Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Hag. 1
“Namoonni baay’een waan ijaan argan qofaatti akka amanan dubbatu. Atoo kanarratti walii galtaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Roomaa 1:20 dubbisiif.] Barruun kun, amalawwan Waaqayyoo uumamasaarratti mul’atan sadii ibsa. Kana malees, waa’ee amalawwan kanaa beekuun keenya maal gochuuf akka nu kakaasu addeessa.”
Dammaqaa! Hag.
“Qilleensaa wajjin haala wal qabateen, ollaawwan keenyaa wajjin dhimma barbaachisaa tokkorratti mari’achaa jirra. Namoonni baay’een, ho’i dabalaa deemuunsaa lubbuu lafarra jiraatu balaadhaaf saaxila jedhanii yaadu. Rakkinni kun akkamitti furmaata argata jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Isaayaas 11:9 dubbisiif.] Barruun kun, lafti namoonni barabaraaf akka irra jiraataniif kan uumamte ta’uunshee kan hin shakkisiisne maaliif akka ta’e ibsa.”
MASARAA EEGUMSAA Hag. 1
“Qabeenyi lafaa karaa sirrii hin taaneen manca’uusaatiin kan ka’e, lafti kun badiisarraa ni ooltii laata jettee yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Abdii nama gammachiisu kana ilaali. [Faarfannaa 104:5 dubbisiif.] Barruun kun, lafti gara fuulduraatti maal akka taatu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu ibsa.” Mataduree fuula 18rra jiru itti argisiisi.
Dammaqaa! Hag.
“Namoota waa’een lafaa isaan yaaddessuu wajjin mari’achaa jirra. Carraaqqiin mootummoonni ilmaan namootaa godhan, ho’a biyya lafaarra jiruuf furmaata ni argamsiisa jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Ermiyaas 10:23 dubbisiif.] Mataduree kana baay’ee jaallatta. Rakkoowwan lafa kana balaadhaaf saaxilaniif furmaata Waaqayyo kennurratti xiyyeeffata.”