LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/09 ful. 1
  • Deebii Deebisuu Kan Qabdu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebii Deebisuu Kan Qabdu Akkamitti?
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akka Itti Deebii Deebistu Baradhu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Bartoota Gochuudhaan Isa Hunda Caalu Fakkaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Gaaffiitti Fayyadamuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Gaaffiiwwanitti Akka Gaariitti Fayyadamuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 9/09 ful. 1

Deebii Deebisuu Kan Qabdu Akkamitti?

1. Tajaajilarratti yeroo gaaffii gaafatamnu, fakkeenya Yesus hordofuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

1 Akkaataa Yesus gaaffii gaafatameef deebii itti kenne, hamma har’aatti namoota hedduu dinqisiisa. Nuyis tajaajilarratti yeroo gaaffii addaddaa gaafatamnu, fakkeenya Yesus hordofuun keenya barbaachisaadha.—1 Phe. 2:21.

2. Gaaffii nuu dhihaatuuf karaa bu’a qabeessa ta’een deebii kennuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

2 Jalqaba Dhaggeeffadhaa: Yesus ilaalcha namootaa tilmaama keessa galcha ture. Yeroo tokko tokko, ilaalcha namichaa sirriitti beekuuf gaaffii gaafachuun barbaachisaa ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf, namni “Yesusitti ni amantuu?” jedhee isin gaafatu tokko, maaliif guyyaa dhaloota Yesus Kiristos akka hin ayyaaneffanne isin gaafachuusaa ta’uu danda’a. Wanti namicha yaaddesse dhugumaan maal akka ta’e yoo hubanne, caalaatti karaa bu’a qabeessa ta’een deebii kennuufii dandeenya.—Luq. 10:25-37.

3. Barreeffamoonni deebii gaarii Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’an kennuuf nu gargaaran kamfa’i?

3 Dubbii Waaqayyootti Fayyadamuudhaan Deebii Kennaa: Yeroo gaaffii gaafatamtan hundatti, deebii Macaafni Qulqulluun gaaffii sanaaf kennu namootatti argisiisuun gaariidha. (2 Xim. 3:16, 17; Ibr. 4:12) Kitaabni Ragaa Dhiheessuu, akkasumas “Matadureewwan Macaafa Qulqulluu Mareedhaaf Gargaaran” jedhuufi Caaffata Qulqullaa’oo Hiika Addunyaa Haaraa irratti argamu gaaffii gaafatamneef deebii sirrii kennuuf nu gargaara. Namni gaaffii nu gaafatu Macaafa Qulqulluutti hin amanu yoo ta’ellee, tooftaadhaan wanta Caaffanni Qulqullaa’oon barsiisan itti himuu dandeessu. Namichi, ogummaa sirrii ta’eefi Macaafa Qulqulluu keessatti argamu akka qoru jajjabeessaa. Fakkeenya Yesus yoo hordofne, deebiin keenya “akka killa hudha qabuu isa meetiidhaa fi warqee itti naqanii miidhagsanii” ulfina qabeessa, namatti kan toluufi gati qabeessa ta’a.—Fak. 25:11.

4. Gaaffii hundumaa deebisuun barbaachisaa kan hin taane yeroo akkamiitti?

4 Gaaffii Hunda Deebisuun Barbaachisaadhaa? Deebii gaaffichaa hin beektan taanaan, “Deebiisaa hin beeku, garuu gaaffii keerratti qorannaa godhee deebiisaa guyyaa garabiraa fideen dhufa” jechuu hin saalfatinaa. Akkasitti gad of deebisuufi namoota kaaniif akka yaaddan argisiisuun keessan, namichi yeroo garabiraa akka deebitan isin afeeruuf isa kakaasuu danda’a. Namichi falmii kaasuudhaan isin mormuu akka barbaade yoo hubattan, baay’ee dubbachuurraa of qusachuudhaan fakkeenya Yesus hordofaa. (Luq. 20:1-8) Haaluma wal fakkaatuun, namni dhugaadhaaf fedhii hin qabne falmii keessa isin galchuuf yaalii kan godhu yoo ta’e, kabajaan maree sana dhaabaatii namoota garaa qajeelaa qaban barbaaduudhaan yeroo keessanitti fayyadamaa.—Mat. 7:6.

5. Yesus gaaffiiwwan deebisuudhaan fakkeenya akkamii nuu kaa’eera?

5 Yesus, gaaffiiwwan namoonni garaa qajeelaa qaban gaafataniif deebii kennuudhaan, hojii “dhugaadhaaf dhugaa ba’uuf” isaa kenname fiixaan baasuuf Yihowaatti amanamuun akka barbaachisu beeka ture. (Yoh. 18:37) Yesusiin fakkaachuudhaan, gaaffii namoonni ‘Mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf yaadataman’ kaasaniif deebii deebisuuf mirga guddaa arganneerra!—HoE. 13:48.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi