Qayyabannaa 51
Saʼaatii Eeguufi Sirriitti Qoqqooduu
BARUMSICHA akka gaariitti dhiheessuun baayʼee barbaachisaa taʼus, saʼaatii sii ramadametti haasaakee xumuruunis dhimma xiyyeeffannaan kennamuufii qabudha. Walgaʼiiwwan keenya saʼaatii itti jalqabamaniifi itti xumuraman qabu. Kun taʼuu kan dandaʼu garuu, obboloonni kutaa qaban hundi haasaasaanii saʼaatii isaaniif kennametti yoo xumuran qofadha.
Yeroo harʼaatti namoonni biyyoota hedduu keessatti argaman ilaalchi jireenyaaf qaban, namoota bara duriitti turanirraa addadha. Namoonni bara durii “gara saʼaatii sadii” ykn “akka saʼaatii kudhanii” jechuudhaan saʼaatii tilmaamaan ibsu turan. (Mat. 20:3-6; Yoh. 1:39) Sochii guyyaa guyyaan godhanitti waaʼee saʼaatii baayʼee hin yaaddaʼan turan. Harʼas biyyoota tokko tokko keessatti ilaalchi namoonni saʼaatii eeguudhaaf qaban kanaa wajjin wal fakkaata.
Namoonni aadaa naannoo ykn filannaa mataasaaniitiin waaʼee saʼaatiitiif dantaa kan hin qabne taʼanillee, nuyi garuu saʼaatii eeguudhaaf xiyyeeffannaa kennuun keenya nu fayyada. Obboloonni hedduun kutaa walitti aansee dhihaatu akka dhiheessan yommuu ramadaman, saʼaatii kutaasaaniitiif ramadame eeguuf xiyyeeffannaa kennuu qabu. Seerri buʼuuraa, “Wanti hundinuu garuu akka tolutti, sabiriidhaanis hojjetamuutu irra jira” jedhu, saʼaatii kutaawwan walgaʼiirratti dhihaataniif ramadame eeguus kan dabalatudha.—1 Qor. 14:40.
Saʼaatii Ramadametti Xumuruu. Saʼaatii ramadametti xumuruuf, qophii gochuun murteessaadha. Yeroo baayʼee obboloonni akka gaariitti hin qophoofne saʼaatii isaaniif ramadametti kutaasaanii xumuruun isaan rakkisa. Tarii garmalee ofitti amanamu taʼa. Yookiinimmoo, saʼaatii dhumaarratti kutaasaanii qophaaʼu taʼa. Kutaa sii kennameef dinqisiifannaa kan qabduufi akka gaariitti qophaaʼuuf carraaqqii kan gootu yoo taʼe, saʼaatii sii ramadame eeguun si hin rakkisu.
Kutaan sii kenname dubbisaan kan dhihaatudhaa? Taanaan, jalqaba siʼaayinaan dubbachuu, bakka sirrii taʼetti takka turuu, jechoota ijoo bakka sirriitti jabeessuufi yaadawwan ijoo jabeessanii dubbisuu ilaalchisee yaada Qayyabannaa 4 hanga 7rra jiru irra deebiʼi. Achiis, sagaleekee ol fuutee dubbisuudhaan gorsawwan kana hojiirra oolchuuf carraaqqii godhi; akkasumas saʼaatii qabadhuu shaakali. Saʼaatii sii ramadametti xumuruuf hamma tokko saffisaan dubbisuun si barbaachisaa? Qabxii baayʼee barbaachisaa hin taane bira yommuu geessu saffisaan dubbisi; qabxii barbaachisaa taʼe bira yommuu geessummoo saffisakee hirʼisi. Kana yommuu gootu, irra deddeebiʼii shaakali. Siʼaayinnikee yommuu fooyyaʼaa adeemu, kutaakee saʼaatii sii ramadametti xumuruun si hin rakkisu.
Haasaakee yaadannoorraa dhiheessita yoo taʼehoo? Akka kutaa dubbisaan dhihaatuutti, saʼaatii eeguuf jecha qabxiiwwan kutaakee keessatti argaman hunda tokko tokkoon barreessuun barbaachisaa miti. Qayyabannaa 25rratti malli hundarra caalu isa kam akka taʼe hubatteetta. Qabxiiwwan shanan armaan gaditti argaman hin irraanfatin: (1) Qabxiiwwan gaggaarii qopheessuun barbaachisaa taʼus, garmalee baayʼachuu hin qaban. (2) Qabxiiwwan gurguddaa yaadatti qabadhu malee, hima achi keessatti argamu hunda sammuutti qabachuuf hin yaalin. (3) Qabxiiwwan haasaakee keessatti argaman hundaarratti saʼaatii hammamii akka dabarsitu ykn daqiiqaa hangamii gidduutti qabxii ittaanu bira gaʼuu akka qabdu toorii keerratti mallattoo godhi. (4) Yommuu qophii gootu, qabxiiwwan saʼaatiin yoo si gaʼuu baate dhiistee bira darbuu qabdu dursitee filachuudhaan mallattoo itti godhi. (5) Akkaataa haasaa itti dhiheessitu shaakali.
Haasaa dhiheessitu shaakaluun barbaachisaadha. Haasaakee yommuu shaakaltu, daqiiqaa qabxiiwwan gurguddaa hundaaf ramadame eeguukee mirkaneessi. Saʼaatii sii ramadametti hamma xumuruu dandeessutti irra deddeebiʼii shaakali. Saʼaatii xinnoo gidduutti qabxiiwwan hedduu dhiheessuuf hin yaalin. Dhaggeeffattoota duratti haasaa dhiheessuun, dhuunfaatti shaakaluu caalaa saʼaatii waan fudhatuuf daqiiqaa muraasa hambisii shaakali.
Kuticha Qoqqooduu. Saʼaatii eeguun, tokkoon tokkoon kutaa haasichaa sirriitti qoqqooduu gaafata. Saʼaatii sii ramadame keessaa gara caalaasaa qaama kutaa haasichaatiif ramadi. Yaanni ijoo haasichaas achuma keessatti argama. Yaanni seensaa jalqabarratti dubbattu, kaayyoo sadan Qayyabannaa 38rratti ibsaman galmaan kan gaʼu yoo taʼe gaʼaadha. Akkuma Qayyabannaa 39rratti ibsame, qaamni kutaa haasichaa yaada xumuraa dubbachuuf hanga saʼaatiin si hanqatutti garmalee dheerachuu hin qabu.
Carraaqqiin kutaa sii kenname saʼaatiisaatti xumuruuf gootu, haasaa gaarii akka dhiheessitu si gargaaruu dandaʼa; akkasumas obboloota si booda kutaa dhiheessaniifi guutummaa gumichaa akka kabajju argisiisa.