Barruulee Raabsuudhaaf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenyaa?
MASARAA EEGUMSAA Gur. 1
“Yeroo har’aa namoonni hedduun hojii dhabuudhaan kan dhiphatan yeroo ta’u, kaan immoo baay’ina hojiitiin cinqamaa jiru. Hojiitti gammachuufi nagaan argamuu ni danda’a jettee yaaddaa? [Hanga inni deebii kennutti eegi. Achiis Isaayaas 65:21-23 dubbisiif.] Barruuleen Masaraa Eegumsaa kun namni hundinuu yeroon itti hojii gammachiisaa qabaatan jiraachuu isaa ibsa.”
Dammaqaa! Gur. 2003
“Akka yeroo ammaatti nageenyi keenya balaa irra bu’ee hin beeku. Hunda caalaatti kan namoota yaaddessu, hattummaan iccitii dhuunfaa baay’achaa dhufuu isaati. Kana dhageessee beektaa? [Hanga inni deebii kennutti eegi.] Lafti kun haalawwan nagaa nu dhowwatan irraa yeroon itti qulqullooftu akka dhufu Macaafni qulqulluun abdii kenna. [Isaayaas 11:9 dubbisiif.] Abdiin kun akkamitti raawwii akka argatu Barruuleen kun ni ibsa.”
MASARAA EEGUMSAA Gur. 15
“Nmoonni tokko tokko Waaqayyo jiraachuu isaa ni shakku. Kaan immoo jiraachuu isaa yoo amanan iyyuu isaan irraa baay’ee fagoo akka ta’e itti dhaga’ama. Kana beektaa? [Hanga inni deebii kennutti eegi.] Waaqayyo jiraachuu isaa beekuun maaliif barbaachisaa akka ta’e hubadhu. [Yohannis 17:3 dubbisiif.] Kana ilaalchisee mata-dureewwan barruulee kana irratti argaman si gammachiisu.”
Feb. 22
“Waaqayyo daa’imman dabalatee ilmaan namaa hunda irraa rakkoo hir’ina nyaataa hambisuuf kaayyoo qaba jettee yaaddaa? [Hanga inni deebii kennutti eegi.] Abdiin nama jajjabeessu kun Macaafa qulqulluu keessatti argama. [Faarfannaa 65:9 dubbisiif.] Barruuleen Dammaqaa! Kun sababii hir’ina nyaataafi hunda caalaa immoo abdiin Waaqayyo nuuf kenne dhihaachuu isaa ibsa.”