LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/04 ful. 4
  • Dhiigarraa Akka Fagaannuuf Qophii Haaraa Godhame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhiigarraa Akka Fagaannuuf Qophii Haaraa Godhame
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhiigarraa Fagaachuuf Qophii Nugargaaru
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Yaalii Fayyaa Hatattamaatiif Ammuma Qophaaʼaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Yeroo Gara Biraatti Dabarsaa Jirtaa?
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Filannoowwan Qabdu Beektaa?
    Tajaajila Mootummaa—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2004
km 12/04 ful. 4

Dhiigarraa Akka Fagaannuuf Qophii Haaraa Godhame

Qaamni Bulchiinsaa, qajeelfamawwan Ejjennoo Ani Yaalii Fayyaatiif Qabu jedhu, Yaadachiisa Yaalii Fayyaa Ilaalchisee Kenname /Kaardii Ogeessota Fayyaa Itti Gaafatamummaarraa Walaba Taasisu jedhamanirratti qajeelfamawwan argamanirraa yaadawwan ijoo ta’an maqaa Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa (HCI) jedhamuun bakka tokkotti walitti qabame akka qophaa’uuf yaada dhihaate raggaasiseera.

Qajeelfamni yaalii kun yeroo yeroodhaan kan hin haaromfamneefi addunyaa maratti bakka kamiyyuu yoo adeemne yaalii ilaalchisee ejjennoo qabnu ibsuu kan danda’udha. Gara fuulduraatti qajeelfama haaraa kana kan guunnu: (1) yaalii ilaalchisee ejjennoo qabnu, yeroo balaan uumamu namoota itti gaafatamoo nuu ta’an, teessoo ykn lakkoofsa bilbilaa keenya yoo jijiirre ykn (2) galmeen kun yoo nu jalaa bade ykn yoo butute qofadha.

Kaardii qajeelfama yaalii kana mana keenyatti kadhannaa dhiheessuudhaan eeggannoo goonee guutuu qabna. Kaardicharratti mallatteessuu keenya dura dhimmawwan seeraa wajjin wal qabatan akka gaariitti hordofuu qabna. Fakkeenyaaf, yeroo mallatteessitan namoonni lama arguu qabu jechuudhaan kaardichi kan ibsu yoo ta’e, namoonni lamaan kana arguu qabu. Ilaaltonni olaanaa qayyabannaa kitaabaa, babal’istoonni kaardii haaraa kana hin guunne gargaarsa akka barbaadaniifi akka hin barbaanne beekuuf isaaniin gaafachuu qabu.

Kaardii qajeelfama yaalii kana dachaasuu keessan dura, sirriitti akka mul’atu footoo koppii gootanii nama yeroo balaan uumamu itti gaafatamaa isinii ta’uuf, nama isa bakka bu’uuf, nama isin yaaluufi kan isin harka jiru yoo bade itti fayyadamuu akka dandeessaniif kaardii tokko qopheessuu keessan mirkaneessuu qabdu. Miseensota maatiifi barreessaa gumiitiif koppii tokko kennuu dandeessu. Kaardii kana footoo koppii yeroo gootan waraqaa footoo koppiin gargaaramuudhaan kaardichi walakkaa waraqaa sanaarra akka oolu godhaa. Footoo koppii kan gootan bifa waraqata kanaa isa tokkorratti qofa ta’uu qaba. Isin footoo koppiisaa utuu hin ta’in kaardiisaa qabachuu qabdu.

Waraqaa eenyummaa ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa warri hin cuuphamne qaban, isa guyyaa 3/99 jedhu qaburratti jijjiiramni hin godhamne. Warri, kaardiin mucaansaanii qabu akka gaariitti guutamee irratti mallatteeffamuusaa mirkaneessuufi mucaan sun bakka barbaachisaa ta’e hundumaatti qabatee akka adeemu gochuu qabu.

Babal’istoonni hin cuuphamne, galmee qajeelfama yaalii kanaafi waraqaa eenyummaa kanarratti hundaa’anii, ofii isaaniitiifi ijoolleesaaniitiif qajeelfama yaalii qopheessuu danda’u. Barreessaan gumii babal’istoota waggaa sana cuuphaman hundaaf galmee qajeelfama yaalii kana kennuufii qaba.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi