Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Mud. 1
“Raajiin Macaafa Qulqulluu kun yeroo ammaatti raawwatamaa kan jiru sitti fakkaataa? [Maatewos 24:11 dubbisiifiitii hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun barumsawwan namoota hedduu biratti fudhatama argatan tokko tokko ibsa. Barumsawwan sobaatiin akka hin gowwoomfamneef maal gochuu akka dandeenyus ni addeessa.”
Dammaqaa! Mud. 2006
“Dhugaatii alkoolii ilaalchisee amantiiwwan gidduu yaada wal faallessantu jira. Itti fayyadama dhugaatii alkoolii ilaalchisee Waaqayyotti maaltu dhaga’ama jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Dinqiin Yesus jalqaba raawwate bishaan wayiniitti jijjiiruu ta’uyyuu, Macaafni Qulqulluun akeekkachiisa akkas jedhu kenna. [Fakkeenya 20:1 dubbisiif.] Matadureen kun dhimma kana ilaalchisee yaada sirrii Macaafni Qulqulluun qabu ibsa.” Mataduree ful. 18rraa jalqabu itti argisiisi.
MASARAA EEGUMSAA Mud. 15
“Tibba kanatti namoonni baay’een dhaloota Yesus ilaalchisee wanta ergamoonni Waaqayyoo lallabaa turanirratti yaadu. [Luqaas 2:14 dubbisiif.] Nagaan asirratti ibsame dhugumaan lafarratti ni ta’a jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun yeroo dhihoo keessatti Yesus lafarratti akkamitti nagaa akka fidu ni ibsa.”
Dammaqaa! Ama. 2007
“Abdiin asirratti dubbatame yeroo raawwatamu ni argina jettee yaaddaa? [Isaayaas 33:24 dubbisiifiitii hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun saayinsiin fayyaa maal akka hojjechaa jiruufi abdiin Macaafa Qulqulluu akkamitti akka raawwatamu ibsa.”