Akka Lammii Mootummichaatti Jiraadhaa!
“Akka warri wangeela Kristos fudhatan jiraachuun taʼutti jiraadhaa.”—FILP. 1:27.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo kan taʼan eenyufaʼi?
Qooqa, seenaafi seera Mootummaa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen maal gochuu qabna?
Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo seerasaa akka jaallatan kan argisiisan akkamitti?
1, 2. Gorsi Phaawulos gumii Filiphisiiyusiif kenne hiika guddaa kan qabu maaliifi?
PHAAWULOS ergamaan, “Akka warri wangeela Kristos fudhatan jiraachuun taʼutti jiraadhaa” jechuudhaan gumii Filiphisiiyus keessa jiru gorseera. (Filiphisiiyus 1:27 dubbisi.) Yaanni, “akka warri wangeela Kristos fudhatan jiraachuun taʼutti jiraadhaa” jedhu afaan jalqaba ittiin barreeffameen ‘akka lammii tokkootti jiraachuu’ jedhamees hiikamuu dandaʼa. Yaanni kun gumii Filiphisiiyus keessa jiruuf hiika guddaa qaba ture. Maaliif? Filiphisiiyus magaalota jiraattonnishee lammii Roomaa akka taʼaniif filataman keessaa tokko waan turteef taʼuu hin oolu. Lammiiwwan Roomaa Filiphisiiyusiifi guutummaa bulchiinsa Roomaa keessa turan, mirga kana qabaachuufi seera Roomaa jalatti eegumsa adda taʼe argachuusaaniitti ni boonu turan.
2 Namoonni miseensa gumii Filiphisiiyus taʼan boonuuf sababii kana caalu qabu turan. Phaawulos Kiristiyaanonni dibamoon lammii “waaqa irraa” akka taʼan isaan yaadachiiseera. (Filp. 3:20) Isaan lammiiwwan mootummaa ilmaan namootaa utuu hin taʼin, lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo turan. Kanaaf, eegumsaafi faayidaa guddaa homtinuu isaan hin qixxaanne argatu turan.—Efe. 2:19-22.
3. (a) Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo taʼuuf carraa kan qaban eenyufaʼi? (b) Mataduree kana keessatti waaʼee maalii qorra?
3 Gorsi Phaawulos kun adda durummaadhaan Kiristiyaanota dibamoo Kiristosii wajjin samiirratti bulchaniif kan hojjetudha. (Filp. 3:20) Haataʼu malee, namoota Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafarra jiraataniifis ni hojjeta. Maaliif? Kiristiyaanonni of murteessan hundi Mootii tokko, jechuunis Yihowaa tajaajiluufi seera tokkoon jiraachuu waan qabaniifidha. (Efe. 4:4-6) Yeroo harʼaa, namoonni ulaagaa lammiiwwan biyya sooressa tokkoo taʼuuf isaan barbaachisu guutuuf carraaqqii cimaa godhu. Nutoo carraa lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo taʼuuf arganne kana caalaa dinqisiifachuu hin qabnuu? Dinqisiifannaa mirga kanaaf qabnu guddifachuuf, karaawwan lammii mootummaa ilmaan namootaa taʼuuniifi lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuun itti wal fakkaatan tokko tokko haa ilaallu. Achiis mirga lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo taʼuuf arganne eegnee jiraachuuf, wantoota gochuu qabnu sadii qorra.
ULAAGAA LAMMII TAʼUUF BARBAACHISU
4. Qooqni qulqulluun maalidha? Qooqa kana dubbachuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
4 Qooqa barachuu. Mootummoonni tokko tokko namoonni lammiisaanii taʼuu barbaadan qooqa biyyicha keessatti balʼinaan dubbatamu dubbachuu akka qaban isaan gaafatu. Namoonni lammii biyya tokkoo taʼuuf erga mirga argatanii boodallee afaan sana akka gaariitti dubbachuuf waggoota dheeraadhaaf carraaqqii gochuu dandaʼu. Caasluga afaanichaa dafanii barachuu kan dandaʼan taʼus, jechoota tokko tokko sirriitti waamuun yeroo isaanitti fudhachuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, Mootummaan Waaqayyoo namoonni lammiiwwansaa taʼan wanta Macaafni Qulqulluun “qooqa qulqulluu” jedhee waamu akka baratan isaanirraa barbaada. (Sefaaniyaa 3:9 dubbisi.)a Qooqni qulqulluun kun maalidha? Dhugaa waaʼee Waaqayyoofi kaayyoosaa dubbatuufi Macaafa Qulqulluu keessatti argamudha. Amala keenya seeraafi seera buʼuuraa Waaqayyoo wajjin yommuu walsimsiisnu qooqa qulqulluu ‘dubbanna.’ Namoonni lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo taʼan barumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluu dafanii barachuudhaan cuuphamuu dandaʼu. Taʼus erga cuuphamanii boodallee, qooqa qulqulluu akka gaariitti ‘dubbachuuf’ carraaqqii gochuu qabu. Karaa kamiin? Hundi keenya seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu ilaalchisee wanta beeknuufi gocha keenya walsimsiisuu qabna.
5. Seenaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarra jiruu hamma dandeenye barachuu kan qabnu maaliifi?
5 Seenaa barachuu. Namni lammii biyya tokkoo taʼuu barbaadu tokko, hamma tokko seenaa biyyichaa barachuu qaba. Namoonni lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuu barbaadanis hamma isaanii dandaʼame waaʼee Mootummichaa barachuu qabu. Fakkeenya ilmaan Qoraahi warra Israaʼel durii keessatti tajaajilaa turanii ilaalaa. Yerusaalemiifi bakka waaqeffannaashee, akkasumas seenaa magaalattii dubbachuun isaan gammachiisa ture. Wanti caalaatti isaan dinqisiise akkaataa manneen achi jiran itti ijaaraman utuu hin taʼin, magaalichaafi bakka waaqeffannaa sana ture. Yerusaalem handhuura waaqeffannaa dhugaa waan taateef, “mandara mootii guddichaa” jechuunis mandara Yihowaa turte. Waaʼee Seera Yihowaa barumsi kan kennamu iddoo kanattidha. Yihowaan gaarummaa kan argisiise namoota Mootii Yerusaalem jalatti bulaniif ture. (Faarfannaa 48:1, 2, 9, 12, 13 dubbisi.) Isinoo, akkasaanii waaʼee kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarra jiruu qayyabachuufi dubbachuuf fedhii qabduu? Waaʼee jaarmiyaa Waaqayyoofi akkaataa itti Yihowaan sabasaa deggeru caalaatti yommuu barattan, Mootummaan Waaqayyoo caalaatti isinii dhugooma. Kunis fedhiin misiraachoo Mootummichaa labsuuf qabdan akka guddatu godha.—Er. 9:24; Luq. 4:43.
6. Yihowaan seeraafi seera buʼuuraa Mootummaasaa akka barannuufi akka eegnu nu gaafachuunsaa sirrii kan taʼe maaliifi?
6 Seera barachuu. Mootummoonni ilmaan namootaa, namoonni lammiisaanii taʼanii jiraachuu barbaadan seera biyyichaa akka barataniifi akka eegan barbaadu. Yihowaanis seeraafi seera buʼuuraa lammiiwwan Mootummichaa hundi ittiin geggeeffaman akka barannuufi akka eegnu nu gaafachuunsaa sirriidha. (Isa. 2:3; Yoh. 15:10; 1 Yoh. 5:3) Seerri namootaa yeroo baayʼee hirʼina kan qabuufi kan nama wal caalchisudha. Faallaa kanaatiin, “seerri Waaqayyoo guutuu dha.” (Far. 19:7) Seera Waaqayyootti ni gammannaa? Akkasumas guyyaa guyyaadhaan ni dubbisnaa? (Far. 1:1, 2) Karaan itti seera Waaqayyoo barachuu dandeenyu ofuma keenyaan qayyabachuudha. Eenyuyyuu kana nuu gochuu hin dandaʼu.
LAMMIIWWAN MOOTUMMAA WAAQAYYOO SEERASAA NI JAALLATU
7. Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo seera sadarkaa guddaa qabu kamiin geggeeffamu?
7 Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo taanee itti fufuuf, seerasaa beekuu qofa utuu hin taʼin, seericha jaallachuu qabna. Namoonni lammiiwwan biyyoota hedduu, seeraafi seera buʼuuraa biyya keessa jiraatanii wajjin akka walii galan ni dubbatu. Taʼus, seerichi kan isaanitti hin tolle yommuu taʼuufi namni akka isaan hin argine yommuu hubatan seericha ni cabsu. Namoonni akkasii yeroo baayʼee ‘nama gammachiisuuf’ jedhanii abboomamu. (Qol. 3:22) Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo seera sadarkaa guddaa qabuun geggeeffamu. Yeroo namoonni kaan nu hin arginettillee, seera Waaqayyootiif gammachuudhaan abboomamna. Maaliif? Qaama Seericha Baase waan jaallannuufidha.—Isa. 33:22; Luqaas 10:27 dubbisi.
8, 9. Dhugumaan seera Waaqayyoo jaallachuufi dhiisuu keenya beekuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Seera Waaqayyoo dhugumaan kan jaallattan taʼuufi dhiisuu keessan beekuu kan dandeessan akkamitti? Wantoota filannaa dhuunfaatiif dhiifaman kan akka uffannaafi miidhaginaa ilaalchisee gorsi yommuu isinii kennamu maal akka isinitti dhagaʼamu qoraa. Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo taʼuu keessan dura akkaataa uffannaa keessaniif xiyyeeffannaa kan hin kennine ykn uffannaa fedhii saalqunnamtii kakaasu uffachaa turtaniittu taʼa. Jaalalli Waaqayyoof qabdan guddachaa yommuu adeemu garuu, karaa Waaqayyoof ulfina fiduun uffachuu barattan. (1 Xim. 2:9, 10; 1 Phe. 3:3, 4) Amma akka gaariitti uffachaa akka jirtan isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haataʼu malee, jaarsi tokko uffannaan keessan babalʼistoota gumii keessa jiran hedduu mufachiisaa akka jiru yoo isinitti hime maal gootu? Haala akkamiitiin deebii kennitu? Ni falmituu? Haaloo qabattuu? Moo mataa jabaattu? Hunda caalaa seerri Mootummaa Waaqayyoo lammiiwwan hundi fakkeenya Kiristos akka hordofan kan isaan gaafatudha. (1 Phe. 2:21) Phaawulos fakkeenya Yesus ilaalchisee, “Nu keessaa adduma addaan isa kaaniif gaarii akka taʼuuf, jireenya tokkummaas akka ijaaruuf nama haa gammachiisu! Kristos . . . ofii isaa hin gammachiifne” jedhee barreesseera. (Rom. 15:2, 3) Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe tokko gumii keessa nagaan akka jiraatuuf jecha, mirgasaatiif falmuu mannaa fedhii warra kaaniitiif dursa kenna.—Rom. 14:19-21.
9 Mee dhimmawwan iddoo guddaa qaban lama, jechuunis ilaalcha saalqunnamtiifi gaaʼelaaf qabnus ilaalaa. Namoonni lammii Mootummaa Waaqayyoo hin taane, saalqunnamtiin namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti raawwatamu sirrii akka taʼe, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluun miidhaa akka hin qabne, ejja raawwachuufi wal hiikuun dhimma dhuunfaa akka taʼan isaanitti dhagaʼama taʼa. Namoonni lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼan, ilaalcha ogummaa of keessaa hin qabneefi ofittummaarratti hundaaʼe akkasii dhiisaniiru. Namoonni baayʼeen Kiristiyaana taʼuusaanii dura jireenya gadhee jiraachaa kan turan taʼus, amma garuu saalqunnamtiifi gaaʼelli kennaa Waaqayyoo akka taʼetti ilaalu. Namoonni kun seera Yihowaatiif iddoo guddaa kennu; akkasumas namoonni ejja raawwachuusaanii itti fufan lammii Mootummichaa akka hin taane garaa guutuudhaan walii galu. (1 Qor. 6:9-11) Haataʼu malee, garaan namaa jalʼaa akka taʼes ni hubatu. (Er. 17:9) Kanaaf, seera amalaa sadarkaa guddaa qabu eeganii akka jiraataniif akeekkachiisa isaanii kennamu ni dinqisiifatu.
LAMMIIWWAN MOOTUMMAA WAAQAYYOO AKEEKKACHIISA KENNAMUUF NI FUDHATU
10, 11. Mootummaan Waaqayyoo akeekkachiisa akkamii kennaa jira? Waaʼee akeekkachiisa kanaa maaltu sitti dhagaʼama?
10 Mootummoonni ilmaan namootaa nyaataafi qoricha miidhaa geessisan ilaalchisee akeekkachiisa kennu. Nyaanniifi qorichi hundi gadhee akka hin taane beekamaadha. Haataʼu malee, oomishni taʼe tokko balaa kan geessisu yoo taʼe, mootummaan lammiiwwansaa eeguuf akeekkachiisa sirrii taʼe kennuu dandaʼa. Mootummaan tokko utuu akkas hin godhin yoo hafe, akka dantaa dhabetti ilaalama. Haaluma wal fakkaatuun, Mootummaan Waaqayyoo wantoota karaa amalaafi hafuuraa balaa geessisan ilaalchisee akeekkachiisa barbaachisaa taʼe ni kenna. Fakkeenyaaf Intarneetiin wal qunnamtiidhaaf, barumsasaafi bohaartiidhaaf kan fayyadudha. Jaarmiyaan Waaqayyoo Intarneetiitti fayyadamuudhaan wanta gaarii hedduu raawwata. Haataʼu malee, Weeb saayitoonni Intarneetii hedduun karaa amalaafi hafuuraa balaa kan geessisanidha. Weeb saayitoonni fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan argisiisan fayyaa hafuuraa lammiiwwan Mootummichaarratti balaa guddaa geessisu. Kutaan hojjetaa amanamaa waaʼee Weeb saayitoota akkasii waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif nu akeekkachiisaa tureera. Fayyaa hafuuraa keenya ilaalchisee akeekkachiisa nuu kennamu akkasiitiif guddaa galateeffanna!
11 Waggoota dhihoodhaa asitti Weeb saayitiin hawaasaa of eeggannoo guddaadhaan yoo itti fayyadaman faayidaa argamsiisuu dandaʼu beekamaa taʼeera. Haataʼu malee, Weeb saayitoonni kun balaa guddaa geessisanis qabu. Namni tokko hiriyaa gadheedhaaf akka saaxilamu gochuu dandaʼu. (1 Qor. 15:33) Kanaaf jaarmiyaan Waaqayyoo Weeb saayitoota kanatti fayyadamuu ilaalchisee akeekkachiisa sirrii taʼe kennuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Barreeffamoota hojjetaa amanamaan dhiheenyatti Weeb saayitoota kanatti fayyadamuu ilaalchisee baase hunda dubbistaniittuu? Barreeffamoota kana utuu hin dubbisin Weeb saayitoota kanatti fayyadamuun gowwummaa guddaadha!b Akkas gochuun qajeelfama qaruuraa qorichaarra jiru utuu hin dubbisin qoricha cimaa sana fudhachuu wajjin kan wal fakkaatudha.
12. Akeekkachiisa tuffachuun gowwummaa kan taʼe maaliifi?
12 Namoonni akeekkachiisa hojjetaan amanamaan kennu tuffatan ofiisaaniirrattis taʼe namoota jaallatanirratti miidhaa geessisuunsaanii hin oolu. Namoonni tokko tokko fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu amaleeffataniiru ykn ejja raawwataniiru; akkasumas Yihowaan waan isaan gochaa jiran akka hin arginetti yaaduudhaan of gowwoomsaniiru. Wanta raawwanne Yihowaa jalaa dhoksuu akka dandeenyu goonee yaaduun gowwummaa guddaadha. (Fak. 15:3; Ibroota 4:13 dubbisi.) Waaqayyo namoota akkasii gargaaruu waan barbaaduuf, bakka buutonnisaa lafarra jiran namoota kana akka gargaaran godha. (Gal. 6:1) Akkuma mootummoonni ilmaan namootaa tokko tokko nama gocha gadhee raawwatu mirga lammummaa isa dhowwatan, Yihowaanis namoota yaada garaa geddarachuu diduudhaan seerasaa cabsuu itti fufan, mirga lammummaa isaan dhowwata.c (1 Qor. 5:11-13) Taʼus, Yihowaan ooʼa qabeessadha. Namoonni yaada garaa geddarachuudhaan amalasaanii sirreeffatan, isa duratti deebiʼanii fudhatama argatu; akkasumas lammiiwwan Mootummichaa taʼanii itti fufu. (2 Qor. 2:5-8) Mootii jaalala qabeessa taʼe akkasii tajaajiluun keenya mirga guddaa mitii?
LAMMIIWWAN MOOTUMMAA WAAQAYYOO BARUMSAAF IDDOO GUDDAA KENNU
13. Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo barumsaaf iddoo guddaa akka kennan kan argisiisan akkamitti?
13 Mootummoonni ilmaan namootaa hedduun lammiiwwansaanii barsiisuuf carraaqqii cimaa godhu. Wallaalummaa balleessuuf jecha lammiiwwansaanii barumsa buʼuuraafi ogummaa waa hojjechuu akka argataniif manneen barumsaa ni ijaaru. Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo manneen barumsaa akkasii ni dinqisiifatu; dubbisuufi barreessuu ni baratu; akkasumas beekumsa of dandaʼanii jiraachuuf isaan gargaaru barachuuf carraaqqii godhu. Haataʼu malee, barumsa lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo taʼuudhaan argataniif iddoo guddaa kennu. Yihowaan karaa gumii Kiristiyaanaa dubbisuufi barreessuu barsiisaa jira. Warri ijoolleesaanii xixinnoo taʼaniif akka dubbisan jajjabeeffamu. Hojjetaa amanamaan jiʼa jiʼaan barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan hedduu maxxansa. Guyyaa guyyaadhaan fuula tokko ykn lama yoo dubbistan, barumsa Yihowaan kennurraa fayyadamuu keessan itti fufuu dandeessu.
14. (a) Leenjii akkamii argachaa jirra? (b) Waaqeffannaa Maatii gochuu ilaalchisee mala kenname keessaa isa kamitti fayyadamaa jirta?
14 Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo torban torbaniin walgaʼii gumiirratti leenjii argatu. Fakkeenyaaf Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii namoonni achitti baratan, Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti barsiisuu akka dandaʼaniif waggoota 60 oliif isaan gargaaraa tureera. Mana barumsaa kanatti galmoofteettaa? Waggoota dhihoodhaa asitti hojjeta amanamaan Waaqeffannaa Maatii jajjabeessaa jira. Qophiin kun tokkummaa maatii kan cimsudha. Mala qayyabannaa barreeffamoota keenyarratti dhihaatan hojiirra oolchaa jirtuu?d
15. Mirga guddaa qabnu keessaa tokko maalidha?
15 Lammiiwwan mootummaa ilmaan namootaa manaa gara manaa deemuufi hiriira baʼuudhaan, garee siyaasaa tokko akka deggeran ifatti argisiisu. Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo, namoota kana caalaa karaarrattiifi manaa gara manaatti deemuudhaan Mootummaa kana garaa guutuu akka deggeran argisiisu. Akkuma mataduree darberratti ibsame, Masaraan Eegumsaa Mootummaa Yihowaa beeksisu, barreeffamoota lafarra jiran kamiyyuu caalaa raabsama. Mirga guddaa qabnu keessaa inni tokko waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namootatti himuudha. Kanaaf, hojii lallabaa kanarratti hinaaffaadhaan hirmaachaa jirtaa?—Mat. 28:19, 20.
16. Lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuukee mirkaneessuu kan dandeessu akkamitti?
16 Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti guutummaa lafaa toʼata. Karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin, sochii namoonni guyyaa guyyaan godhan hunda ni toʼata. Yeroo sanatti namoota gaarii lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼan keessaa tokko ni taataa laata? Nama akkasii taʼuukee mirkaneessuuf yeroonsaa amma. Murtoo guyyaa guyyaan gooturratti, waan hundumaa ulfina Yihowaatiif godhi; akkasumas akka lammii Mootummaa Waaqayyoo tokkootti jiraachaa akka jirtu mirkaneessi.—1 Qor. 10:31.
[Miiljaleewwan]
a Sefaaniyaa 3:9 (NW): “Sabni hundinuu maqaakoo akka waammataniif, harka wal qabataniis anaaf akka hojjetaniif qooqa qulqulluu nan kennaaf.”
b Fakkeenyaaf Dammaqaa! Adoolessa 2011, fuula 24-27; Hagayya 2011, fuula 10-13fi Guraandhala 2012, fuula 3-9 ilaali. (Amaariffa)
d Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2011, fuula 6-7fi Tajaajila Mootummaa, Amajjii 2011, fuula 3-6 ilaali.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 14rra jiru]
Intarneetii ilaalchisee Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼuudhaan akeekkachiisa kennamu hordofaa jirtaa?
[Fakkii fuula 12rra jiru]
Akkuma ilmaan Qoraahi, waaqeffannaa dhugaafi seenaasaatti ni gammaddaa?
[Fakkii fuula 15rra jiru]
Waaqeffannaan Maatii, atiifi maatiinkee Mootummichaaf lammii gaarii akka taatan gochuurratti gaʼee guddaa qaba