LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/09 ful. 2
  • “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Xalayaa Qaama Olaanaa irraa Ergame
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • “Jaalalli Waaqayyoo Isakana’oo”
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Jaalalli Waaqayyoo Bara Baraaf Jiraata
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 1/09 ful. 2

“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”

1. Kitaabni “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu kaayyoo maaliif qophaa’e?

1 Kitaaba haaraa “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu qayyabachuuf hawwii guddaadhaan eeggachaa jirra! Xalayaan Qaamni Olaanaa namoota Yihowaa jaallataniif barreesse akkas jechuudhaan xumura: “Kitaabni kun dhugaa baratte kana hojiirra oolchuukee itti fufuudhaan ‘jaalala Waaqayyoo isa jireenya barabaraatti si geessu keessatti of eeguuf’ akka si gargaaru hawwii keenyadha.—Yih. 21.”

2. Kitaabni haaraan kun jireenya keenya keessatti karaawwan kamiin nu gargaara?

2 Wantoota Barannu: Gama hiriyummaa, bashannana, aboo kabajuu, amala, gaa’ela, waan dubbannuufi aadaa ilaalchisee seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra ooluu kan danda’an akkamitti? Yaanni garaa keenya seera amala isa qajeelaa hunda caaluufi Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsameen leenjifama. (Far. 19:7, 8) Ilaalcha Yihowaa caalaatti hubachaa yeroo adeemnu, fedhiin isa gammachiisuuf qabnu guutummaa jireenya keenyaan isaaf abboomamuuf nu kakaasa.—Fak. 27:11; 1 Yoh. 5:3.

3. Walga’ii torban torbaniin godhamurratti yaada kennuuf waan dandeenyu hunda gochuu kan qabnu maaliifi?

3 Kitaaba Kanatti Fayyadamuuf Murteessi: Kitaabni kun Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumiirratti fuulduratti kan qayyabatamu ta’us, kitaabichaa wajjin akka gaariitti wal baruuf ammumaa kaastee akka dubbistu si jajjabeessina. Kunimmoo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu namoota fedhii argisiisanii wajjin taasisnuuf qofa utuu hin ta’in, al tokko tokko Waaqeffannaa Maatii Wajjin Galgala taasisnurratti itti fayyadamuuf nu gargaara. Akka gaariitti qophaa’uun, yaada gabaabaafi ifaa warra kaan jaalalaafi hojii gaariif kakaasu kennuf, akkasumas maree miira ho’aafi barumsa dabarsu kennuuf gumaacha guddaa qaba. (Ibr. 10:24) Amantii keenya ilaalchisee yaada kennuun, gammachuu keenya guutuu taasisa.

4. Abboommiiwwan Yihowaa eeguun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

4 Yesus galgala dhuma jireenyasaa isa lafaarratti, jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf abboommiiwwan Yihowaa eeguun barbaachisaa ta’uusaa ibseera. (Yoh. 15:10) Kitaaba “Jaalala Waaqayyoo” jedhamutti fayyadamuudhaan, yeroo kamiyyuu caalaatti jireenya keenya keessatti seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuufi ‘jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf’ akka murteessinu nu gargaara.—Yih. 21.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi