Tajaajiltoonni Kiristiyaana Ta’an Kadhachuun Isaan Barbaachisa
1. Tajaajila keenya raawwachuuf maaltu nu barbaachisa?
1 Tajaajila keenya humna keenyaan raawwachuu hin dandeenyu. Hojicha akka raawwannuuf jabina kan nuu kennu Yihowaadha. (Filp. 4:13) Ergamootasaatti fayyadamee, namoota hoolotatti fakkeeffaman akka argannu nu gargaara. (Mul. 14:6, 7) Sanyiin dhugaa nuyi facaasneefi bishaan obaasne akka guddatu kan godhu Yihowaadha. (1 Qor. 3:6, 9) Kanaaf, tajaajiltoonni Kiristiyaana ta’an Abbaa keenya isa samii kadhachuudhaan isatti akka amanaman argisiisuunsaanii baay’ee barbaachisaadha!
2. Waa’ee wantoota akkamii kadhachuu dandeenya?
2 Ofii Keenyaaf: Yeroo lallabnu hundatti kadhannaa dhiheessuu qabna. (Efe. 6:18) Waa’ee wantoota akkamii kadhachuu dandeenya? Naannoo tajaajilaa keenyaaf ilaalcha gaarii akka qabaannuufi ija jabina qabaachuuf kadhachuu dandeenya. (HoE. 4:29) Yihowaan namoota garaa qajeelaa qabaniifi Macaafa Qulqulluu qayyabatanii wajjin akka wal nu argisiisu gaafachuu dandeenya. Namni haasofsiisnu sun gaaffii yoo nu gaafate, Yihowaan deebii sirrii deebisuuf akka nu gargaaru, garaa keenyatti kadhannaa gabaabaa dhiheessuu dandeenya. (Nah. 2:4) Ogummaa, yeroo hundumaa tajaajila keenyaaf dursa akka kenninu nu gargaarus gaafachuu dandeenya. (Yaq. 1:5) Kana malees, kadhannaan keenya mirga tajaajiltootasaa ta’uuf arganneef galateeffannaa qabnu kan dabalatu yoo ta’e Yihowaan ni gammada.—Qol. 3:15.
3. Warra kaaniif kadhachuun hojiin lallabaa akka babal’atu kan gargaaru akkamitti?
3 Warra Kaaniif: Yeroo barbaachisaa ta’uttis, tajaajiltoota hidhata keenya ta’an maqaa dhoofnee ‘waliif kadhachuu’ qabna. (Yaq. 5:16; HoE. 12:5) Dhibeen fayyaa hirmaannaa tajaajilarratti gootu si jalaa daangesseeraa? Taanaan, tajaajiltoota hidhatakee ta’aniifi haalli fayyaasaanii gaarii ta’eef kadhadhu. Matumaa kadhannaan waa’eesaanii dhiheessitu gatii akka hin qabne sitti hin dhaga’amin! Akkasumas obboloonni keenya ‘nagaafi gabiitti akka jiraataniif,’ mootummoonni hojii lallabaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatan kadhachuun barbaachisaadha.—1 Xim. 2:1, 2.
4. Kadhannaatti cimuu kan qabnu maaliif?
4 Guutummaa biyya lafaatti misraachoo lallabuun, hojii humna keenyaan raawwachuu dandeenyu miti. ‘Kadhachuutti yoo cimne’ garuu, gargaarsa Yihowaatiin hojii kan raawwachuu dandeenya.—Rom. 12:12.