BARUMSA 52
Fardeenii fi Gaarii Fardaa Ibiddaa Yihowaa
Benhadaad mootiin Sooriyaa Israaʼeliin loluu isaa itti fufe. Haa taʼu malee, Eelsaaʼi raajichi mootii Israaʼel waan akeekkachiiseef yeroo baayʼee isaan jalaa of oolchuu dandaʼeera. Kanaaf, Benhadaad Eelsaaʼiin qabsiisuuf murteesse. Eelsaaʼi magaalaa Dootaan keessa akka jiru waan dhagaʼeef, loltoonni Sooriyaa akka isa qabaniif achitti isaan erge.
Warri Sooriyaa halkaniin gara Dootaan dhaqan. Guyyaa itti aanu ganama tajaajilaan Eelsaaʼi, yommuu gad baʼu magaalattiin raayyaa guddaadhaan marfamtee arge. Baayʼee waan sodaateef, ‘Eelsaaʼi maal gochuu nuu wayya?’ jedhee iyyee. Eelsaaʼi immoo, ‘Warri nuu wajjin jiran, warra isaanii wajjin jiran irra ni caalu’ jedhee deebiseef. Yihowaanis yeruma sana tajaajilaan Eelsaaʼi gaaronni naannoo magaalattii jiran guutummaatti fardeenii fi gaarii fardaa ibiddaatiin guutamanii akka jiran akka argu taasise.
Loltoonni Sooriyaa Eelsaaʼiin qabuuf yommuu yaalan, inni ‘Yaa Yihowaa, maaloo ija isaanii jaamsi’ jedhee kadhate. Akkuma tasaa, loltoonni kun iji isaanii amma iyyuu kan argu taʼus, eessa akka jiran hubachuu hin dandeenye. Eelsaaʼis loltoota kanaan, ‘Magaalattiin kana miti. Ana duukaa buʼaa gara nama isin barbaaddan sanaatti isin nan geessa’ isaaniin jedhe. Yommuu isaan Eelsaaʼi duukaa buʼanis, Samaariyaa ishii mootiin Israaʼel keessa jiraatutti isaan geesse.
Yeroo kanatti warri Sooriyaa eessa akka jiran hubatan. Mootiin Israaʼelis, “Isaan ajjeesuu?” jedhee Eelsaaʼin gaafate. Eelsaaʼi carraa kana yeroo itti namoota isa ajjeesuuf yaalii godhan irratti ijaa baafatu akka argate godhee yaadee? Lakki. Eelsaaʼi, ‘Isaan hin ajjeesin. Nyaata isaaniif kenniitii gara biyya isaaniitti isaan deebisi’ jedheen. Kanaaf, nyaata baayʼee mootichi isaaniif qopheesse erga nyaatanii booda, gara biyya isaaniitti isaan deebise.
“Amanannaan nuti isa irratti qabnu kana dha; wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.”—1 Yohaannis 5:14