LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/07 ful. 3
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Intarneetiitti Ogummaadhaan Fayyadamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Intarneetiidhaan Hiriyoota Horachuun Rakkina Qabaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Qophii Namoota Gargaaruuf Godhame
    Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2007
km 7/07 ful. 3

Saanduqa Gaaffii

◼ Nama hin beekne Intarneetiidhaan hiriyaa godhachuun balaa maalii qaba?

Weeb saayitoonni baay’een namoonni karaa Intarneetii akka wal qunnaman, akkasumas ergaa akka wal jijjiiran godhamanii kan hojjetamanidha. Weeb saayitoota kana keessaa baay’een namoonni seenaasaanii akka ibsan kan isaanii heyyamu si’a ta’u, kunis suuraafi odeeffannoo dhuunfaasaanii kan dabalatu ta’uu danda’a. Namoonni Weeb saayitii kanarraa seenaa argatanii dubbisuudhaan wal qunnamuu danda’u. Weeb saayitoonni akkasii kun dargaggoota biratti baay’ee jaallatamoo si’a ta’an, dargaggoonni gumii keessa jiran tokko tokkos namoota nuyi Dhugaa Baatota Yihowaadha ofiin jedhanii wajjin hiriyummaa uumuuf itti fayyadamaniiru.

Namni Intarneetiidhaan qunnamnuu sun, maalummaasaa, hariiroo inni Yihowaa wajjin qabuufi kaka’umsasaa ilaalchisee wanta sobaa dubbachuudhaan salphaadhumatti nu gowwoomsuu danda’a. (Far. 26:4) Namni tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa akka ta’e dubbatuyyuu, kan hin amanne, gumii keessaa kan baafame ykn gantuu dogoggorsuuf hidhatee ka’e ta’uu danda’a. (Gal. 2:4) Namoonni daa’imman dirqisiisanii gudeedan hedduun Weeb saayitii kanatti akka fayyadaman dubbatama.

Namni nuyi ergaa wal jijjiirru kun gumii keessatti haala gaariirra kan jiru ta’ullee, iddoo akkasiitti haasa’uun keenya, salphaadhumatti wanta gadhee ta’e raawwachuutti nu geessuu danda’a. Sababnisaas, namni tokko nama qaamaan argee hin beekne tokkootti dhoksaa malee waan garaasaa dubbachuudhaaf salphaa waan ta’eefidha. Qunnamtiisaanii kana lamaansaanii ala eenyullee beekuu akka hin dandeenye, akkasumas wanta isaan jedhan warri kaan jechuunis warraafi jaarsoliin gumii hamma hin dhageenyetti akka isaanirratti hin xiyyeeffatamne itti dhaga’ama ta’a. Kan nama gaddisiisu, dargaggoonni maatii Kiristiyaana ta’an keessa jiraatan tokko tokko kiyyoo kanaan qabamuusaaniirrayyuu, dubbii gurra namaatti hin tolle dubbachuu jalqabaniiru. (Efe. 5:3, 4; Qol. 3:8) Kaanimmoo, fakkiisaanii saalqunnamtiif namoota kakaasu, maqaa nama qaanessu baafatu ykn muuziqaafi viidiyoo waa’ee saalqunnamtii ifatti dubbatan baafata kompiitara isaaniitti galchaniiru.

Wanta kanaa olitti dubbatame ilaalchisee warra kan ta’an, ijoolleensaanii kompiitaratti si’a fayyadaman cimsanii isaan to’achuu qabu. (Fak. 29:15) Nama maalummaasaa hin beekne tokko, mana keessanitti afeeruun ykn qofaasaa ijoollee keessanii wajjin akka taa’u gochuun balaa qaba. Haaluma wal fakkaatuun, yoodhuma isaan Dhugaa Baatota Yihowaadha nuun jedhanillee, nuyis taane ijoolleen keenya nama maalummaasaa hin beekne tokkoo wajjin karaa Intarneetii hiriyaa godhachuun balaa nurraan geessisa.—Fak. 22:3.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi