LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 57
  • Cubbuu Cimaa yoo Hojjette Maal Gochuu Qabda?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Cubbuu Cimaa yoo Hojjette Maal Gochuu Qabda?
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • ‘Jaarsolii Gumii Waammadhu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Namoota Cubbuu Hojjetanitti Jaalalaa fi Araara Argisiisuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Gumiin Kiristiyaanaa kan Gurmaaʼe Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Gargaarsa Nama Gumiidhaa Baafameef Taʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 57
Barumsa 57. Dargaggeessi cubbuu cimaa hojjete tokko Galma Walgaʼii keessatti jaarsolii lamatti cubbuu isaa himachaa jira.

BARUMSA 57

Cubbuu Cimaa yoo Hojjette Maal Gochuu Qabda?

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Yihowaa garaadhaa kan jaallattuu fi wanta isa gaddisiisu kam iyyuu raawwachuu dhiisuuf carraaqqii cimaa yoo goote illee, darbee darbee dogoggora raawwachuun kee hin oolu. Haa taʼu malee, cubbuun tokko tokko baayʼee cimaa taʼuu dandaʼa. (1 Qorontos 6:9, 10) Cubbuu cimaa yoo hojjette, Yihowaan si jaallachuu isaa akka hin dhiisne yaadadhu; inni dhiifama sii gochuu fi si gargaaruuf fedhii qaba.

1. Yihowaan dhiifama akka nuu godhuuf maal gochuu qabna?

Namoonni Yihowaa jaallatan cubbuu cimaa akka hojjetan yommuu hubatan baayʼee gaddu. Taʼus waadaa Yihowaan, “Cubbuun keessan diimaa dhiiga fakkaatu yoo taʼe illee, akkuma cabbii adii ni taʼa” jechuudhaan saba isaatiif gale irraa jajjabina argatu. (Isaayyaas 1:18) Garaadhaa yoo yaada geddaranne, Yihowaan guutummaatti dhiifama nuuf godha. Haa taʼu malee, yaada geddarachuu keenya akkamitti argisiisna? Wanta hojjechaa turretti garaadhaa gaabbinee wanta sana raawwachuu dhiisuu fi Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu kadhachuudhaan kana gochuu dandeenya. Achiis ilaalcha ykn barsiifata dogoggoraa cubbuu sana raawwachuutti nu geesse dhiisuuf carraaqqii guddaa gochuu fi ulaagaalee Yihowaa qulqulluu taʼanii wajjin walsimnee jiraachuuf yaaluu qabna.—Isaayyaas 55:6, 7 dubbisi.

2. Yeroo cubbuu hojjennutti Yihowaan jaarsoliitti fayyadamee kan nu gargaaru akkamitti?

Yeroo cubbuu cimaa hojjennutti Yihowaan ‘jaarsolii gumii akka ofitti waammannu’ nu ajajeera. (Yaaqoob 5:14, 15 dubbisi.) Dhiironni muudaman kun Yihowaa fi hoolota isaa ni jaallatu. Isaan Yihowaa wajjin deebisnee hariiroo gaarii akka qabaannu nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe barataniiru.—Galaatiyaa 6:1.

Maarree jaarsoliin yeroo cubbuu cimaa hojjennutti kan nu gargaaran akkamitti? Jaarsoliin lama ykn sadii gorsa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii nu sirreessu. Kana malees, yaada ykn jajjabina irra deebinee cubbuu akka hin hojjenne nu gargaaran nuu kennu. Jaarsoliin gumicha dhiibbaa gadhee irraa eeguuf, nama cubbuu cimaa hojjetee fi yaada geddarachuu dide kam iyyuu gumiidhaa baasu.

CAALAATTI BARADHU

Akkaataa Yihowaan yeroo cubbuu cimaa hojjennu itti nu gargaaru ilaalchisee hubannaa qabdu guddifadhu.

3. Cubbuu keenya himachuun michummaa Yihowaa wajjin qabnu haareffachuuf nu gargaara

Cubbuun hojjennu kam iyyuu Yihowaa ni gaddisiisa, kanaafuu cubbuu keenya isatti himachuun keenya sirrii dha. Faarfannaa 32:1-5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Cubbuu hojjenne dhoksuuf yaaluu mannaa Yihowaatti himachuun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?

Cubbuu keenya Yihowaatti himachuu malees jaarsoliin gargaarsa akka nuuf godhan gaafachuun boqonnaa nuuf argamsiisa. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: “Yihowaan Warra Jaallatu ni Adaba” (3:01)

  • Akkuma viidiyicha irratti ibsame jaarsoliin, Kaanon gara Yihowaatti akka deebiʼu kan isa gargaaran akkamitti?

Iftoominaa fi amanamummaadhaan jaarsoliitti dubbachuu qabna; isaanis nu gargaaruuf qophaaʼoo dha. Yaaqoob 5:16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Cubbuu hojjenne ilaalchisee dhugaa isaa dubbachuun keenya jaarsoliin nu gargaaruun akka isaanitti salphatu kan godhu akkamitti?

Fakkiiwwan: 1. Obboleessi tokko baayʼee gadduu isaatiin kan kaʼe adda isaa qabatee jira. 2. Obboleessi sun Yihowaatti kadhannaa dhiheessaa jira. 3. Obboleessi sun bilbilaan jaarsa tokko wajjin haasaʼaa jira. 4. Obboleessi sun jaarsolii sadii wajjin jira. 5. Obboleessi sun qalbii qulqulluu waan argateef seeqaa jira.

Cubbuu kee Yihowaatti himadhu, jaarsoliittis dhugaa isaa dubbadhu, akkasumas gargaarsa Yihowaan siif kennu fudhadhu

4. Yihowaan cubbamootatti araara ni argisiisa

Namni cubbuu cimaa hojjete tokko qajeelfama Yihowaa hordofuu yoo dide, gumiidhaa baafama; nutis isa wajjin yeroo dabarsuu hin qabnu. Qorontos Tokkoffaa 5:6, 11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Akkuma raacitiin bukoo bukeessu, nama cubbuu hojjetee fi yaada hin geddarannee wajjin yeroo dabarsuun gumicha irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

Jaarsoliin namoota gumiidhaa baafaman gargaaruuf carraaqqii gochuudhaan araara Yihowaan cubbamootatti argisiisu calaqqisiisu. Namoonni gumiidhaa baafaman hedduun adabni isaaniif kenname kan isaan gaddisiise taʼus, yaada isaanii akka geddaratan waan isaan gargaareef gara gumiitti deebiʼuu dandaʼaniiru.—Faarfannaa 141:5.

• Akkaataan itti Yihowaan cubbamoota qabu Waaqa yaadasaatti hin cichine, araara qabeessaa fi jaalala qabeessa taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?

5. Yaada yoo geddaranne Yihowaan dhiifama nuuf godha

Yesuus fakkeenya namni tokko yeroo yaada geddaratu wanta Yihowaatti dhagaʼamu hubachuuf nu gargaaru dubbateera. Luqaas 15:1-7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Caqasni kun waaʼee Yihowaa maal si barsiisa?

Hisqiʼel 33:11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yaada geddarachuun tarkaanfii barbaachisaa akkamii fudhachuu dabalata?

Tikseen tokko hoolaa tokko baatee madaa ishii carqiidhaan hidhaa jira.

Akkuma tiksee tokkoo Yihowaan hoolota isaatiif baayʼee ni yaada

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Cubbuun hojjedhe jaarsoliitti yoon hime gumiidhaa na baasu jedheen sodaadha.”

  • Nama akkas jedhee yaaduuf deebii akkamii kennita?

MAAL BARATTE?

Cubbuu cimaa yoo hojjenne, garuu immoo garaadhaa yoo gaabbinee fi cubbuu sana raawwachuu dhiisuuf yoo murteessine Yihowaan dhiifama nuuf godha.

Irra Deebii

  • Cubbuu keenya Yihowaatti himachuun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?

  • Cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuuf maal gochuu qabna?

  • Cubbuu cimaa yoo hojjenne, gargaarsa jaarsolii gaafachuu kan qabnu maaliifi?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Namni tokko akkuma Isaayyaas 1:18 irratti ibsame, araara Yihowaa kan argate akkamitti akka taʼe ilaali.

Yihowaan Dhiifama Akka Isiniif Godhu Matumaa hin Shakkinaa (5:02)

Jaarsoliin namoota cubbuu ­cimaa hojjetan gargaaruuf kan yaalan akkamitti?

“Namoota Cubbuu Hojjetanitti Jaalalaa fi Araara Argisiisuu” (Masaraa Eegumsaa, Hagayya 2024)

Cubbamoota yaada hin geeddarannetti jaalalaa fi araara argisiisuun akkamitti akka dandaʼamu dubbisi.

Gargaarsa Nama Gumiidhaa Baafameef Taʼu” (Masaraa Eegumsaa, Hagayya 2024)

Seenaa jireenyaa “Gara Yihowaatti Deebiʼuun Barbaade” jedhu irraa, namni Yihowaa irraa fagaatee ture tokko Yihowaan gara isaatti akka isa deebise kan isatti dhagaʼame maaliif akka taʼe baradhu.

“Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Masaraa Eegumsaa, Eblaa-Waxabajjii 2012)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi