Muuziqaa Nama Jajjabeessu
1 Faarfannaafi muuziqaan kutaa waaqeffannaa dhugaa keessaa isa barbaachisaa ta’edha. Israa’el durii keessatti Asaafiifi obboloonnisaa akkas jechuudhaan faarsaniiru: “Waaqayyoon galateeffadhaa, . . . Isa faarfadhaa, sagalee mi’a faarfannaatiin isa jajadhaa! Waa’ee hojii isaa isa dinqisiisaa hundumaas himaa!” (1 Sen. 16:8, 9) Yeroo har’aas, walga’iiwwan gumii torban torbaniin goonurratti, sagalee keenya ol kaasnee Yihowaa ni faarfanna. (Efe. 5:19) Kun, maqaa Waaqayyoo jajachuuf carraa gaarii akkamiitii!—Far. 69:30.
2 Kingidam Meelodiis (Faarfannaawwan Mootummattii meeshaalee faarfannaatiin qindeeffaman) dhaggeeffachuunis, sammuun keenya yaadawwan hafuuraatiin akka guutamu ni godha. Obboleettiin tokko akkas jetteetti, “Faarfannaa Mootummattii yommuun taphachiisu, walaloowwansaa sammuu kootti dhufu. Muuziqaa gammachiisaa waa’ee Yihowaa yaaduuf nama gargaaru dhaggeeffachuun carraa gaarii akkamiitii!”—Filp. 4:8.
3 Yeroo Itti Gammadnu: Faarfannaa Mootummattii manatti taphachiisuun, maatiin, karaa hafuuraa haala gammachiisaafi nagaa guddaa akka qabaatu godha. Maatiin tokko akkas jechuudhaan ibseera: “Yeroo hundumaa muuziqaa kana, manattiifi konkolaataa keessatti ni taphachiisna; akkasumas muuziqaan kun baay’ee kan nama gammachiisu ta’ee waan qopheeffameef, nudadhabsiisee ykn nunuffisiisee hin beeku; yeroo walga’iidhaaf qophoofnu, ykn gara walga’iiwwan gurguddaatti yeroo deemnu, faarfannaawwan Mootummattii dhaggeeffachuun, sammuun keenya nagaa akka qabaatu godha.” Obboleettiin tokkommoo: “Mana keessatti hojjechaa, faarfannaa kana yeroon dhaggeeffadhu dhugumaan nandammaqa. Uffata yeroon dachaasu dhaggeeffachuun koo hojii kanatti akkan gammadu nagodheera. Ennaan abdii kutu ykn dhiphadhutti faarfannaa kana dhaggeeffachuuf nan karoorfadha. Muuziqichi kan nama haaromsudha! . . . Guutummaan faarfannichaa gammachuu namaaf argamsiisa.” Muuziqaa nama haaromsu akkasii kanarraa yeroon faayidaa itti argattu jiraa?
4 Muuziqaawwan yeroo har’aa jiran baay’eensaanii, amala biyya lafaa kan calaqqisanidha. Warri, Faarfannaa Mootummattiitti yeroo hundumaa gargaaramuunsaanii, ijoolleensaanii muuziqaa faayidaa isaaniif argamsiisuufi nama gammachiisu kana akka dhandhamatan isaan gargaara. Barattoonni Macaafa Qulqulluufi namoonni fedhii qaban garabiraanis, waa’ee faarfannaa gammachiisaa ta’e, Yihowaa kabajchiisuufi nama dammaqsu kanaan fayyadamuudhaan gammaduu danda’u.—Far. 47:1, 2, 6, 7.