LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/09 ful. 3
  • Guyyuma Guyyaan Yihowaa Jajadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guyyuma Guyyaan Yihowaa Jajadhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqa Keenya Yihowaa Jajadhaa!
    Yihowaa Faarfadhaa
  • Waaqa Keenya Yihowaa Jajadhaa!
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
  • Yihowaan Guddisee Kan Jajamuu Dha Ayyaanni Irbaata Gooftaa Ebla 16 Kabajama
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • “Maqaa Yihowaa Jajadhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Tajaajila Mootummaa—2009
km 7/09 ful. 3

Guyyuma Guyyaan Yihowaa Jajadhaa

1. Tajaajiltoonni Waaqayyoo maal gochuuf kaka’u? Maaliif?

1 Daawiti Mootichi, “guyyuma guyyaan” kanarras darbee barabaraan Yihowaa jajachuuf murtoo qabu ibseera. (Far. 145:2, 7, 21) Nuyis sababii itti guyyuma guyyaan Yihowaa jajanu qabna.—Far. 37:10; 145:14, 18; 2 Phe. 3:13.

2. Maatiiwwan guyyuma guyyaan Yihowaa jajachuu kan danda’an akkamitti?

2 Mana Keenya Keessatti: Walga’iiwwan gumiitiif yeroo qophoofnu, caqasa guyyaa guyyaafi Waaqeffannaa Maatii wajjinii yommuu goonu, barreeffamoota waa’ee Waaqayyoofi waa’ee Macaafa Qulqulluu mari’achuuf nu gargaaran qabna. Maatiiwwan hedduun yoo xinnaate guyyaatti al takko nyaata wal duukaa nyaachuu amaleeffataniiru. Kunimmoo yeroo ga’aa isaan barbaachisu argachuudhaan, utuu hin dhiphatin waliin haasa’uuf, akkasumas Yihowaa jajachuuf carraa isaani kenna. Warra kan ta’an, karaa alidilee akkasiitiin ijoolleesanii wajjin haasa’uuf kaka’umsa qabaachuun ijoolleesaanii karaa “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” guddisuudhaaf isaan gargaara.—Eef. 6:4; Kes. 6:5-7.

3. Obboloota keenyaa wajjin yommuu taanu Yihowaa jajachuuf carraa akkami qabna?

3 Obboloota Keenya Wajjin: Yeroo tajaajilarratti hirmaannu ykn ennaa obboloota keenyaa wajjin walga’iiwwan gumii keessa taanu, Yihowaa jajachuuf carraa guddaa qabna. (Fak. 15:30; Filp. 4:8; Ibr. 13:15) Hundi keenya Yihowaa waan jaallannuuf, yommuu waliin haasofnu gaarummaa Yihowaan nutti argisiiseef dinqisiifannaa qabnu garaadhaa ibsuun salphaa ta’a.—Far. 106:1.

4. Yihowaa akka jajattan argisiisuu kan dandeessan akkamitti?

4 Namoota Yihowaa Hin Waaqeffannee Wajjin Yommuu Haasofnu: Haalli keenya yeroo hunda tajaajilarratti hirmaachuuf nuu hin heyyamu taanaan, warra wajjin barannu, warra wajjin hojjennuufi warra naannoo keenya jiranitti waa’ee Yihowaafi waa’ee kaayyoosaa gabaabaadhumatti himuun, namoota garaa qajeeloo qabaniif abdii kenna. (Far. 27:14; 1 Phe. 3:15) Obboleettiin tokko xiyyaaraan utuu deema jirtu, dubartii wajjin adeemaa turte tokkoof dhugaa kan baate si’a ta’u, dubartiin kunis waan dhageesseetti jajjabinaafi gammachuu waan argatteef, yeroo booda wal argachuu akka danda’aniif jecha teessoofi lakkoofsa bilbilashee obboleettiif kennite. Rakkina dabalaa deemuufi haala manca’aa jiruun kan ka’e addunyaan dhiphachaa yeroo jiru kanatti, sabni Yihowaa namoota dhaga’uuf fedhii qabaniif “misraachoo” himuusaanii itti fufaniiru. Misiraachoon kun warra kaaniif abdii kan argamsiise ennaa ta’u, kunis Yihowaa akka jajatan isaan kakaaseera.—Isa. 52:7; Rom. 15:11.

5. Yihowaa jajachuun fedhii keenya kan ta’e maaliifi? Kanaanimmoo maal raawwachuu danda’a?

5 Yihowaan tajaajiltoonnisaa guyyuma guyyaan akka isa jajatan yommuu dhaga’u ni gammada. Akkuma uumama Yihowaa naannoo keenyatti argamanii, nuyis mana keenya keessatti, gumii keessattiifi warra Yihowaa hin waaqeffannee wajjin yommuu haasofnu, guyyuma guyyaan akka Isa jajannu gammachuudhaan beeksisuu dandeenya.—Far. 19:1-4.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi