Barruulee Raabsuuf Maal Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Ama. 1
“Namoonni baay’een lafa kanarratti nagaan akka ta’uuf ni haawwu. Caqasni kun yeroo inni itti hojiirra ooluu waan dhufu sitti fakkaataa? [Faarfanaa 46:9 dubbisi. Hanga deebii kennutti eegi.] Barruuleen Masaraa Eegumsaa kun, wanti kun akkamitti akka raawwatuufi waraana akka hambisu abdii Waaqayyo kennetti kan amanamuu dandeenyu maaliif akka ta’e ibsa.”
Dammaqaa! Ama. 2004
“Qonnaan bultoonni baay’een hojii qonnaatiin buluun itti ulfaachaa dhufuusaa utuu hin dhagayin hin haftu. [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun Dammaqaa! kun rakkoo kana ilaalchisee abdii Macaafa Qulqulluun kenne ibsa. [Faarfannaa 72:16 dubbisiif.] Yeroon deebi’ee dhufutti Waaqayyo kana kan raawwatu akkamitti akka ta’e utuun sii ibsee natti tola.”
MASARAA EEGUMSAA Ama. 15
“Yeroo har’aatti namoonni baay’een waadaa galan waan hin eegneef, nama amanuun rakkisaa ta’eera. Qaamni, abdii inni kennerratti amanuu dandeenyu jiraa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Iyaasuu 23:14 dubbisi.] Barruuleen kun, abdiiwwan Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti argamanirratti akkamitti amanuu akka dandeenyu argisiisa.”