Addunyaa Yeroo Yeroodhaan Jijjiiramu Keessatti Lallabuu
1 Wantoonni akkam dafanii jijjiiramuu! Halkanuma tokkoon balaan uumamaa, rakkoon dinagdee, jeeqamni siyaasaa, ykn wanti nama gaddisiisu uumamu tokko mata duree irratti mari’atamu ta’uu danda’a. Haata’u malee tasumatti xiyyeeffannaan namootaa bakka biraatti adeemuu danda’a. (HoE. 17:21; 1 Qor. 7:31) Addunyaa yeroo yeroodhaan jijjiiramu kana keessatti, xiyyeeffannaa namootaa gara ergaa Mootummichaatti harkisuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Wanta Isaan Yaaddessu Hubadhaa: Xiyyeeffannaa namootaa harkisuuf malli inni tokko haala tibba sana raawwatamerratti mariisisuudha. Yeroo tokko Yesus dhaggeeffattoonnisaa ejjennoo Waaqayyoo biratti qabanirratti ciminaan akka yaadan gochuuf, wanta gaddisiisaa dhihoosanatti raawwatameefi sammuusaanii keessa jiru caqase. (Luq. 13:1-5) Haaluma walfakkaatuun, nuyis misraachicha oduuwwan dhiheenyatti ka’an ykn dhimma jireenyaa namoota naannoo sana yaaddessaniin walqabsiisna. Haata’u malee, haala akkasiirratti yeroo namoota haasofsiisnu gar tokkotti looguudhaan siyaasa ykn dhimma hawaasummaa keessa akka hingalle ofeeguu qabna.—Yoh. 17:16.
3 Yeroo sanatti wanta namoota yaaddessu akkamitti beekuu dandeenyaa? Gaaffii gaafachuufi deebisanii dhaggeeffachuun mala gaarii ta’uu danda’a. (Mat. 12:34) Namootaaf yaaduun keenya ilaalchasaanii akka hubannuufi gaaffii garabiraas malaan akka isaan gaafannu nukakaasa. Deebiin abbaan manichaa akka tasaa kennu wanta namoota naannoo sanaa yaaddessu beeknee akka dhugaa baanu karaa nuuf bana.
4 Yaada Seensaarratti Qophaa’uu: Addunyaa yeroo yeroodhaan jijjiiramu kanatti, tajaajila dirreetiif qophaa’uuf kitaaba Xiinxalsiisuu jedhamuun gargaaramuu dandeenya. Seensa keenya wanta tibba sanatti uumamee wajjin walqabsiisuuf yaadiwwan nu gargaaran fuula 10-11 mataduree “Yakka/Nageenya” fi “Haalawwan Addunyaa Si’anaa” jedhu jalatti barreeffamanii argamu. Yaadni walfakkaatu Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2000, fuula 4 irratti argama. Yaada seensaa yeroo qophooftu caqasa barumsichaaf ta’u caqasuukee hin irraanfatin.
5 Akkuma wanta namoota naannoo keenyaa yaaddessuuf xiyyeeffannaa laannu, misraachoo lallabuuf seensa fayyadamnu haalawwansaanii wajjin walsimsiisuun nubarbaachisa. Karaa kanaan, wanta lapheesaanii xuqurratti haasofsiisuu dandeenya. Akkas gochuudhaan, namoonni baay’een waaqa isa amallisaafi sadarkaan ejjennoosaa hin jijjiiramnee wajjin akka walbaran gargaarra.—Yaq. 1:17.