Yihowaan Guddisee Kan Jajamuu Dha Ayyaanni Irbaata Gooftaa Ebla 16 Kabajama
1 Ayyaana irbaata gooftaa Ebla 16, 2003 kabajamutti yeroo dhihaachaa deemnu hawwiin keenya ni dabala. Galgala sanatti du’a Yesus ni yaadanna, akkasumas obboloota miiliyoonaan lakkaa’aman addunyaa maratti argamanii wajjin taanee Yihowaa jajanna. Yihowaan qophii furii nuuf dhiheesse kanaaf galata argachuu qaba. Furii kanaanis ilmaan namaa ajajamoo ta’an hunda ni eebbisa. Nuyis yaada keenya guutuudhaan akkuma faarfatichaa sagalee keenya ol fuunee, ‘Yihowaan guddaa dha, guddisee kan jajamuu dha’ jennee faarsuu dandeenya.—Far. 145:3.
2 Yeroon ayyaana yaadannoo kun, gaarummaa Waqayyoo irratti kan itti yaadnuufi, ‘akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erguu’ isaatiin galata galchuun akka nurraa eegamu kan ittiin yaadannu dha. (1 Yoh. 4:9, 10) Ajajamummaadhaan irbaata gooftaa kabajuun keenya, qalbiin keenya ‘Yihowaan araara-qabeessaa fi oo’a-qabeessa; . . . gaarummaan isaas guddaa’ ta’uu isaa akka dinqisiifatu taasisa. (Far. 145:8) Dhugaa dha, furiin kun jaalala guddaa Yihowaan ilmaan namaatiif qabu kan agarsiisuu dha. (Yoh. 3:16) Jaalala jabaa Waaqayyo nuuf qabuufi ejjennoo jabaa Yesus amanamummaadhaan mul’ise irratti yeroo xiinxallu, Yihowaa jajuuf ni kakaana. Jireenya bara baraa argachuu akka dandeenyu nu gochuudhaan jaalala daangaa hin qabneen waan nu jaallateef bara baraaf Yihowaa ni faarfanna.—Far. 145:1, 2.
3 Warri Kaan Yihowaa Akka Jajan Gargaaruu: Kennaa guddaa furii Waaqni nuuf kenne kanaaf dinqisiifannaan qabnu, warri kaanis nu wajjin Yihowaa akka faarsan gargaaruuf nu kakaasa. Faarfatichi hafuura Waaqayyootiin kaka’ee “Isaan seenaa baay’ina arjummaa kee gad in jijjigsu, qajeelummaa kees sagalee gammachuutiin in dhageessisu” jedhee barreessera. (Far. 145:7) Waggaa darbe qofatti, Dhuga-baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman sa’aatii, biliyoonaa ol ta’u hojii lallabaa irratti dabarsaniiru. Carraaqqiin godhan kun bu’aa akkamii argamsiisee? Giddu-galeessaan torban torbaniin namoonni 5,100 ol ta’an Yihowaaf of murteessuu isaanii cuuphaadhaan mul’isaniiru. Warra babal’istoota ta’anii Yihowaa jajuu hin jalqabne kan Miiliyoona 9 ol ta’an dabalatee, walumatti kan ayyaana yaadannoo du’a Kristos irratti argaman 15,597,746 turan. Kunis guddinni akka argamu kan agarsiisu dha. Babal’istoota Mootummattii waan taaneef, misraachoo labsuufi qalbii namootaa gara Yihowaatti, ilma isaattiifi gara Mootummattiitti deebisuuf mirga addaa arganne kana kabajaan qabachuu qabna.
4 Warri kaan Yihowaa akka kabajan jajjabeessuudhaaf malli gaariin, nu wajjin ayyaana Yaadannoo Irbaata Gooftaa akka kabajan afeeruu dha. Namoota afeeruu barbaaddu guyyaafi sa’aatii ayyaanichi itti kabajamu yaadachiisuuf galmee keetti qabatteettaa? Namoota galmeessite hundaaf waraqaa afeerrii laatteettaa? Yoo hin laanne ta’e, yeroo qabdutti waraqaan afeerrii kun akka isaan ga’u carraaqqii godhi. Warra afeerte kaayyoon ayyaanichaa maal akka ta’e ibsiif. Namoota afeeramanii dhufan nagaa gaafachuu hin dagatin. Dhufuu isaaniitti akka gammadde haa beekan; obboloota kaanii wajjin wal barsiisi; ayyaanicha irratti argamuu isaaniitiif galateeffadhu.
5 Namootni haaraan Ayyaana Yaadannoo du’a Kristos irratti argamuun isaanii karaa hafuuraa akka jabaatan isaan gargaara. Qayyabannaan Macaafa qulqulluu, jeequmsa sammuu balaa booda uumamuun qabame tokko, waca waan hin barbaadneef iddoo namoonni walga’anitti argamuu hin barbaadu ture. Garuu gara walga’ii kanaa dhufee, wanta itti dhagahaame yeroo gaafatamu, “Galgala kabajamaa akkamii ture, achitti argamuu kootiin gammadeera” jedhe. Kana booda walga’ii kaan irrattis argamuu jalqabeera.
6 Yaadannoo Booda: Namoonni fedhii akkanaa qaban kun Yihowaa akka jajan gargaaruuf maaltu godhamuu qabaa? Jaarsoliin warra haaraa ayyaana yaadannoo irratti argaman yaadachuudhaan wanta barataniifi ayyaana kabajan kana utuu hin irraanfatin babal’istoonni dandeettii qaban utuu hin turin deebi’anii akka isaan gaafatan haala ni mijeessu. Isaan keessaas tokko tokko qayyabannaan Macaafa qulqulluu akka jalqabamuuf ni barbaadu ta’a. Yeroo hunda walga’ii irratti argamuun beekumsa Macaafa qulqulluu waan guddisuuf, Walga’ii torbanii hunda irrattis akka argaman afeeruun barbaachisaa dha.
7 Warra gumii irratti yeroo hunda hin argamneefi karaa hafuuraa qabbanaa’an jajjabeessuuf haalli mijaa’uu qaba. Nama tajaajila irratti hirmaachuu dhiise tokko akka gargaartu jaarsoliin yoo si gaafatan deebii gaarii kennuuf qophaa’i. Obboloota keenyaaf jaalala akkanaa qabaachuun keenya, gorsa Phaawulos “Egaa akkuma fucha argannetti, kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna” jedhuu wajjin kan walsimuu dha.—Gal. 6:10.
8 Hundi keenya ayyaana yaadannoo Ebla 16 kabajamu kana irratti argamuuf carraaqii addaa haa goonu. Ayyaana qulqullaa’aa Yihowaa ittiin jajnu kana irraa hafuu hin barbaadnu. Eeyyen, ammas bara baraafis hojii isaa isa guddaadhaaf Yihowaa haa jajnu!—Far. 145:21.