LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/05 ful. 1
  • Wal Jajjabeessuu Keessan Itti Fufaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wal Jajjabeessuu Keessan Itti Fufaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waan Gaarii Godhaa, Wanta Qabdanis Warra Kaaniin Ga’aa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Tajaajilarratti Wal Jajjabeessuu
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • “Wal Ijaaruu Keessan Itti Fufaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Gargaarsa Yeroosaatti Argamu
    Tajaajila Mootummaa—2006
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2005
km 9/05 ful. 1

Wal Jajjabeessuu Keessan Itti Fufaa

1 Phaawulos obboloota hidhata amantiisaa ta’an jajjabeessuuf wanta danda’e hunda godheera. (HoE. 14:19-22) Haala walfakkaatuun, nuyis rakkoon yeroo obboloota keenya mudatu waan gaddinuuf, isaan gargaaruu barbaanna. Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti jaarsolii gumii qofa utuu hin ta’in hundi keenya obboloota keenyaaf yaaduu qabna. (Rom. 15:1, 2) Mee amma karaa itti gorsa “wal jajjabeessaa, wal cimsaas!” jedhu itti hordofuu dandeenyu lama haa ilaallu.—1 Tas. 5:11.

2 Wanta Warra Kaan Barbaachisu Hubadhaa: Sagaleen Waaqayyoo waa’ee Doorkaas akkas jedha: “Yeroo ishee hundumaa hojii gaarii hojjechuudhaaf hiyyeessota gargaaruudhaan in dabarsiti ture.” (HoE. 9:36, 39) Isheen warra gargaarsi barbaachisuun hubachuudhaan isaan gargaaruuf waan dandeessu hunda gooti turte. Fakkeenya gaarii akkamii nuu taati! Obboloonni dullomaniifi nama gara gumiitti isaan geessu barbaadan jiru ta’a. Yookin qajeelchaan guyyoota hojiitti waaree booda nama isaa wajjin tajaajilu dhabe jira ta’a. Wantoota akkasii kana hubattee gargaarsa yoo gooteef, hangam akka jajjabaatan yaadi!

3 Dubbii Wantoota Hafuuraarratti Hundaa’e: Dubbii keenyaanis obboloota keenya jajjabeessuu ni dandeenya. (Efe. 4:29) Jaarsi gumii muuxannoo qabu tokko: “Jajjabeessuu yoo barbaaddan waa’ee wantoota hafuuraa dubbadhaa. Dubbii nama jajjabeessu jalqabuuf, gaaffiiwwan salphaa kan akka ‘Dhugaa akkamitti dhageesse?’ jedhuun fayyadamuu dandeessu” jedheera. Dargaggoota gumii keessa jiraniif garaa keetii akka yaaddu argisiisi. Obboloota abdii kutaniifi ija laafanitti dhihaadhuu haasofsiisi. (Fak. 12:25) Waa’ee bashannanawwan biyya lafaa haasa’uun, dubbii wantoota hafuuraarratti hundaa’e dubbachuu akka si dhowwu hin godhin.—Rom. 1:11, 12.

4 Haata’u malee, warra kaan jajjabeessuuf maal jechuu dandeessa? Dubbisa Macaafa Qulqulluufi qayyabannaa dhuunfaa keerratti, yaada yeroo dhihootti jaalala Yihowaadhaaf qabdu caalaatti akka guddistu si godhe argatteettaa? Wanti haasawaa sabaarraa dhageesse ykn yaanni Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarraa argatte si jajjabeesseeraa? Yookiin muxannoo amantii namaa jabeessuun garaankee xuqameeraa? Dubbiiwwan hafuuraa kanaaf bakka guddaa kan laattan taanaan, yeroo hundumaa wanta obboloota keessan jajjabeessu hin dhabdan.—Fak. 2:1; Luq. 6:45.

5 Gargaarsa kennuufi dubbii afaan keenyaatti akka gaariitti fayyadamuudhaan, wal jajjabeessuu keenya itti haa fufnu.—Fak. 12:18.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi