Saanduqa Gaaffii
◼ Sa’aatii walga’iiwwan gumiitiif ramadame kabajuu kan dandeenyu akkamitti?
Yeroo waan nama gammachiisu michoota keenyaaf hirru yeroon utuu hin beekamin sokka. Kanaafuu, walga’iiwwan gumii yeroo heeyyamameefitti raawwachuun rakkisaa ta’uu danda’a. Maaltu nugargaaruu danda’a?
Sa’aatiisaatti jalqabaa. Sa’aatiin walga’ichaa ga’uusaa daqiiqaa tokko ykn lama dura dhaggeeffattoonni teessoosaanii akka qabatan affeeruudhaan walga’ichi sa’aatiisaatti akka jalqabamu gochuun ni danda’ama. (Lal. 3:1) Walga’iiwwan xixiqqoo akka, walga’ii tajaajila dirree dabalatee walga’ii hundi namoota barfatanii dhufaniif jecha turanii jalqabamuu hin qaban.
Akka gaariitti qophaa’aa. Yeroo heeyyamametti barumsicha dhiheessuuf dursanii qophaa’uun barbaachisaadha. Kaayyoo barumsichaa sammuutti qabadhu. Yaadawwan ijoo addaan baafadhuuti, yeroo barumsicha dhiheessitu isarratti xiyyeeffadhu. Yaadawwan ijoo hin taane gadi fageenyaan ibsuudhaan yaadni kee akka hin fudhatamne eeggadhu. Barumsicha salphaa godhii dhiheessi. Kutaan kee, hojiin argisiisa ykn gaaffiifi deebii kan dabalatu yoo ta’e, dursiitii sa’aatii hammamii akka fudhatu ilaali. Hamma danda’ame, yeroo kee to’achuudhaan sagalee kee ol fuudhii shaakali.
Barumsa kee qoqqoodi. Kutaan kee haasawaa ykn marii dhaggeeffattoota wajjin godhamu yoo ta’e, barumsa kee kutaa kutaadhaan qoqqooduun barbaachisaadha. Tokkoon tokkon kutaa keerratti yeroo hammamii akka fudhattu murteessiitii sa’aatii ramaddeef, qarqara yaadannoo keerratti qabadhu. Isa booddees, yeroo barumsicha dhiheessitu sa’aatii kee wajjin deemuu kee ilaali. Barumsichi marii dhaggeeffattoota wajjin godhamuun kan dhihaatu yoo ta’e, seensa keerratti yaadawwan dheeraa akka kennan heyyamtee, booddee yaada baay’ee barbaachisaa ta’e ariitiidhaan akka irra hin darbine of eegannoo godhi. Geggeessitoonni Masaraa Eegumsaa, gaaffii irra deebii dhumarra jiruuf yeroo ga’aa haambisuu qabu. Sa’aatii faarfannaafi kadhannaa xumuraatiif ramadame akka hin fudhanes of eeggachuu qabu.
Sa’aatiisaatti Xumuraa. Walga’ichi kan akka walga’ii tajaajilaa kutaawwan hedduu kan qabatu yoo ta’e, obboloonni kutaa qaban tokkoon tokkoonsaanii sa’aatii kutaasaanii itti jalqabaniifi xumuran beeku qabu. Kutaawwan tokko tokko sa’aatti isaanif ramadame ol yoo fudhatanhoo? Obboloonni kutaa itti aanu dhiheessan yaadawwan ijoorratti xiyyeeffachuudhaan, akkasumas wantoota baay’ee barbaachisaa hin taane gadi fageenyaan ibsuu dhiisuudhaan yeroo qusachuu qabu. Kana gochuu danda’uun mallattoo barsiisaa dandeetti qabu ittiin adda baasamudha.
Nuyi dhaggeeffattoonni walga’iirratti argamnus, deebii gabaabaafi sirrii ta’e deebisuudhaan obboleessa geggeessu gargaaruu dandeenya. Egaan, hundi keenya walga’iiwwan “akka tolutti, sabiriidhaanis” akka geggeeffaman gochuurratti qooda fudhachuu dandeenya.—1 Qor. 14:40.