LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 49 ful. 255-ful. 257 key. 3
  • Ragaa Amansiisaa Dhiheessuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ragaa Amansiisaa Dhiheessuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Caqasoota Akka Gaariitti Beeksisuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Caqasoota Sirriitti Ibsuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Hubannaa Dhaggeeffattootaa Kan Guddisu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Macaafa Qulqulluu Baasanii Akka Hordofan Jajjabeessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 49 ful. 255-ful. 257 key. 3

Qayyabannaa 49

Ragaa Amansiisaa Dhiheessuu

Maal gochuu qabda?

Wanta dubbattuuf ragaa amansiisaa dhiheessi.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Dhaggeeffattoota amansiisuu baannaan, barumsichatti amanuus taʼe hojiirra oolchuu hin dandaʼan.

YAADA tokko yommuu dubbattu dhaggeeffattoonni, “Wanti kun dhugaa kan taʼe maaliifi? Dhugaa taʼuusaatiif ragaa maaliitu jira?” jedhanii gaafachuuf mirga qabu. Atis barsiisaa waan taateef, kallattiidhaan deebii kennuu ykn dhaggeeffattoonni deebiisaa yaadanii akka bira gaʼan gargaaruu qabda. Yaada ibsaa jirtuuf qabxiin baayʼee barbaachisaa taʼe yoo jiraate, ragaa dhaggeeffattoonni akka itti amanan godhu dhiheessuu qabda. Kunis haasaankee kan nama amansiisu akka taʼu gochuurratti gaʼee guddaa qaba.

Phaawulos ergamaan, ragaa dhiheessuu, akka irratti yaadan gochuufi ilaalchasaanii akka jijjiiran garaasaatii isaan kadhachuudhaan dhaggeeffattootasaa amansiisuuf carraaqqii godheera. Phaawulos gama kanaan fakkeenya gaarii nuu taʼa. (HoE. 18:4; 19:8) Namoonni tokko tokko karaa dogoggora taʼeen nama amansiisuu akka dandaʼan beekamaadha. (Mat. 27:20; HoE. 14:19; Qol. 2:4) Jalqabumaa kaasee tilmaamaan yaada dogoggora taʼe caqasu; odeeffannoo dogoggora taʼe dhugaa fakkeessanii dhiheessu; dhugaa ilaalchasaanii wajjin wal hin simne hin fudhatan ykn ragaa amansiisaa dhiheessuu mannaa miiraan geggeeffamu. Nuyi garuu karaa kanaan namoota amansiisuuf yaalii gochuu hin qabnu.

Dubbii Waaqayyoorratti Kan Hundaaʼe. Wanta Macaafa Qulqulluurraa baranne malee ilaalcha keenya namoota barsiisuu hin qabnu. Gama kanaan barreeffamoonni hojjetaa amanamaafi ogeessi qopheesse gargaarsa guddaa nuu godhu. Barreeffamoonni kun Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan akka qorannu nu jajjabeessu. Nuyis kaayyoon keenya namoonni dhimma sana ilaalchisee wanta Dubbiin Waaqayyoo jedhu akka hubatan gad of deebisnee gargaaruu malee, wanti nuyi dubbanne sirrii taʼuusaa amansiisuu miti. Yaada Yesus Kiristos yommuu gara Abbaasaatti kadhannaa dhiheesse, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedhee dubbatetti ni amanna. (Yoh. 17:17) Yihowaa isa lafaafi samii uume caalaa aboo guddaa kan qabu hin jiru. Yaanni dubbannu kan nama amansiisu taʼuu kan dandaʼu, Dubbii Waaqayyoorratti kan hundaaʼe yoo taʼedha.

Yeroo tokko tokko namoonni waaʼee Macaafa Qulqulluu akka gaariitti hin beekne ykn akka Dubbii Waaqayyootti hin ilaalle si mudatu taʼa. Yeroo akkasiitti namoota kanaaf, yoomiifi akkamitti Macaafa Qulqulluurraa yoo caqaste gaarii akka taʼu beekuun si barbaachisa. Haataʼu malee, baayʼee utuu hin turin Macaafa Qulqulluurratti akka xiyyeeffatan gochuu qabda.

Caqasa dhimma irratti mariʼachaa jirtanii wajjin walitti dhufeenya qabu waan caqasteef qofa ragaa amansiisaa akka dhiheessite sitti dhagaʼamuu qabaa? Sitti dhagaʼamuu hin qabu. Caqasichi dhugumaan yaada dubbatte akka deggeru argisiisuuf, yaada naannoo caqasichaatti argamu ibsuun si barbaachisa taʼa. Seera buʼuuraa caqasicha keessa jirutti qofa kan fayyadamtuufi yaanni naannoo caqasichaatti argamu waaʼee dhimma garabiraa kan dubbatu yoo taʼe garuu, ragaa dabalataa dhiheessuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Wanti dubbattu Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuusaa dhaggeeffattoota amansiisuuf, caqasoota dhimma sanaa wajjin walitti dhufeenya qaban garabiraa caqasuun si barbaachisa taʼa.

Caqasa tokko arbeessitee hin dhiheessin. Of eeggannoodhaan dubbisi. Caqasichi dhimma ibsaa jirtuuf yaada waliigalaa qofa kan kennu taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee ragaan dhiheessitu amansiisaa akka taʼu gochuuf, caqasichi yaada sana kan deggeru akka taʼe dhaggeeffattootaaf ifa taʼuu qaba.

Ragaawwan Dabalataa Dhiheessuu. Yeroo tokko tokko, namoonni wantoonni Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti ibsaman dhugaa taʼuusaanii akka hubatan gargaaruuf, Macaafa Qulqulluudhaan alattis odeeffannoowwan bakka amanamaa taʼerraa argamanitti fayyadamuun gaarii taʼuu dandaʼa.

Fakkeenyaaf, Uumaan jiraachuusaa ibsuuf uumama cufa isa ijaan argamu akka ragaatti dhiheessuu dandeessa. Waaʼee seerawwan uumamaa, kan akka seera harkisaa caqasuudhaan qaamni seera kana baase tokko jiraachuusaa kan argisiisu akka taʼe ibsuu dandeessa. Yaanni dhiheessite Dubbii Waaqayyoo wajjin kan walsimu yoo taʼe kan nama amansiisudha jechuudha. (Iyo. 38:31-33; Far. 19:1; 104:24; Rom. 1:20) Ragaan akkasii, yaanni Macaafa Qulqulluurratti argamu wantoota ijaan argamanii wajjin kan walsimu taʼuusaa waan mirkaneessuuf faayidaa guddaa qaba.

Namni tokko, Macaafni Qulqulluun dhugumaan Dubbii Waaqayyoo taʼuusaa akka hubatu gargaaruuf carraaqqii gochaa jirtaa? Tarii hayyoota Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuusaa amanan akka ragaatti dhiheessita taʼa; haataʼu malee, kun qofti gaʼaa taʼuu dandaʼaa? Ragaawwan akkasii namoota hayyoota kanaaf bakka guddaa kennan hamma tokko gargaaruu dandaʼu. Macaafni Qulqulluun dhugaa taʼuusaa mirkaneessuuf saayinsii akka ragaatti caqasuu qabdaa? Yaada hayyoota dogoggora raawwachuu dandaʼanii akka ragaatti kan dhiheessitu yoo taʼe ragaankee hundee cimaa hin qabaatu. Karaa garabiraammoo, jalqaba Dubbii Waaqayyoo erga caqastee booda, ragaawwan saayinsii Macaafni Qulqulluun dhugaa taʼuusaa mirkaneessan yoo itti dabalte ragaan dhiheessite hundee cimaa kan qabu taʼa.

Wanti mirkaneessuu barbaadde maaliyyuu yoo taʼe, ragaa gaʼaa dhiheessuu qabda. Ragaa hangamii akka dhiheessitu kan murteessu haala dhaggeeffattootaati. Fakkeenyaaf, guyyoota gara dhumaa ilaalchisee yaada 2 Ximotewos 3:1-5⁠rratti argamu ibsaa kan jirtu yoo taʼe, namoonni “warra jaalala of keessaa hin qabne” akka taʼan raajiin dubbatame dhugaa taʼuusaa mirkaneessuuf oduu sabqunnamtii dhaggeeffattoonni akka gaariitti beekan tokko caqasuu dandeessa. Milikkinni kenname kun raawwatamaa akka jiru ibsuuf fakkeenya tokkotti gargaaruunkee gaʼaa taʼuu dandaʼa.

Yeroo baayʼee wantoota wanta wal isaan fakkeessu qaban lama walbira qabdee ibsuunkee buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. Wantoota lama walbira qabanii ibsuun qofti wanti tokko dhugaa taʼuusaa argisiisuu waan hin dandeenyeef, yaanni kun Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu taʼuusaa mirkaneessuun barbaachisaadha. Haataʼu malee, namni tokko malli kun yaanni dhihaate kan nama amansiisu taʼuusaa akka hubatu isa gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf Mootummaa Waaqayyoo, bulchiinsa namootaa wajjin walbira qabanii ibsuun ni dandaʼama. Mootummaan Waaqayyoos, akkuma bulchiinsa ilmaa namootaa bulchitoota, namoota Mootummicha jalatti bulan, seera, sirna murtoon ittiin kennamuufi sirna barnootaa akka qabu ibsuu dandeessa.

Gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun faayidaa akkamii akka qabu ibsuuf, muuxannootti fayyadamuu dandeessa. Wanta dubbatte mirkaneessuuf, muuxannookees akka ragaatti dhiheessuu dandeessa. Fakkeenyaaf, Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuun faayidaa akkamii akka qabu nama tokkoof yommuu ibsitu, kana gochuunkee jireenya keerratti jijjiirama akkamii akka fide itti himuu dandeessa. Phexros obbolootasaa jajjabeessuuf, yeroo Yesus haala dinqii taʼeen jijjiirame ijasaatiin arguusaa caqaseera. (2 Phe. 1:16-18) Phaawulosis muuxannoo mataasaa dubbateera. (2 Qor. 1:8-10; 12:7-9) Haataʼu malee, irra deddeebitee muuxannookee dubbachuudhaan xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa ofitti hin harkisin.

Akkaataan guddinaafi ilaalchi namootaa garaagara waan taʼeef, ragaan nama tokko amansiisu isa kaan amansiisuu dhiisuu dandaʼa. Kanaaf, ragaa akkamiitti akka fayyadamtuufi akkamitti akka dhiheessitu yommuu murteessitu haala dhaggeeffattootakee tilmaama keessa galchi. Fakkeenyi 16:23, “Namoonni ogeeyyiin itti yaadanii in dubbatu, dubbiin afaan isaaniis nama in amansiisa” jedha.

KANA GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Qabxiiwwan barbaachisaa taʼan dubbattee bira darbuu mannaa, ragaa amansiisaa yaada sana deggeru dhiheessi.

  • Ragaan dhiheessitu Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe haataʼu.

  • Odeeffannoo kaayyookee galmaan gaʼuufi haala dhaggeeffattootaa tilmaama keessa galchutti fayyadami.

GILGAALA: (1) Kitaaba Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamu afaan ati dubbattuun kan argamu yoo taʼe, mataduree “Yesus Kiristos” jedhu baasii ilaali. Deebiiwwan gaaffiiwwaniif kennaman hedduunsaanii Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼan taʼuusaanii qalbeeffadhu. (2) Matadureewwan fuula jalqabaa barruu Masaraa Eegumsaa ykn Dammaqaarratti baʼan ilaali. Qabxiiwwan gurguddaa ibsaman keessaa muraasasaanii filadhu. Caqasawwan furtuufi ragaawwan dabalataa jala muri.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi