godhu, namoota tajaajilaa jira malee amantiidhaan deddeebiʼaa hin jiru. (Gal. 1:10) Kanaaf, nama gaaffii kana dhiheessuuf kallattiidhaan deebii salphaa yoo deebisteef hin gammadu taʼa.

Yeroo akkasiitti qajeelfama Macaafa Qulqulluu wajjin haala walsimuun akkamitti deebii kennuu dandeessa? Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu dhimma sanaa wajjin walsimu ykn fakkeenya Macaafa Qulqulluurratti ibsame itti himuu dandeessa. Yeroo tokko tokkommoo, qorannoo gochuudhaan seerawwan buʼuuraafi fakkeenyota kana akkamitti argachuu akka dandaʼu itti argisiisuu dandeessa. Seerawwan buʼuuraafi faayidaa fakkeenyonni achirratti ibsaman qaban isaa wajjin mariʼachuu dandeessa; taʼus dhimma kaʼe sanaa wajjin haala wal qabateen akkamitti hojiirra akka oolchu hin ibsin. Seerawwan buʼuuraafi fakkeenyota achirratti ibsamanirraa yaada gaarii murtoo gochuuf isa gargaaru akkamii akka argate gaafadhu. Wantoota kanarratti hundaaʼee murtoo akkamii yoo godhe Yihowaa gammachiisuu akka dandaʼu akka hubatu isa jajjabeessi. Akkas yoo goote, ‘sammuunsaa hojiidhaan itti baree hamaafi gaarii gargar baasuu akka dandaʼu’ isa gargaaraa jirta jechuudha.—Ibr. 5:14.

Gumiirratti Yaada Kennuu

Yeroo baayʼee gumiirratti amantii keenya namoota duratti ibsuuf carraa arganna. Karaa itti kana goonu keessaa inni tokko, gaaffiiwwan gaafatamaniif deebii kennuudha. Deebii kennuu kan qabnu akkamitti? Fedhiin keenya Yihowaa jajuu ykn waaʼeesaa wanta gaarii dubbachuudha. Daawit faarfatichi “walgaʼii keessatti” yommuu Waaqayyoon jaje akkas godheera. (Far. 26:12) Kana malees, akkuma Phaawulos ergamaan jedhe, karaa namoota hidhata amantii keenya taʼan jajjabeessuun, akkasumas ‘jaalala argisiisuufi waan gaarii hojjechuuf’ karaa isaan kakaasuun deebii kennuu qabna. (Ibr. 10:23-25) Barumsicha dursinee qayyabachuun keenya akkas gochuuf nu gargaara.

Deebii akka deebistu yommuu gaafatamtu deebii salphaa, ifaafi gabaabaa kenni. Guutummaa keeyyatichaa deebisuu mannaa, qabxii tokkorratti qofa xiyyeeffadhu. Deebii gaaffichaa keessaa muraasa qofa yoo deebiste, warri kaan yaada dabalataa kennuuf carraa argatu. Keessumaa, caqasawwan yaannisaanii keeyyaticha keessaatti hin ibsamne addeessuun barbaachisaadha. Kutaa caqasichaa keessaa yaada ibsamaa jiruu wajjin walitti dhufeenya qaburratti xiyyeeffadhu. Kallattiidhaan keeyyaticharraa dubbistee deebii kennuu mannaa, jecha mataa keetiin deebisuu bari. Deebiinkee yoo sirrii taʼuu baate hin dhiphatin. Darbee darbee namni deebii kennu hundi dogoggoruu dandaʼa.

Akka itti deebii deebisnu beekuu jechuun, deebiisaa beekuu jechuu akka hin taane beekamaadha. Deebii deebisuun hubannaa gaafata. Haataʼu malee, deebii garaadhaa maddeefi garaa namootaa tuqu kennuu dandaʼuun baayʼee nama gammachiisa!—Fak. 15:23.

DEEBII KEENNUUKEE DURA WANTOOTA IRRATTI YAADUU QABDU

  • Sababa gaaffichi itti gaafatame

  • Deebiisaa hubachuuf buʼuura akkamii kaaʼuun akka barbaachisu

  • Wanti nama garabiraa yaaddesse siinis akka yaaddesse karaa argisiisuun ejjennookee ibsuu dandaʼuu

  • Yaadakee karaa ifa taʼeefi akka itti amantu argisiisuun ibsuu dandaʼuu

  • Kallattiidhaan deebii kennuu ykn seera buʼuuraafi fakkeenyota namni sun wanta gochuu qabu ofumasaatiif akka murteessu isa gargaaran itti argisiisuu

MALAWWAN WALGAʼIIRRATTI YAADA KENNUUF GARGAARAN

  • Deebii isa jalqabaa kennita taanaan, kallattiidhaan deebii gabaabaa kenni

  • Yaada dabalataa yommuu kennitu, (1) caqasoonni kennaman dhimma sanaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qaban ibsi, (2) dhimmichi kan nu ilaallatu akkamitti akka taʼe dubbadhu, (3) barumsicha akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu ibsi ykn (4) muuxannoo gabaabaa qabxicha addeessu dubbadhu

  • Yaada dabalataa kennuu akka dandeessutti, yaada warri kaan kennan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu

  • Jecha mataa keetiin deebisuuf yaali

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi