Qajeelfama Obboloota Walga’ii Tajaajilaarratti Kutaa Dhiheessaniif Kenname
Maxxansa Tajaajila Mootummaa kanarraa jalqabee, sagantaa kutaawwan Walga’ii Tajaajilaarratti dhihaatan tokko tokkorratti jijjiiramni godhameera. Qajeelfamni armaan gaditti argamu yaada mataduree “Walga’ii Tajaajilaatiif Qophaa’uu Kan Dandeenyu Akkamitti?” jedhuufi Tajaajila Mootummaa Caamsaa 2009rratti ba’e kan bakka bu’u ta’a.
◼ Haasaa: Kutaan kun, barreeffama ramadamerratti hundaa’uudhaan kan geggeeffamuufi hirmaannaa dhaggeeffattootaa kan hin gaafanne ta’a. Obboleessi kutaa kana dhiheessu wanta gumichaaf barbaachisurratti xiyyeeffachuu qaba.
◼ Gaaffiifi Deebii: Kutaan kun akkuma Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa seensaafi yaada xumuraa gabaabaa kan qabu si’a ta’u, gaaffiiwwan keeyyata hundaarratti argaman gaafatamuu qabu. Obboleessi kutaa kana dhiheessu yaada baay’ee kennuu hin qabu. Yeroon ni ga’a taanaan caqasoonni ijoo ta’an dubbifamuu danda’u. Qajeelfamni yoo kenname malee keeyyanni kamiyyuu dubbifamuu hin qabu.
◼ Maree: Kutaan kun haasaa dhaggeeffattoonni darbee darbee irratti hirmaannaa godhaniin kan dhihaatudha. Kutichi guutummaatti bifa haasaatiin ykn guutummaatti bifa gaaffiifi deebiitiin dhihaachuu hin qabu.
◼ Hojiin Argisiisaafi Gaafannoo: Obboleessi kutaan hojiin argisiisaafi gaafannoo qabu kennameef kutaasaa keessatti hojiin argisiisa itti dabaluuf itti gaafatamummaa kan qabu ta’us, hojiin argisiisa kana ofiisaatii dhiheessuu hin qabu. Obboloonni inni filatu ga’umsa kan qabaniifi fakkeenya kan ta’an ta’uu qabu; danda’amnaan obboleessi kun hojiin argisiisa kana dursee isaanii kennuu qaba. Babal’istoonni haaraan ykn obboloonni muuxannoo hin qabne tokko tokko nama hojiin argisiisa dhiheessu akka gargaaran ramadamuu yoo danda’aniyyuu, waltajjiirra ba’uuf carraa akka argatan gochuuf jecha isaanitti fayyadamuun filatamaa miti. Babal’istoonni hojiin argisiisa dhiheessan dhaggeeffattootatti garagalanii dhaabachuu qabu. Obboloonni gaafannoon godhamuuf taa’anii utuu hin ta’in, waltajjiirra ba’anii yaada kennuu qabu. Hojiin argisiisniifi gaafannoon hundi dursee ilaalamuu qaba. Sa’aatiin walga’ichaaf ramadame dhumaa jira taanaan, obboleessi kutaa kana dhiheessu kutaasaa gabaabsuu qaba malee, hojiin argisiisaafi gaafannoo sana dhiisuu hin qabu. Tajaajiltoonni gumii obboloota kutaasaanii keessatti hirmaachisan filachuusaanii dura qindeessaa qaama jaarsolii ykn jaarsa garabiraa mariisisuu qabu.
Kutaan tokko qajeelfama adda ta’e qaba taanaan, qajeelfama sana sirriitti hordofuun barbaachisaadha. Obboloonni qajeelfama kana eeganii kutaa Walga’ii Tajaajilaa dhiheessan, kutaan kun “akka tolutti, sabiriidhaanis” akka geggeeffamu gochuurratti ga’ee qabaachuu danda’u.—1 Qor. 14:40.