Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Sad. 1
“Namoonni jal’ina addunyaarratti hojjetamuun baay’ee dhiphatu. Namni addunyaa kana jijjiiruu danda’u jira jettee yaadaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, wanti jijjiirama kana akka hin finneef gufuu ta’e maal akka ta’e ni ibsa. Akkasumas, rakkoo kana kan dhabamsiisuufi addunyaarratti nagaafi tasgabbii fiduu kan danda’u eenyu akka ta’e ibsa.” Faarfannaa 72:12-14 dubbisi.
Dammaqaa! Sad. 2005
“Addunyaarratti sooressootaafi hiyyeessota gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Kana balleessuuf maaltu godhamuu danda’a jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii Maatewos 6:9, 10 dubbisiif.] Barruun kun, Mootummaan Waaqayyoo wal caalmaa kana hundumaa ni sirreessa jennee amanuu kan dandeenyu maaliif akka ta’e ni ibsa.”
MASARAA EEGUMSAA Sad. 15
“Namoonni baay’een rakkoowwan dhala namaa dhiphisan ittuma caalaa kan deeman maaliifi jedhanii gaafatu. Wanti Caqasni kun dubbatu sababii ta’a jettee yaaddee beektaa? [Mul’ata 12:9 dubbisiitii hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun karaawwan Seexanni namoota itti gowwoomsuufi dhiibbaa kana akkamitti mo’uu akka dandeenyu ibsa kenna.”