LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ypq gaaffii 10 ful. 30-31
  • Kitaabni Qulqulluun kan Na Gargaaru Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun kan Na Gargaaru Akkamitti?
  • Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Dhimma Nama Hunda Ilaallatu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
  • Macaafa Qulqulluudhaaf Ilaalcha Akkamii Qabda?
    Macaafa Qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qabda?
  • Maatiidhaaf Gargaarsa Dabalataa
    Dammaqaa!—2018
  • Warraaf Gargaarsa Dabalataa
    Dammaqaa!—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
ypq gaaffii 10 ful. 30-31
Dargaggeessi tokko bakkee taaʼee Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbisu

GAAFII 10

Kitaabni Qulqulluun kan Na Gargaaru Akkamitti?

KANA BEEKUUN NA FAYYADAA?

Dubbiin Waaqayyoo, “Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame” akka taʼe dubbata. (2 Ximotewos 3:16) Kun dhugaa taanaan, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama si barbaachisu sii kennuu dandaʼa.

UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?

Mee haala kana yaadi: Daawit naannoo matumaa hin beeknetti konkolaachisaa jira. Mallattoowwan karaa irra jiran kan inni jiru bakka dhaquu barbaade akka hin taane argisiisu. Daawit karaan akka isa jalaa bade hubate. Karaa dogoggoree taʼuu qaba.

Ati utuu Daawit taatee maal goota?

TAKKA YAADI!

Filannoo hedduu qabda:

  1. Namoota gaafachuu.

  2. Kaartaa ilaaluu ykn GPS fayyadamuu.

  3. Karaa isaa akka argattu abdachuudhaan calluma jettee konkolaachisuu.

Filannoon C buʼaa akka hin qabne beekamaa dha.

Filannoon B isa tokkoffaa irra hamma tokko wayya. Hamma iddoo yaadde geessutti kaartaa ykn GPS qabattee deemuu dandeessa; kun immoo bakka dhaqxu beekuuf si gargaara.

Kitaabni Qulqulluunis haaluma wal fakkaatuun si gargaaruu dandaʼa!

Kitaabni kitaabota hunda caalaa gurgurame kun

  • rakkina si mudatu hunda keessatti si gargaara

  • eenyummaa kee akka beektuu fi nama gaarii akka taatu si gargaara

  • akkamitti jireenya hunda irra wayyu qabaachuu akka dandeessu ibsa

Gaaffiiwwan Guguddaadhaaf Deebii Kennuu

Erga afaan hiikkannee jalqabnee akkas jenne gaafanna:

  • Samiin cuquliisa kan fakkaatu maaliifi?

  • Urjiileen eessaa dhufan?

Yeroo booda immoo addunyaa naannoo keenya jiru ilaalchisee akkana jennee gaafanna:

  • Wantoonni gadheen kan nu irra gaʼan maaliifi?

  • Namoonni kan duʼan maaliifi?

Deebiin gaaffiiwwan kanaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argama.

Namoonni hedduun Kitaabni Qulqulluun oduu durii fi sheekkoodhaan kan guutame, yeroon kan itti darbe ykn hubachuuf kan nama rakkisu akka taʼe dubbatu. Haa taʼu malee, Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee dhugaan jiru kana dhaa? Moo wanta namoonni Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee dhagaʼantu rakkina qaba? Wanta sirrii hin taane dhagaʼaniitii laata?

Fakkeenyaaf, namoonni Kitaabni Qulqulluun addunyaa kan toʼatu Waaqayyo akka taʼe dubbata jedhu. Haa taʼu malee kun dhugaa dhaa? Addunyaan kun garmalee mancaʼeera! Dhiphinaa fi rakkinaan, dhukkubaa fi duʼaan, hiyyummaa fi balaa adda addaatiin kan guutame dha. Waaqni jaalala qabeessi wantoota akkasii namootatti fidaa?

Deebii kanaa beekuu ni barbaaddaa? Qaama addunyaa kana toʼatu ilaalchisee wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu si dinqisiisuun isaa hin oolu!

Gorsi birooshura kana keessa jiru Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa hubachuu hin ooltu. Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaabni Qulqulluun qajeelfama amansiisaa akka kennu amanu. Kitaabni Qulqulluun, “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame siʼa taʼu barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf” gargaara. (2 Ximotewos 3:16, 17) Kanaaf kitaaba durii yeroo harʼaattis gargaaru kana qoruun kee si fayyada!

ODEEFFANNOO DABALATAA

Kitaaba Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Viidiyoo Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhamu www.jw.org/om irraa ilaali

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi