LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/07 ful. 4
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenyaa?
    Tajaajila Mootummaa—2004
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 9/07 ful. 4

Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?

MASARAA EEGUMSAA Hag. 1

“Wanta Yesus asirratti dubbaterratti ilaalcha akkamii akka qabdu utuun beekee natti tola. [Maatewos 5:3 dubbisi.] Waa’ee hafuuraarratti xiyyeeffachuun gammachuu argachuuf barbaachisaa akka ta’e sitti dhaga’amaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun jireenyi hafuuraa dhugaan maal akka ta’eefi akkamitti argachuu akka dandeenyu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu ibsa.”

Dammaqaa! Hag. 2007

Dargaggeessa tokkoon akkas jechuu dandeessu: “Namoonni umrii keetti argaman baay’een hamii gadheedhaan miidhamu. Wanti akkasii sirra ga’ee beekaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun hamii gadheen yoo nurra ga’e maal gochuu akka qabnu gorsa gaarii nuu kenna. Kana malees, ofii keenyaa hamii gadheerraa akkamitti fagaachuu akka dandeenyu ibsa.” Mataduree fuula 12⁠rra jiru erga itti argisiistee booda caqasa achirra jiran keessaa tokko dubbisiif.

MASARAA EEGUMSAA Hag. 15

“Wanta caqasni kun jedhurratti ilaalcha akkamii akka qabdu utuun beekee natti tola. [Ibroota 3:4 dubbisi.] Yaada uumamni cufti Uumaa qaba jedhu kanatti ni amantaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun Uumaatti amanuun saayinsii wajjin wal simamoo hin simu yaada jedhu ibsa.”

Dammaqaa! Fulb. 2007

“Baay’een keenya fayyaa gaariifi umrii dheeraa argachuu hawwina. Ilaalcha gaarii qabaachuun fayyaa keenya nuu fooyyessuu kan danda’u sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Fakkeenya 17:22 dubbisiif.] Barruun kun ilaalcha gaarii qabaachuun maaliif barbaachisaa akka ta’e ibsa.” Mataduree fuula 26⁠rra jiru itti argisiisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi