Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Hag. 1
“Yeroo har’aatti namoonni warra kaan yommuu miidhan arguun waan baramedha. Namoonni baay’een jecha Yesus Maatewos 7:12rratti dubbate hojiirra utuu oolchanii haalli kun kan jijjiiramu sitti fakkaataa? [Caqasicha dubbisiifiitii hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, mirgi ilmaan namootaa ulfina argachuuf qaban akkamitti akka kabajamuuf Macaafa Qulqulluurraa caqasee ibsa.”
Dammaqaa! Hag. 2006
“Michoota keenya du’aan dhabne lammata kan argannu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Warra du’an ilaalchisee abdii Yesus kenne qalbeeffadhu. [Yohannis 5:28, 29 dubbisiif.] Matadureen kun, Macaafa Qulqulluurraa caqasuudhaan yeroo duunu maal akka taanu ibsa.” Mataduree ful. 28rraa jalqabu itti argisiisi.
MASARAA EEGUMSAA Hag. 15
“Yaada Yesus dubbate tokkorratti ilaalcha akkamii akka qabdu dhaga’uun barbaada. [Maatewos 5:5 dubbisiif.] Abdiin kenname kun yommuu raawwatamutti haalli yeroo ammaa lafarra jiru kan itti fufu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun Macaafa Qulqulluurraa caqasuudhaan Yesus lafa kana akkamitti akka jijjiiru dubbata. Yeroo sanatti lafa kan dhaalan namoota akkamii akka ta’anis ni ibsa.”
Dammaqaa! Fulb. 2006
“Namoonni baay’een Waaqayyotti amanuun deggersa saayinsii qabaachuusaa ni shakku. Atoo maal jetta? [Hanga deebii kennutti eegiitii Ibroota 3:4 dubbisiif.] Dammaqaan! adda ta’e kun, saayintiistonni tokko tokko Waaqayyotti amanuu kan danda’an sababii maaliitiin akka ta’e ibsa.”