LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp19 Lakk. 2 ful. 10-11
  • Yommuu Dhukkuba Cimaadhaan Qabamtu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yommuu Dhukkuba Cimaadhaan Qabamtu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • NAMOONNI TOKKO TOKKO KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?
  • Miseensi Maatii Yeroo Dhukkubsatu
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Waaqni Keessan Yihowaan Iddoo Guddaa Isiniif Kenna!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Baayʼee Kan Na Dhukkubu Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Kadhannaan Maal Siif Gochuu Dandaʼa?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
wp19 Lakk. 2 ful. 10-11

Yommuu Dhukkuba Cimaadhaan Qabamtu

Liindaa ishiin umuriin ishii waggaa 71 taʼe akkas jetteetti: “Kaansarii sombaa fi kaansarii marʼimmaanii akkan qabu yommuun baretti, yeruma sana akkan duʼu yaadeen ture. Haa taʼu malee, doktaricha biraa gara manaatti ergan deebiʼee booda, ‘Egaa kun, wanta ani eege miti, taʼus haala kana akkamitti akkan dandaʼu mala barbaaduun qaba’ jedheen yaade.”

Eliisi ishiin umuriin ishii waggaa 49 taʼe akkas jetteetti: “Fuulli koo karaa bitaa dhukkuba narvii cimaadhaan qabameera. Yeroo tokko tokko dhukkubbii cimaan natti dhagaʼamu dhiphina keessa akkan seenu na godha. Yeroo baayʼee kophummaan kan natti dhagaʼamu siʼa taʼu, of ajjeesuuf illee yaadeen ture.”

Dhukkubsataan wiilcheerii irra taaʼu tokko namoota isa jaallataniin marfamee jira

NAMNI jaallattu tokko ykn ati dhukkuba duʼaaf nama saaxiluun qabamtanii beektu yoo taʼe, haalli kun hangam akka nama dhiphisu ni hubatta. Dhukkuba sana malees, haala sanaan kan kaʼe ati ykn namni dhukkubsate sun salphaatti mufachuu ykn aaruu dandeessu. Qorannoon yaalii fayyaa maal taʼuu dandaʼa jedhanii sodaachuu, yaalii argachuu dhabuun, yaaliidhaaf wanta kaffalan dhabuun ykn rakkina qorichi fudhatte sitti fiduun kan kaʼe sodaa fi yaaddoon kee itti caaluu dandaʼa. Dhukkuba cimaa wajjin haala wal qabateen dhiphinni sammuu si irra gaʼu humnaa ol sitti taʼuu dandaʼa.

Gargaarsa eessaa argachuu dandeenya? Namoonni hedduun kadhannaadhaan Waaqayyotti amanamuu fi kutaawwan Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessan dubbisuun jajjabina guddaa akka isaaniif kenne hubataniiru. Gargaarsi kan biraan immoo jaalalaa fi deggersaa maatii fi michoonni godhan irraa argamuu dandaʼa.

NAMOONNI TOKKO TOKKO KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?

Roobarti inni umuriin isaa waggaa 58 taʼe akkas jedheera: “Waaqayyo irratti amantii qabaadhaa; inni dhukkuba keessan akka dandeessan isin gargaara. Kadhannaadhaan gara Yihowaatti dhihaadhaa. Wanta isinitti dhagaʼamu isatti himaa. Hafuura qulqulluu akka isiniif kennu kadhadhaa. Ilaalcha gaarii qabaachuu, maatii keessan jajjabeessuu fi tasgabbiidhaan dhukkuba keessan dandaʼuuf akka isin gargaaru isa kadhadhaa.”

Roobarti akkas jedheera: “Maatiin keessan karaa miiraa deggersa isiniif gochuun isaa baayʼee barbaachisaa dha. Yeroo barbaaddanitti isin biratti argamuun isaanii barbaachisaa dha. Namni tokko ykn lama guyyaa guyyaadhaan bilbilanii, ‘Akkam sitti jira?’ jedhanii na gaafatu. Michoota koo bakka biraa jiraatan irraas jajjabina argadheera. Isaan miirri gaariin akka natti dhagaʼamu godhaniiru, kunis akkan abdii hin kutanne na gargaareera.”

Isinis michuu keessan dhukkubsate tokko kan gaafattan yoo taʼe, wanta Liindaan dubbatte hubadhaa: “Namni dhukkubsatu tokko akkuma nama kaanii jireenya gaarii jiraachuu waan barbaaduuf, yeroo hundumaa waaʼee dhukkuba isaa dubbachuu hin barbaadu taʼa. Kanaafuu wantuma yeroo kan biraa dubbattan dubbadhaa.”

Jajjabina Waaqayyoo fi Kitaaba Qulqulluu irraa argamuun akkasumas deggersa maatii fi michoonni jaalala qabeeyyii taʼan nuuf godhaniin, yeroo dhukkuba cimaadhaan qabamnutti illee jiraachuun gatii akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Si Gargaaruu Dandaʼan

Waaqayyoon amanadhu.

“Ani Waaqayyoon barbaaddadhe, innis ana jalaa owwaate, sodaa koo hundumaa keessaas na baase. Namichi gadadamaan kun yommuu iyyate, Waaqayyo isaaf dhaga’e.”—Faarfannaa 34:4, 6.

Liindaa ishiin olitti ibsamte akkas jetteetti: “Ani matumaa ‘akka natti wayyaaʼu na gargaari’ jedhee kadhadhee hin beeku. Kanaa mannaa, yeroo hundumaa, ‘Na cimsi, dhukkuba koo akkan dandaʼu na gargaari’ jedheen kadhadha.”

Dubbii Waaqayyoo irraa jabina argadhu.

“Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24.

Abdii gara fuulduraa Waaqayyo kenne irratti xiinxaluudhaan, humna abdiin cimsuuf qabu irraa fayyadami.

Maatii fi michoota kee deggersa gaafadhu.

“Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, Inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17, NW.

Eliis ishiin olitti ibsamte gorsa akkas jedhu kenniteetti: “Namoota irraa adda of hin baasin. Michoonni kee akka si gargaaran gaafadhu. Kophaa akka taatee fi Waaqayyo illee akka si hin dhageenye yeroon itti yaaddu jiraachuu dandaʼa, taʼus namoota irraa adda of hin baasin.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi