Qayyabannaa 18
Macaafa Qulqulluurraa Deebii Kennuu
WAAʼEE amantii keenyaa, seera ittiin geggeeffamnu, haala yeroo ammaafi abdii qabnu ilaalchisee gaaffii gaafatamnuuf Macaafa Qulqulluurraa deebii kennu qabna. Maaliif? Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo waan taʼeefidha. Amantiin keenya Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼedha. Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin geggeeffamna. Wantoota biyya lafaarratti raawwataman ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhutti amanna. Abdiin keenya Macaafa Qulqulluu isa hafuura Waaqayyootiin barreeffamerratti kan hundaaʼedha.—2 Xim. 3:16, 17.
Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuun keenya itti gaafatamummaa akkamii akka nutti fidu ni hubanna. (Isa. 43:12) Kanaaf falaasama namootaarratti utuu hin taʼin, Dubbii Yihowaa isa hafuurasaatiin barreeffamerratti hundoofnee gaaffii gaafatamnuuf deebii kennina. Hundi keenya ilaalcha mataa keenyaa akka qabnu beekamaadha; taʼus Dubbiin Waaqayyoo dhugaa taʼuusaa garaa guutuudhaan waan amannuuf ittiin geggeeffamna. Dhugaadha, Macaafni Qulqulluun dhimmoota hedduu ilaalchisee filannaa mataa keenyaa akka goonu nuu heyyama. Kanaaf, warri kaan ilaalcha keenya akka qabaatan gochuu mannaa, seerawwan buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti argaman akka hubatan isaan gargaaruu barbaanna; akkas gochuun keenya mirga filannaa gochuuf qabanitti akka fayyadaman isaan gargaara. Nuyis akkuma Phaawulos, namoota ‘gara amantiifi gara abboomamuutti geessuuf’ carraaqqii goona.—Rom. 16:26.
Mulʼata 3:14rratti Yesus, “dhuga-baatuu isa amanamaa, isa dhugaadhaaf dhugaa baʼu” akka taʼe ibsameera. Gaaffii gaafatameef deebii kan kenneefi haala isa mudateef furmaata kan kenne akkamitti ture? Al tokko tokko fakkeenya sammuu namaa hojjechiisutti fayyadama ture. Namni gaaffii isa gaafate Caaffata Qulqullaaʼoo ilaalchisee wanta beeku akka dubbatu yeroo itti gaafates qaba. Siʼa baayʼee caqasa caqasuudhaan, yaada caqasichaa ibsuudhaan ykn karaa garabiraa caqasicha ibsuudhaan deebii kenna ture. (Mat. 4:3-10; 12:1-8; Luq. 10:25-28; 17:32) Jaarraa jalqabaatti macaafonni maraman manneen sagadaa keessa kaaʼamu turan. Yesus macaafota kana dhuunfaatti akka qabu wanti ibsame jiraachuu baatus, Caaffata Qulqullaaʼoo akka gaariitti waan beekuuf, yommuu barsiisu irra deddeebiʼee isaanirraa caqasa ture. (Luq. 24:27, 44-47) Wanta Abbaasaarraa dhagaʼe dubbate malee, wanti inni barsiise kan ofiisaa akka hin taane dubbachuunsaa sirrii ture.—Yoh. 8:26.
Nuyis fakkeenya Yesus hordofuu barbaanna. Yommuu Waaqayyo dubbatu akkasaa dhagaʼuu baannus, Macaafa Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe qabna. Macaafa kanarraa deebii kan kenninu yoo taʼe, xiyyeeffannaa namootaa ofitti hin harkisnu. Yaada namoota cubbamoo taʼanii barsiisuu mannaa, wanta Waaqayyo nutti himu dhagaʼuuf murtoo akka goone argisiisna.—Yoh. 7:18; Rom. 3:4.
Kaayyoon keenya Macaafa Qulqulluu caqasuu qofa utuu hin taʼin, namni nu dhaggeeffatu wanta dubbisnurraa faayidaa akka argatu gargaaruudha. Namni kun garaadhaa akka nu dhaggeeffatu barbaanna. Haala namichaarratti hundooftee yaada Macaafa Qulqulluu beeksisuu dandeessa. Fakkeenyaaf, “Wanta Waaqayyo jedheef bakka guddaa kennuu kan qabnu sitti hin fakkaatuu?” Yookiin, “Macaafni Qulqulluun waaʼee dhimma kanaa akka dubbatu beektaa?” jettee gaafachuu dandeessa. Nama Macaafa Qulqulluutti hin amanne haasofsiisaa jirta taanaanimmoo mala garabiraatti fayyadamuu dandeessa. “Mee waaʼee raajii bara duriitti dubbatame tokkon sitti hima” ykn “Kitaabni baayʼinaan raabsamuudhaan hundarra caalu akkas jedha . . .” jechuu dandeessa.
Al tokko tokko yaada caqasichaa jecha mataa keetiin gabaabsitee ibsuu barbaadda taʼa. Hamma dandaʼametti Macaafa Qulqulluurraa dubbisuun gaariidha. Dandaʼamnaan caqasicha Macaafa Qulqulluusaarraa itti argisiisi. Yeroo baayʼee Macaafa Qulqulluurraa dubbisuun garaa namootaa tuquuf gargaara.—Ibr. 4:12.
Keessumaa jaarsoliin gumii gaaffii gaafatamaniif kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa deebii kennuu qabu. Ulaagaan jaarsa taʼuuf barbaachisu keessaa inni tokko, ‘akka barsiisicha ofii fudhatanitti dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatanii qabamuudha.’ (Tit. 1:9) Babalʼisaan tokko, gorsa jaarsi gumii isaaf kennerratti hundaaʼee murtoo akka laayyootti hin ilaalmne gochuu dandaʼa. Kanaaf, gorsi jaarsi tokko kennu Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuunsaa barbaachisaa mitii? Jaarsi tokko gama kanaan fakkeenya gaarii taʼuunsaa, warri kaanis yommuu namoota barsiisan fakkeenyasaa akka hordofan kakaasuu dandaʼa.