Waan Gaarii Godhaa, Wanta Qabdanis Warra Kaaniin Ga’aa
1 Dorkaas “yeroo ishee hundumaa hojii gaarii hojjechuudhaaf hiyyeessota gargaaruudhaan in dabarsiti ture.” (HoE. 9:36, 39) Amalli arjummaashee, namoota ishee beekaniifi Yihowaa duratti akka jaalatamtu ishee godheera. Ibroonni 13:16 akkas jedha: “Wanta gaarii gochuu, waan qabdan warra kaaniin ga’uus hin dagatinaa! Waaqayyo aarsaa akkasiitti in gammada.” Yeroo har’aatti, wanta gaarii gochuufi waan qabnu warra kaaniin ga’uu kan dandeenyu akkamitti?
2 Karaan warra kaaniif gaarii gochuu itti dandeenyu keessaa inni tokko, ‘qabeenya keenya’ hiruudhaani. (Fak. 3:9) Buusiin hojii addunyaa maraatiif goonu, Galmawwan Mootummaa, Galmawwan Walga’ii gurguddaaniifi waajjiroonni damee addunyaa maratti akka ijaaramaniif gargaara. Buusiin arjummaadhaan goonu, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman barumsa ti’ookraasiifi walga’iiwwan hafuuraa nama jajjabeessanirraa bu’aa akka argatan godheera.
3 Wal Jajjabeessaa: Yeroo balaan ga’u, Dhugaa Baatonni Yihowaa warra amantiisaanii hordofaniifis ta’e hin hordofneef ‘waan gaarii hojjechuuf’ qophaa’oodha. (Gal. 6:10) Biyya Faransaay keessatti warshaan keemikaalaa tokko yeroo gubatetti, haati manaafi abbaan manaa naannoo warshaa sanaa jiraatan akkas jedhanii turan: “Obboloonni keenya yeruma sanatti dafanii nuu ga’uudhaan, iddoowwan jireenyaa keenyas ta’e kan warra kaanii qulqulleessan. Ollaawwan keenya, namoonni baay’een gargaarsaaf dhufuunsaanii isaan dinqisiisee ture.” Obboleettiin kan biraas akkas jechuudhaan dubbatti: “Jaarsoliin gumii nu gargaaruufi nu jajjabeessuuf nutti marsanii turan. Dhugumaan gargaarsa karaa foonii caalaa kanatu nu barbaachisa ture.”
4 Ollaawwan keenyaaf karaan waan gaarii itti gochuu dandeenyu baay’een jiraatuyyuu, gargaarsi caalaatti isaan fayyaduu danda’u, beekumsa dhugaa “abdii jireenya bara baraa” Yihowaan kenne dabalatu isaaniif hiruudha. (Tit. 1:1, 2) Ergaan Macaafa Qulqulluu, namoota haalawwan addunyaa keessatti raawwatamaniifi cubbuu mataasaaniitti gaddaniif jajjabina dhugaa argamsiisa. (Mat. 5:4) Hanga dandeenyutti warra kaaniif gaarii gochuufi waan qabnu hiruuf carraaqqii gochuu keenya itti haa fufnu.—Fak. 3:27.